Maqaa guutuu: Taammiruu Qana’aa Jallis
Lafti dhaloota: Oromiyaa, Wallagga Bahaa, Aanaa Eebantuu, Ganda Qeelloo.
Bara dhalootaa: A.L.H tti bara 1960 moota keessa kan ta’e
Haala Maatii: Abbaa ijoollee jahaa fi walumatti maatii saddeet kan bulchan
Hojii: Qotee bulaa
Haala Siyaasaa: Miseensa KFO
Jaalala biyyaa kan qabanii, Uummata Oromoo naannichaa biratti fudhatama guddaa kan qabanii fi Oromummaa isaani baay’ee kan jaallatan akka ta’e jiraattonni naannichaa dhugaa bahu. Kanumarraa kan ka’es Dhiibbaan garaa garaa mootummaa biyyattii irraa maqaa hidhata ABO qabda jedhuun yeroo hedduuf irra gahaa kan ture akka ta’es ni beekama. Dhugaan jireenya isaanii garuu nama nagaafi Qotee bulaa Maatii isaanii saddeettanii fi firoottan isaanii jiraachisuu fi jireenya isaanii mo’achuuf jecha oliif gadi kaachaa turani dha.
Haa ta’uyyuu malee, Nagaa Dhalattoota Oromoo jeequuf jecha kan ciisa hin qabne Mootummaan wayyaanee; guyyaa gaafa Bitootessa 16, 2008 A.L.H halkan keessaa sa’aa 10 irratti mana jireenya isaanii achuma ganda Qeellootti argamutti dhaquun waraana wayyaanee 200 fi isaa oliin dhukaasa guddaa irratti uumuun maatii fi naannoo jeequun, maatiisaa hunda haadha warraa dabalatee reebicha hamaa irraan gahani; daa’ima xiqqoo siree irraa darbatanii lafatti dhidhiituun; isas reebaa fi lafarra gototaa gara kaampii waraanaa Guttinitti argamu geessuun isa boodas gara mana Kaampii waraanaa Naqamtetti argamutti reebicha hamaa hanga lafeen dugugguruu dugdaa (spinal cord) miidhamutti reebani. Kanaan boodas gaafa Bitootessa 19 halkan qixxee akka lafa isaan dhaqatan hin beeknetti harkaafi miilla isaanii takaaluun namoota nagaa gandicha keessa jiraatan 16 hidhata cimaa waliin qabdu jedhanii walumaan gara mana dararaa Maayikalaawwii isa lafee Ilmaan Oromoo hedduu alanfateetti geessani.
Sabboontonni obbo Taammiruu waliin hidhata qabdujedhamanii Aanaa Qeelloo irraa qabamanii isaan waliin gara Mana dararaa Maayikalaawwiitti geeffamanis:
- Obbo Margaa Dabaloo
- Obbo Qanaatee Raggaasaa (Lukti isaanii lamaanuu reebbicha hamaa mana dararaa Maayikalaawwiitti irratti ta’een kan laamsha’ee fi guutummaatti gargaarsa namaa malee socho’uu kan hin dandeenyee fi taa’uullee kan hin dandeenye)
- Obbo Battaa Guttaa
- Obbo Masmmoo Baqqalaa
- Obbo Tolaa Bayyanaa
- Obbo Dhaabaa Fiqaaduu
- Obbo Wandimmuu Taasisaa
- Obbo Mangistuu Tashoomaa
- Obbo Tafarraa Margaa
- Obbo Dassaalany Dureessaa
- Obbo Shaambal Bukkee
- Obbo Magarsaa Guutuu
- Obbo Taaddalaa Galataa
- Obbo Badhaasaa
- Obbo Tsaadiquu
- Obbo Bojaa fi kanneen biroollee ni jiru.
Achittis mana duukkanaa Saayibeeriyaa jedhamuun beekamu lakkoofsa–8 keessatti baatii afur guutuu dararaa suukkanneessaa fi ilma namaaf hin malle irratti raawwatameera. Dararaawwan qorannoo wajjin wal qabatee Obbo taammiruu irratti raawwataman keessaa:
Halkan keessaa sa’aa 6:00 irratti qorannoof si barbaanna jechuun gara mana qorannoo geessuun reebicha hamaa erga irraan gahaa turanii booda waraqaa sobaan qindaa’ee maqaa ilmaan Oromoo baay’ee irra jiru irratti waliin yakka shororkeesssummaa raawwachaa akka turtan kan ibsu kanarratti mallatteesi jedhanii rasaasa afaan keessa kaa’uun doorsisaa turan. Isaanis eenyummaa maqaa namoota tarreeffamanii sana waan hin beekneef mallatteessuu didaniiru.
Kanarraa kan ka’e Caamsaa 15,2008 A.L.H tti “siin si hin ajjeefnu garuu akka ati hin duunee fi hin jiraanne sin goona” jechuun qorataa maqaan isaa Woldemikaa’el Tinsaa’ee Haftoom jedhamuun hidhaa dararaa lakkoofsa-8 jedhamee beekamu hidhuun, Mismaara dammeessa’e (rusted) lakkoofsa 11’n luka isaa mirgaa quba moggee fi arfaffaa giduu waraanuun keessa dabarsuun Xaawulaa wajjin walitti rukutanii qabsiisuun achitti qaamasaa guutummaatti asiif achi raasuun manni qorannichaa galaana dhiigaan guutee; kana booda gaafa mismaarichi buqqa’uu didu meeshaa mertilow jedhamuun keessaa buqqisuun itti xaphachaa ture.
Dararaa kana booddee hatattamaan gara mana yaalaa xiqqaa mana hidhichaa keessa jirutti geessani. Ogeessonni yaalii godhanis humnaa ol waan ta’eef gara hospitaalaa akka deemu itti himani. Isaanis gara hospitaala “ Police Hospital” jedhamu geessuun hanga gaafa himanni irratti banamee gara mana hidhaa Qiliinxoo geeffamanitti achuma ciisanii yaalamaa turan.
Erga mana hidhaa Qiliinxootti darbaniis dhibeen isaanii daran itti hammaannaan yaalii argachuuf gaaffii dhiheeffachaa turanis hayyama mana yaalaa deemanii yaalamuu dhorkamanii baatii tokkoof utuu hin yaalamiin turaniiru. Yeroo kanatti dhibeen isaanii itti cimee qaamni isaanii iddoon waraaname Mala’uun, Hirriba isaan dhowwee halkanii fi guyyaa boqonnaa tokko malee gubachaa turani. Baatii tokkoo boodas gara Poolis Hospital geeffamanis dhibeen isaanii yaalamuu hin dandeenye. Kana booda gara “Ethio-Canada Hospital” geeffamuun Dhibeen isaaniis qorannoon isaanii akka mul’isutti mismaarri isaan ittiin waraanaman suni kan dammeessa’eefi Baakteeriyaan (pathogenic bacteria)’n kan faalame waan ta’eef dhibee dhiiga qal’isuu fi Furdisu isaan qabsiiseera. Kun immoo sirna marsaa dhiigaa jeequun, dhiigni somba keessatti akka kuufamu godheera. Dabalataanis dhibee onnee fi sirna hargansuuf isaan saaxilee jira. Kunis Umurii isaanii guutuu takkaan Qoricha dhiiga furdisu takkaan immoo kan qal’isu fudhachaa akka jiraatan dirqama itti ta’ee jira. Kunillee kan ta’u yaalii ji’a ji’aan utuu wal irraa hin citiin hospitaalicha deemuun dhiiga isaanii sakattaasisuun sadarkaa dhukkubichi irra jiru yoo beekuu danda’ani.
Dhumarrattis yaalii isaanii Hospitaala “ Xuqur Ambassaa”tti akka hordofan godhame. Ogeeyyiin fayyaa Hospitaalichaas dhibichi kan hin fayyamneefi Umurii guutuu akkuma armaan olitti jedhame hordoffii fi yaalii wal irraa hin cinne akka barbaachisu itti himan. Yaalii kanas utuma mana hidhaa Qiliinxo keessa jiranii yaalamuu jalqabani. Kaffaltiin qorannoo kanaaf godhamu guddaa ta’uuniifi yaaliin kun kan argamu hospitaalicha qofa keessa ta’uun immoo dhibee isaanii daran hammeessee jira.
Yeroo ammaa jechuunis dararaa suukkanneessaa waggaa lamaa booda gaafa 3/7/2010 A.L.H tti himanni isaanii adda cituun guyyaa itti aanu mana hidhaa qiliinxoo irraa gadhiifamanii gara maatii isaanii saddeet waggaa lamaaf rakkoo garaa garaan waxalamaa turanitti makamaniiru.
Mana hidhaa irraa hiikamuun isaanii nama gammachiisus, dhibeen isaanii duraan karaa mana hidhichaa yaalamaa turan kana booda ofiin of yaalchisuun dirqama waan ta’eefi qabeenyii fi humni ittiin baasii mana yaalaa danda’an waan hi jirreef yaaddoo guddaa keessa isaan galchee jira.
Obbo Taammiruun sababaa dhibee kanaan kana booda Hojii isaanii idilee duraanii (Qonnaa) itti deebi’anii hojjetanii Dhibee isaanii kanaaf yaalii gahaa argachuus ta’e maatii isaanii jiraachisuu kan hin dandeenyee fi Maatiin isaaniis Hojjetanii of of jiraachisuu hin danda’ani.
Yeroo itti namoonni addunyaan garaa garaa keessa jiran sababii yakkaatiin to’annoo seeraa jala galanitti kaan hafee mirga maqaa himachuu dhiisuu illee ni qabu; biyya nuti biyya jennee keessa jiraannu kuni garuu dararaan suukkanneessaa akkasii ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniitiin qofa yakkuun daba akkasii seenaan hin daganne irratti raawwatamaa jira.
Mootummaan biyyattiis Manni dararaa Maayikalaawwii jedhamee beekamu bara Mootummaa Dargii yakki dhala namaaf hin malle lammiilee biyyattii irratti kan raawwatamaa turee, Ofii garuu yakka kamiyyu akka hin raawwanne fakkeessuun manni dararichaa akka cufamu Uummata afaan faajjessaa jiru. Yakki Mootummaan TPLF Uummata Oromoo Mana dararichaatti ugguruun raawwachaa jiruuf garuu Seenaan Obbo Taammiruu fi kanneen biro ragaan ni mul’isa.
Yakkooleen Mootummaa kanaan mana Dararaa Maayikalaawwiitti ilmaan Oromoo irratti raawwataman keessaa: Ilmi Oromoo Aangawoota Tigiree Dhimma nageenyaan Gudeeddamaniiru, Dubartoonni Gudeedamaniiru, Qaama saalaa dhiiraa irratti Bishaan rarraasuu, Qoratamaa irratti Fincaa’uu, Mormaa gadi awwaaluu, Daa’imman Umuriin isaanii itti gaafatamummaa seeraaf hin geenye illee sababii Oromummaa isaaniitiin qofa dararamaniiru, Namni tokko garee qorattootaa jahaa fi isaa oliin reebamaa qoratamaniiru, Sagaleen qoratamtootaa akka hin dhagahamneef qorannoon hanga halkan keessaa sa’aa 9 fi 10 gaggeeffamaa tureera fi kanneen biroollee ni jira.
Kanaafuu, Hawaasni Oromoo marti mootummaan biyyatti Sanyii murna bucuu Tigireen gaggeeffamu maqaa shororkeessummaa jedhu dahoo godhatee ilmaan Oromoo nagaan jireenya isaanii gaggeessan irratti yakka duguuggaa sanyii, dhiittaa mirga dhala namaa raawwachaa jiru hubatee; yakka isaanii kana addunyaatti mul’isuun, sabboontotaa Oromummaan yakkamanii mana dararaa kana keessatti miidhamanii bahan Kanneen akka Obbo Taammiruu Qna’aa kana gama barbaachisaa ta’een deeggaruu fi cinaa dhaabbachuu qaba.
Pingback: Seenaa Gabaabaa Obbo Taammiruu Qana’aa ( Turtii mana Dararaa Maayikalaawwii fi Qiliixoo) -