Qeerroo Laga Xaafoo Laga Daadhii irraa

FXG lagannaa gabaa guutummaa Oromiyaatti taasifame wajjin wal qabatee akkuma magaalotaa fi baadiyyaa Oromiyaa maratti taasifame naannawa Finfinnee kutaa bulchinsa Laga xaafoo- Laga daadhiittis taasifamee ture. Uummanni Oromoo kutaa magaalichaa, Hojjetaan Mootummaa fi Miseensonni Poolisii Oromiyaa Humnaa fi kallacha qabsoo kan ta’e Qeerroo kutaa magaalichaa deeggaruun mormii isaanii mul’isaniiru.

Haa ta’uyyuu malee gaafa guyyaa mormii fi lagannaa gabaa (Guyyaa 2ffaa)  Obbo Haayiluu Daraarsaa( Itti gaafatamaa waajira dhaabaa kan ta’ee) fi Obbo Biraanuu Asaffaa(Dhimma nageenyaa) kan ta’an Humna tikaa wayyaanee jechuunis Makkalaakayaa fi Agaazii waamuun qeerroo magaalichaa manarra deemuun eeruu kennaniin tumsiisaa oolaniiru. Uummanni Oromoo magaalichaa dhibba sadii ol ta’anis wal gahii waamaman irratti Humnoota magaalicha weeraranii jiran akka baasasan, ijoollee qabanii karaa fi kaampiitti galchanii tumanis akka gad lakkisan akeekkachiisanii turan. Ijoolleen (Qeerroon) qabamanii tumamaa turan gadhiifamaniyyuu Humnoonni makkalaakayaa fi Agaazii ammayyuu magaalicha weeraranii Qeerroo magaalichaatti roorrisuun bahuu fi galuu dhorkaa jiru.

Eelaa fi Madaan Agaaziin Obboloota keenya naannoo Oromiyaa garaa garaa fi naannoo Somaalee irratti raawwatte utuu nu keessaa hin ba’iin, balbala keenyarratti nutti waamuun Qeerroo tumsiisuu fi nutti roosiisuun Tuffii Uummata Oromoof qabdaniifi Mootummaa nama nyaataa wayyaanee wajjin ta’uun duguuggaa sanyii fi danqaa qabsoo Uummata Oromoo akka ta’aa jirtan hubanneerra.

Kanaafuu, humnoota Uummata nagaatti waamtanii hatattamaan akka magaalicha keessaa baaftanii, Qeerroo manarra deemtanii tumsiistan akka dhaabdaniifi qabsoo Uummata Oromoo Cinaa akka dhaabbattan Carraa isa dhumaa isiniif kennina.  

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s