Gaafa 22/5/2010 A.L.H tti Kaabinoonni kudha shan ta’an Uummata Bulan keessa jiran walitti qabuun Uummata Oromoo Bulan keessa jiraniin “isin Oroonni as jiraattan Oromoota naannoo isaanii jiraatan wajjin hidhata godhattaniittu; hidhata kanaanis Uummata Gumuz miidhuuf jettuu fi akka mootummaa naannichaatti buluu qabdu” ittiin jechaa turan. Kaabinootiin kun dhalootaan Shinaashaa waan ta’aniif ofii Uummata Gumuziif waan quuqaman fakkeessuun Uummata Oromoo naannichaa fi Uummata Gumuz eenyu caalaa wal jaallatee fi wal kabajee jiraate walitti buusuuf munyuuqaa jirti.
Kun immoo ergama Dr Amsaaluunfaa ji’oota muraasa dura karoorfataa turan waan hojiirra oolchuuf barbaadan fakkaata.
Haa ta’uyyuu malee Uummanni magaalichaa hundi gaaffiin walii galaa isaan cimsanii isaan hubachiisan kan nama boonsudha. Nuti rakkoo walii waliinii osoo hin taane rakkoo misoomaatii; kunis Neetwoorkii, Humna Ibsaa, Daandii, Mana barumsaa olaanaa fi K.K.F waggootii baay’eef waadaa galamee hin raawwatamne yeroodhuma filannoon gahu dhuftanii afaan nu hin faajjessiinaa; gaafa rakkoolee misoomaa qabnu nuuf deebiftan isa kaan dubbanna ittiin jedhaniiru.
Rakkoon walii galaa kuni akka jirutti ta’ee, rakkoon Uummata Oromoo naannichaa immoo mirga namummaa dhorkamuu fi akka lammii lammaffaatti lakkaawamuu akka ta’e beekamaadha. Gaaffiin Uummata Oromoo Naannichaas Oromoo lakkoofsaan danuu ta’eefi walakkaa ol ta’ee naannoo sannarratti dhalatee jiraate mirgootuma kana kabachiifachuudha malee uummata Oromoo kaan wajjin ta’ee naannoo Beenishaangul fi Uummata naanichaa dhabamsiisuuf miti.
Mootummaan Wayyaanees Gaaffiilee bu’uuraa Uummataa deebisuu irra Uummattoota biyyatti wal nyaachisuun qabeenya biyyattii saamuu kan mi’eeffate naannoo sanarrattis yaalii hi nuffamne taasisaa jiraateera. Kun immoo adda durummaan Uummata Oromoo naannichaa mana hidhaatti guuruun, Ajjeesuun, buqqisuunii akkasumas Dhimmoota siyaasaafi dinagdeen hudhee qabuun naannicha gabroomfacuudha.
Kanas kutaalee naannichaa garaa garaa iddoo qabeenyi Uumamaa kannee akka warqee fi kan biroo irratti maqaa cirracha baasuutiin Dhalattoota Tigiree Dhibbaa ol ta’an qubachiisaa jiraachuuniifi kan hafan immoo caal baasii baafne jechuun karaa miidiyaa afaan faajessuun mirkaneessaa jirti.
Kanaafuu Uummanni naannoo Beenishaangul Jiru hundi shira mootummaan wayyaanee karaa lukkeeleeshee xaxaa jirtu uummata walitti buusuun Uummanni naannichaa Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu akka hin gaafanne gochuun qabeenya saamuu akka ta’e hubatee; tokkummaan sirna Mootummaa nama nyaataa kana ofirraa buusuun, Qabeenyaa fi biyya isaa irratti jechuunis, qabeenya Uumamaa, lafa Qonnaa fi kanneen biroo irratti murteessuuf akka qabsaa’u waamicha goona.
Guraandhala 19,2018
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Matakkal-Asoosaa irraa