Qabsoo Oromoo Dhaamsuuf Sochiin Wayyaaneef OPDO Ammaa Maal Fakkaataa?

Agartuu Qeerroo Tibbanaa “Ko’oomsuu”

Qabsoo abbaa biyyummaa Oromoo dadhabsiisuuf shiroota gurguddaan xaxaxamaa turaniiru. Shoroota kana hayyoonni Oromoo fi barreessotoonni garaagaraa uummataaf gama garaagaraan ifa baasanii saaqanii uummataaf saaxilaa turaniiru ittis jiru. Ammas shira hamaa qabsoo Bilisummaa Oromoo xaxuuf sakaaluuf irratti hojjetamaa jiru kukkutuun dura uummata ifiif barbaloomsuun nii barbaachisa.

Halagaan qabsoo Oromoo irratti duuluun kan isa barbaachiseef, qabsoo Oromoo dhaamsuun alatti Oromoo fi saboota cunqurfamoo saamuun akka ulfaatu beekeeti. Qabsoo Oromoorrattis yeroo gara yerootti dhagaa jechaaf wantoota garaagaraan dadhabsiisuuf yaalii taasisaa turaniiru ittis jiru.

Har’a qabsoon Oromoo qabsoo Qawween Taankiin dhaabuu hindandeenye saatii ta’etti, qabsoo kana dadhabsiisuuf uummata bahee falmataa jiru kana sangoomsanii akka hindubbanne gochuun gama danda’aamu irratti funyoon haalaan fo’amaa jirtu jabduudha.

Funyoowwan kun, yoo irratti dammaquun hinjiraanne qabsoo keenya lafarra butuu kan dandeessun ala, haabadan qabsoo kana hongeessuummoo akka hindandeenye namaa gala. Wadaroon qabsoo Oromoo sakaaluuf irratti hojjetamaa jirtu kanneen ammaa maal faa’ii?

1, Ko’oomsuu (Busy)

Ko’omsuu jechuun yeroo waa’ee ofiif waa’ee uummata ofii taa’anii yaadan dhabuu. Addatti yeroo waa’ee Bilisummaa yaadan ofitti dhiphiisuudha. Ko’omsuun qabsoo Oromoo keessatti waggoota hedduuf dhimmi itti ba’ame. Ko’ummaan kun gosoota gurguddoo lama qabdi.

  1. Ko’ummaa Kallattii 

Ko’ummaan kallattii waan nama ko’omsu kan beekanidha. Keessattu wanta yeroo ofii nama harkaa qisaasessu kan kallattiin mul’atan kanneen akka Araada garaagaraan, keessattuu ilaalcha DSTV, Tapha Teenesii, Tapha Puulii, Duuchaatti ko’ummaan kun bakka olmaa dargaggo kan waggoota  dhiyoo dura OPDO’n ijaaramaa turan maqaa dhaanuu dandeenya.

Ko’ummaan kun maal isaan fayyada? Qaama ko’oomu kanahoo maal miidha?

Waan tokko hojjechuuf, hojjettees fiixaan baasuuf waan kamirraa walaba utuu taatee dalagaan kee sun saffisaa akka ta’e sii galan se’a. Saba garbummaan mormatti xaxame tokko, akka inni garbummaa jala hinjirreef Garbummaa Bilisummaa fakkaattu agarsiisuufii qabda. Kun yeroo hedduu amala garboonfataan itti gargaaramudha. Garboonfataan tokko saba tokko garboomsuu kan isa dandeessisu uummaticha waan dada’uun Ko’oomsuu yoo danda’e qofa. Kanaaf waan garaagaraan sabni tokko ko’omuu kan danda’e taanan salphaatti garbummaa jalaa  bahuun ulfaattuudha.

Miidhaan inni uummata waanjoo halagaa jala jiru irraan gahu, saamicha garaagaraan akkanni hubamu nii taasisa. Kallattii kamiinuu akkanni garboomsaa harkaa hinbaane taasisa. Akka waan nagaa qabuu, akka waan Bilisoometti akkanni of ilaaluu taasisa. Akka inni waa’ee uummatasaa dhiisee karoora garboomsaa sanaan of dhiphisu taasisa.

Keessattuu saba Beelaaf kalaalame tokko waa’ee Bilisummaa itti kaasuurra waa’ee Beelaaf akkaataa Beela keessaa bahu yoo kaafteef irra filata. Sabni akkanaan miidhame hanga bayyanatee rakkinaaf gadadoo Beelaa sana keessaa hinbaanetti garbummaa jala tattaafatee bahuuf yoo jabaa ta’e qofa dandaa’a.

Duuchaatti Ko’ummaa kanaan waggoota dheeraa hubamnee jirra. Dargaggoonni keenya waggoota muraasa dura araada garaagaraan OPDO qabsiisuuf yaalteen milkaa’uu baattullee, akka Qeerroon Oromoo tokko waa’ee Bilisummaa dhiisee waa’ee tapha kubbaa miillaa kan biyyoota garbummaa jalaa bahanii duroomanii yaaduuf yeroo mara akkanni dubbatuu fedhu yaadamee ture. Egaa tapha siyyaasaa Wayyaaneen ykn TPLF kanaan dargaggoonni Oromoo hatamuurra taraniiru.

  1. Ko’ummaa Cillimii

Ko’ummaa Cillimii  kana gosoota Ko’ummaa keessatti qooduun ilaaluu dandeenya. Cillimii jechuun kan humtuu keessatti hinargamne, waan dhokataa fagoo jechuudha. Dukkana dukkanarra caalu ykn gurraacha gurraachaan oliitti saaqnee ilaaluu dandeenya. Ko’ummaa kana baroota dhiyoo kalaqanii jiru. Wayyaaneen itti jettee sababa uummata Oromoo ko’umsuu yaadduuf inni olaanaan humna isheen mormu sapphifachuufidha. Humna  kana salphisuun ammoo callifamee kan galma gahu utuu hintaane, karaawwan garaagaraan akka isheerraa laaffatu yeroo gara yerootti karoora baasteeti.

Karoora Wayyaanee dhiyoo Agartuun Qeerroo argaa jiru kun badii guddaa uummata keenyarra fiduu mala jennee yaaddofna. Karoora jallataa kana erga uummata keessa danbaliisanii as uummata kana akka malee gangalagalchuu yaalaniiru. Karoora Wayyaanee Ko’ummaa Cillimii kanaan yeroo dargaggoon Oromoo akka baargamoo raafamuuf ka’etu jira. Isa kana irra aanuu qabna.

Ko’ummaa Cillimii maal qabatee dhufee?

Ko’ummaa Cillimii kun bara kana keessa wantoota garaagaraa qabatee, bifa garaagaraa dibatee nutti baheera.

I, Daguuggaa kallatti

Daguuggaa kallattii qabatee dhufeen bakkeewwan Oromiyaa keessattuu daangaa Oromiyaa godaansiisuu kan of keessaa qabu Ko’ummaan kun, uummata keenya ollaasaan walitti buusuuf yaale, ollaa Oromoo Oromoorratti kaase. Kana irratti haalaan kan inni fayyadame baha Oromiyaatiini. Gama Baha Oromiyaatiin uummata keenya Buqqaasee, numaan ammoo akka wal gargaaruun yeroo keenya qabsoo gargaarsaatti fixnu nu taasiseera. Hubadhaa! Walgaargaaruun daba jechuu fedhee miti. Achi keessatti waan nu duraa golgalmee nu dhokatee cillimaa’ee nutti dhufe sana saaquu dadhabneerra. Keessattuu qaama nu godaansiisuun uummata keenya gargaaraa jennee maallaqa keenya itti roobsine. Gargaarsi uummata sanaaf dhaquurra daandii biraan deebi’ee Wayyaanee dhuma tumse.

Silaa maal gochuu nurra turee?  Qaama Qawween manatti dhufee nu lolu sanaaf akkanni dhufetti deebii deebisuuf mooraa qabsoo haalaan jabeeffachuu nurra ture. Uummata keenyaaf ammoo walii keenya fillee haalaan akka gargaaramu gochuu nurra ture. Amma Halagaa ofirratti goobsuuf OPDO tti maallaqa keenya guurree laanne. Gargaarsichis uummata dhaqqabaa hinjiru. Ta’ullee uummata hamma kana  gargaarsaan jiraachisuuf yaalurra qabsoo godhamuu qabu, qabsoo lafaaf qabeenyaasaanitti deebisuuf addunyaattis iyyachuu ture. Qabeenyaa isaanii inni gubes, inni saames nagaan jiraataa jira. Sana qaamni bakka uummata kanaa bu’ee falmuu danda’u maqaa gargaarsaan ko’omeera.

  1. Yaada Baalloo Ykn Yaadan Lakkuu kaasuun akka dhaloonni garlamaf isaa olitti citu gochuu.

Kun kanuma keessa jira. Egaan Ko’ummaa Cillimii keessatti waan ati hojjettu waan haqaaf waan uummata yeroo sitti fakkaatu jira. Isa kana haalan ilaaluu qabda. Ariifattee ajandaa halagaaf ajandaa Jalee halagaa fuutee fiiguu hinqabdu.

Yaadota baallammii kana erga bocatanii, yaadni dhalootaa akka gara tokko hintaane taasisaniiru. Keessattu akka Dhaloonni waa’ee Oromiyaa dhiisee biyya keessatti hacuucamaa tureef jiru, maqaa biyya ittiin eenyummaansaa molqamuuf kalaqamte waa’ee Xoophiyaaf sammuu cabuu danda’ullee taasisan. Kana kanneen godhan dirqama hojii kana kan fudhatanii hojiitti bobbaafaman ilmaan Diqaalaati. Diqaalaa jechuun nama gosa garaagaraarraa argame jechuudha. Keessatti abbaan Oromoo haati Tigiree, Abbaan Amaara,  haati Oromoo fi kanneen Niitii saba biraa gola kawwataniin balbalooma ture. Kana kaasuun kiyya saboota biraa faana qabsoon keenya waldhiita ykn saba Habashaa kana balleessuuf akeekkanna jechuu utuu hintaane, isaan Diqaalota ta’an kun yeroo hedduu waa’ee Oromoo jabinaan dubbachuu saalfatu jechuun kiyya. Akka waan saba biraaf qabsoon keenya daba qabuutti lallabuunsaaniis waan hinoolle. Kun garu soba dubbiti. Sabi kamuu kan Oromoo kabajee jiraatu taanan kabajamee jiraata.

Duuchaatti Hookkoo yaada kanaan dhaloota Haaraa Oromoon dhalche kana burjaajessuu yaalaniiru. Hookkoo yaadaan akka wal hinko’oomsineen dhaammadha.

Duuchaatti utuu beeknus utuu hinbeekinis waan qabsoorraa nu laaffisu hojii kamiinuu dalaguurraa akka of qusannun dhaammadha. Waan sammuu dhalootaa Busy taasisuus hojjechuurraa walaba ta’uu qabna. Akkasuma akka waan Bilisoomneetti hojii Bilisummaa boodayyuu hojjetamuu danda’uuf yeroo keenya gubuun fayiida waan qabu natti hinfakkaatu. Walii keenyaas waan qabsoorraa nu Ko’oomsuu karoora gaariis ta’u daba baasuurraa of qushachuu wayyiti. Qabsoon gaafa ko’ommatan laaffata. Baajeta uummataas bakka Bilisummaatti nuu geessutti baasisuuf irra jireessaan utuu tattaafannee irra filatama jedheen amana.

Ammayyuu garbummaa hamtuu keessa jirraam

Horaa Bulaa

Finfinnee Oromiyaa

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

w

Connecting to %s

%d bloggers like this: