
Haaluma kanaan guyyaa Har’aa Wiixata baha Oromiyaa Magaalaa Gadab Hasaasaa keessaa Dargaggoonni Shan(5) achi buuteensaanii dhabamuu odeessi arganne ifa godha. Namoonni Wayyaaneen qabaman kunneen
1. Muhaammad Amaan
2. Saafii Galgaluu
3. Muussaa Ahmad
4. Ibsaa Muhaammad
5. Amiin Jamaal
Kanneen Jedhaman Ganamaan Waraana Poolisii feederaalatiin Fuutee bakki geessite ammatti hin beekkamne,Sababni isiin dargaggoota Kana itti hiidhuuf barbaadaa turteef Koonsartii Lammiilee buqqa’aniif Hasaasatti Qophaayerratti Mormii dhageessisaa turan. Jechuun akka ta’e barameera bakka isaan geeffaman hordofnee isin beeksifna.