Makkalaakayaan Wayyaanee Maagaalaa Ciroo Keeysatti Uummata Lammii Isaanii Buqqa’an Gargaaruuf Deemaaa Jiran Irratti Reebicha Hamaa Raawwachaa Akka Jiru Ibsame

Raayyaan ittisa federaalaa har’a dilbata 27/11/2017 guyyaa sa’aatii 6:00 irraa eegalee, Garee gargaarsaaf ‘lammiin lammiif’jedhu
Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Hospitaala Riiferaalaa Goobaa irraa gara Barraaq ganda jedhamtu deemee gargaarsa laate deebi’u irratti reebicha
hamaa geessiseera. Gareen kun Doktoroota (including specialists),ogeessota fayyaa garagaraa, barattoota ogeessa fayyaa,
hojjettoota bulchiinsa Hospitaalaa kan of keessaa qabu namoota gara 70 kan ta’an turan. Gareen kun gargaarsa yaalaa jimaata darbe irraa
kaasee laataa tureefi deebii irratti, seensa magaalaa goobaa irratti kan reebicha hamaan isaan irraan gahe. Isaan booda gamtaan deemnee itti
gaafatamaa qajeelcha poolisii godina baalee deemnee itti gaafatamaa qaleelchichaa koomaandeer Gazzaanyiifi Fayyisaa jedhaman argamanii
jara kana qabnee seeratti inuma dhiyeessina jedhanii waadaa nuuf galaniiru! Garuu isaan tokkumaa mee wal ilaalla jedhu ummanni jechuun Qeerroon Aanichaa gabaase.

Gama biraan Godina Baalee Aanaa Raayituuti guyyaa kalee jimaata waraana birmannaa deemu dagutti makkalaakayaan qawwee 12 irraa fuutee bulte. EDA halkan waraanni raayituu iddoo Bokkool jedhamu gaditi karaa hidhee oliti iddoo muuxee haroo jedhamuttis karaa hidhanii kaanbii makkalaakayaas marsanii bulani ganama kana makkalaakayaan harka Ol qabee nun fixinaa Oromoonis nu keessa jira jedhee. waraanni Raayituu qawwee keessan hiikadhaa jedheenii makkalaakayaan nama maqaan Zamadkun jedhamuun durfamu qawwee 15n irraa fuudhanii harkaa qaban. Makkalakayaa nama 15nis harka kennachiisanii jiran. Gootonni sanyii Waqoo Guutuu Makkalakayaa irraa qawwee hiikuun nuuf haarayaa miti jedhan. gootota baddaa Baalee Raayituu Galbii.

1 thought on “Makkalaakayaan Wayyaanee Maagaalaa Ciroo Keeysatti Uummata Lammii Isaanii Buqqa’an Gargaaruuf Deemaaa Jiran Irratti Reebicha Hamaa Raawwachaa Akka Jiru Ibsame

  1. Pingback: Makkalaakayaan Wayyaanee Maagaalaa Ciroo Keeysatti Uummata Lammii Isaanii Buqqa’an Gargaaruuf Deemaaa Jiran Irratti Reebicha Hamaa Raawwachaa Akka Jiru Ibsame – OROMIYAANWANOFITIABBAATUUEGATAA

Leave a comment