Maaltu deemaa ture? Maaltu deemaa jira? Maaltu deemuuf jira?

Qalbeessaa Dhangi’aa
Sadaasa, 2017
Loltoota kanneen fakkaatan Gadii kana akka waan loltoota Wayyaanee waraanu leenjisaa jiruutti Lammaaf dubbatamaa ture. Icciitiin dubbichaa garuu kana hinturre.( kana barruu itti aanu keessatti ilaalla)
Akkan odeeffannoo ganama kana argadheettii. Wayyaaneef OPDO’n  Tooftaawwan uummata Warraaqsa jabaa kaase of harka galchuun dandaa’amu keessa kan irratti walii galan.
1, Sobanii afaaniin walhadheessu
2,Jechoota uummatni itti gargaaramee isaan mormaa jiru fayyadamuu
3, Maqaa “Foollee” jettuun ijaarsa ijaaruu, ijaarsa sanaan dargaggoota sochii biyya keessaa hogganummaan gaggeessaan hordofsiisuu,(Qeerroo Bilisummaa Oromoo) isaanuma falmii hadhaahaa godhan Foollee jechuun muuduu, erga uummanni tasgabbbaa’eemmoo deebisanii isaanuma hidhuu
4, Humna waraanaa biyyattii keessatti faana dhoksanii tamsaasuu. Labsii komandi postii malee sagale malee uummata keessa danbaliisuun uummata doorsisuu
5, Dhuma irratti akka baroota caasaa ABO Daraaraa Kafanii (Amboo keessatti kan Abbaan Duulaa Ajjeesise, ABO jajjaboo durii) dabalatee hedduu isaanii ajjeesan dargaggoota humna jabaa ta’anii uummata sochoosan addatti namoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta’an, caasaawwan jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa bakka namni hinarginetti humna waraanaan qabanii ajjeesuu.
Kan jedhu fi kaawwan lafa kaawwatanii akka turan quba qabna.

Akeekaawwan wayyaanee kunneen hedduun raawwatee jira. Kan hinraawwatinis jira. Keessattuu “Walhadheessuu” jechi jettu uummanni akka luugamamu gooteetti. Qabsoon uummanni godhu akka qabbanaa’u goote. Kanaan kan dirqama fudhatee bobbaafame namoota miidiyaarraa qaama OPDO ta’anii Wayyaanee akka waan mormanii dubbii afarsaa turanidha.

Biyya keessatti mirga hinxuqamne argatanii akka argan TPLF abaaruun waan qabsoo uummataa galmaan gahuuf deeman of fakkeessanii abaaraa turan. Isaanumti kun erga uummatni isaan faana luuccaa’eemmoo muudama argatanii gara aangoo olaanaatti guddatani. Wayyaanee fi humna waraanaa Wayyaanee akka argan abaaruuf mirga argatani. Kanaanis uummanni gootota jajjaboo arganne jechuunii eegale. Dubbiin namoota dirqama dabballummaa Wayyaanee  fudhatanii Wayyaanee abaaruu irratti fuulleffatanii uummata hundatti bitaa gale. Uummanni akka dhaabbatee dhaggeeffatu taasise. Dhaggeeffachuurra darbee arraba isaan biyya keessatti ta’anii Wayyaanee arrabsan qofaaf “Goota keenya” jechuunis jalqabe.

Namoonni dirqamni itti laatame kunis daangaa abaaruu isaanii erga goolabaniin booda, akka fedhanitti digirii 360 naannaa’uun jalqabe. Isaanumti qabsoon “uummata keenyaa..” Jechuun uummata ashooshilaa turan deebi’anii ABO abaaruu jalqaban. ABO abaaruunis akkamiin akka adeemuu qabu leenjii walii laataniin akka Leenji’anitti waan uummata amansiisuu danda’u qabatanii ba’an. Caasaa isaaniis alaaf keessaa bal’isanii ABO hongeessuurratti irratti fuulleffatan.

Biqiltuuwwaan ABO irraa lataa turan kutanii goksuu, ABO s qottoo jechootaan muranii gatuuf abbaluu jalqaban. Isaanumti Wayyaanee ajajoota Waraanaa TPLF Jeneraalota Tigiree arrabsaa turan libsuu ijaa gidduutti galagalanii ABO hadheessuuf fuula miidiyaa kana yaabbatan. Akkuma kanaanis “ABO wanti jedhamu badeera” jechuu qaban. Ilmaan alaatti ergatan kanneen qabsaa’ota Oromoo dadhabsiisuuf akkaasuma akka uummanni Alaa ABO hindeggarreef dirqamoota gurguddaa fudhatanii baahan sana faana quba walqabaa turan sana waliin ta’uun dibbee baduu ABO rukutuun cookanii sirbuu jalqaban. Uummanni kan icciitii dubbii kanaa hubachuun lafarra harkifateef abdii hanga muruuf gahutti ga’e.

Haata’uutii warrumti hinjiruusaa lallaban deebi’aniimmoo “gammoojjii Eertiraa keessa jira” jechuunis abaarsi jalqabe. Hubadhaa! Hinjiruun deebi’ee “jiraa” ta’e. Utuu hinbeekin dhugaan dudubachiise. Haaluma kanaan waggoota 26 bara aangoo Wayyaanee akka ABO humna hingodhanneef shira hojjetameen qabsoon lafarra harkifachuusaa. Har’as uummanni ABO jajjabeeffacuuurra dubbii addaan baasuu dadhabuurraan ABO nyaatanii warra bifa bahuu barbaadaniif harka reebaa oola.

……itti fufa qabxiiwwan hafan….

Icciitiin namoota uffata foolisii gadii kutaa itti aanu keessatti ibsuun yaala. Shira shiramaa jiru shireessanii shiraan shira xaxuun nu xaxuuf adeeman..

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: