Debifamee ijaaramuu uummata Oromoo karaa jaarmiyolee qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO)

*Malkamuu Jaatee, Waligayii hawaasa Oromoo irratti barruu dhiyaate,

Afran Qalloo was formed in 1962 and fell apart in 1965. The name Afran Qallo derives from the collective reference to four of Qallo’s sons – Alaa, Babile, Daga and Oborra.  In 1963 the Macha Tulama self-help association was formed and banned in 1966.  In their short periods, these two organizations laid down a profound cornerstone for the struggle the Oromo people.

Netherlands, The Hague, Hagayya 5, bara 2017

Seensa

Ijaarsi (jaarmiyaan) uummati ijaaratu gosti kamuu meeshaa dantaa waloo tiksuu dha. Jaarmiyaa sadarkaa olii keessaa motummaan isa tokko. Motummaan jaarmiyaa (meeshaa) bulchiinsaa ti. Jechuun,  jaarmiyaa dirqamaa fi gaafatamummaa ofitti fudhatee uummataa fi biyya hogganuu dha.

Dirqamaa fi gaafatamummaan motummaa, feedha uummataan ijaaramee, warri gurguddoon: 1ffaa uummata ykn namoota daangaa beekamaa tokko keessa jiraatan sirnaan bulchuu, 2ffaa nageenya (jireenya, gammachuu, fi guddina)  fi mirgoota namoomaa sab-lammii biyyichaa tiksuu, fi 3ffaa dantaa waloo kan uummataa eeguu (eegsisuu) fi guddinaa fi badhaadhina uummataa kunuunsu dha.

Uummatoota biyya lafaa kana irratti motummaa (sirna  bulchiinsaa) ijaaratanii baroota dheeraaf ittiin hoogganamaa turan keessaa uummati Oromoo tokko ture.  Sabni Oromoo baroota dheeraa irraa jalqabee sirna motummaa ittiin of-bulchu qabaachaa akka ture galmeen seenaa fi himi afaanii ni mirkanessu.

Uummati Oromoo bara durii irraa eegaluun qaroomina qabu jedhamanii uummatoota muraasa beekaman keessaatti argama. Kunis kan mirkanaawe sirna motummaa Gadaa (demokiraasii) fi sirna Waaqefannaa ijjaarachuudhaan ittiin hoogganamaa baroota kuumaatama lakkoofsisuun. Garuu baroota dhiyoo as, uummati Oromoo, tarree uummatoota motummaan jalaa diigamee fi rakkoolee gosa heedduuf saaxilaman keessaatti argama.

Waan kaleessa keessa turan yoo hin bekneef, amma eessa akka jiran hubachuu fi boori ammoo garamitti akka deeman beekuun rakkisaa dha. Kanuumaaf jeecha, galmee seenaa keessaa erga xiqqooshee xuxuqeen booda gabaabinaan sadaarkaalee qabsoon bilisummaa Oromoo keessa darbee fi bara ammaa sadarkaan QBO akkam akka fakkaatu ibsuu yaala.

Barruun kun hanga dandayameetti baayyee cunfamee kan qophaawee dha akka hundumaaf galutti. Lammiin Oromoo sadarkaalee adda addaa irratti argaman hundaa akka dubbisanii hubataniif hawwamee ti. Barruun siilaa kitaaboota hedduu ta`uu malu, kutalee sadiitti hiramuun gabaabinaan fuula 10 keessatti barrefame. Kutaa 1ffaa: Diigamuu motummaa Oromoo fi baballachuu motummaa Habashaa. Kutaa 2ffaa: Ijaaramuu jalqabuu uummata Oromoo. Kutaa 3ffaa: Guddina sochiilee qabsoo bilisummaa Oromoo

Kaayyoon barruu kanaa: “ergii motummaan Oromoo diigamee egalee haala akkamiin akka waggoota shantamaa ol (50 >) qabsoon bilisummaa Oromoo hirmaannaa uummata Oromoon  geggefamaa jiru gabaabsee ibsuudhaan booda sadarkaalee guddina jaarmiyolee qabsicha hooggananii agarsiisuuf. ”

1. Diigamuu motummaa Oromoo fi baballachuu motummaa Habashaa

Kutaa 1ffaa kana jalatti diigumsaa motummoota Kuush irra ga`ee fi baballifamuu motummaa Habashaa ilaaluun gara kuutaa 2ffaa, (deebifamee ijaaramuu eegaluu uummata Oromoo), cee`ama.

1.1 Diigamuu motummoota Kuush fi baballifamuu motummaa Habashaa

Motummootiin warra Kuush bara dur-durii diigamuu kan jalqaban bara  350 akka lakkofsa Dhaloota Fayisaa Booda(DhFB) yeroo ta`u, kan digumsichi xummurame ammoo bara 1889 (DhFB) ture.  Motummooti diigaman kun fakkenyaaf : Maroyyee, Agawoo, Daamooti, Sidamaa, Gadaa, fi kkf turan.

Motummaan warra Habashaa bara 400 Dhaloota Fayisaa Dura(DhFD) nannoo galaana diimaatti erga   hundeefameen booda hanga 1000 (DhFB) huundee jabeefafaa adeemuun quphsuma Akksuum andhuura daldalaa fi siyaasaa godhate.

Bara motummootiin Kuush diigamaa turanitti (350 – 1889 DhFB) motummaan Habashaa suuta suutaa fi toftaa adda addaa fayyadamuun daangaa baballifachaa adeeme. Quphsuma Aksuum irraa ka´ee  bara 1632 -1855 (DhFB) Gondor keessa maadheffachuun gara kibbaatti baballifamuu eegale.

Bara 1200 (DhFB) booda murni motummaa Habashaa quphsuma Shawwaa jedhamee beekamu irratti hundeefamuun jalqaba milkaawina baballifamuu motummaa Habashaa ti. Bara 1889 (DFB) tessumi motummaa Habashaa gara Finfinnetti dabarfamuun ammoo gutummaatti diigamuu motummoota  Kuush mirkaneesse. Sirni motummaa Habashaa gutummaatti biyya Oromoo fi biyya Kuush kibbaa keessatti baballiifamun haaluma kanaan baroota dheeraa booda milkaaweef.

1.2 Caasaa motummaa Oromoo (sirna gadaa) diigame

Himi afaanii fi galmeen seenaa akka ibsutti caasaan motummaa Oromoo bara durii Gabate 1 keessatti ibsameera.

Gabatee 1:  Caasaa motummaa Oromoo bara durii

Shanachi (gartuleen 5n) sirna Gadaa, waggaa saddet-saddetiin, aangoo motummaa nagaan walitti dabarsuun waggaa 40 booda aangoo dhaloota ilmaaniitti kennuun Gadaa marsaa 1ffaa xummuru.

1.3 Caasaa motummaa Habashaa (sirna motii) diriirfame

Gabatee 2:  Caasaa motummaa Habashaa kan bara durii fi kan ammaa

Motummaan Habashaa baroota dheeraaf sirna mootiin hogganamaa ture. Bara dhiyoo asitti ammoo maqaa yeroo lama jijjirrachuun daangaa aangoo waraanaan baballifatee  ture aangooma waraanaan tikfataa jira (Gabatee 2). Garaagarummaan sirnoota mootii, darguu, fi adda bilisummaa uummata Tigrayi (ABUT) gidduu jiru bifuuma jijjirrachuu malee, tarsimoon uummata Oromoo irratti qaban hin jijjramne. Ragaalee kana mirkanessan hedduu kessaa: dhiittaa mirga namoomaa fi saamicha lafaa ti.

1.4 Diigamuu motummaa Oromoo

Diigumsi motummaa biyya tokkoo, lammii motummicha  jalatti hogganamaa turan dhiittaa mirgooti namoomaa sadarkaa gadii irraa jalqabee hanga sanyii duguggaaf saaxila.

Sababiin digumsa motummaa Oromoo qabxiilee gurguddoo armaan gadii kana sadan jalatti cuunfama: 1ffaa Sirni Gadaa laaffachaa adeemuu;  2ffaa Duula dinaa fi alagaa irraa banamee of irraa ittisuuf jaarmiyaa fi meeshaa waraanaa ga`aa dhabuu ; 3ffaa Motummaan Habashaa fi ol´aantummaan gita bittuu Habashaa gargaarsa alagaan aangawaa adeemuu.

Akkataa kanaan sirnni motummaa, aadaa, fi hawaasumma Oromoo diigamaa adeemuun suta sutaan kan Habashaan bakka buufamaa adeeme. Akkasumas,  eenyummaan Oromoo fi saboota kiiba Itiyophiyaa duguggaa bifa kallattii fi alkallattiin geggefamuuf saaxilameera.

1.5 Sirna cunqursaa hamaaf saaxilamuu saba Oromoo

Jeequmsi fi gooliin waggoota 150 darban tarsiimoo siyaasa Habashaa irraa dhalatan guddachaa fi baballachaa adeeman. Motummaan gabiromfataan kun gara-jabeessaa fi duddubatti haafaa ta`uu ragaalee mirkaneessan hedduu keessaa tokko dhittaa mirgoota dhala namaa dangaa hin qabne.

Yakkootii motummaa Habashaan fuufinsaan raawatamaa jiran hedduu keessaa warrii ijoon: 1ffaa Akkuma bineensaatti adamsamee ajjeefamuu fi  gabira ta`uun gurguramuu ilmaan namaa ; 2ffaa Qabeenyaan uummataa saamamuu fi  biyyaa ariyatamuu ilmaan namaa; 3ffaa Akka dofaa fi dadhabaatti ilaalamuun tuffatamuu uummataa; 4ffaa lubbuu uummatoota miliyoona hedduu gar-malee galaafachuu; fi 5ffaa Uummatoota miliyoona hedduu buqqisuun jireenya hiyyummaa fi baqattummaa rogaalee danuuf saaxiiluu dha.

Uummati Oromoo motummaa-maleeyyi ta’uudhaan walabummaa sarbamee ittisa dhabuudhaan waluumaagalatti balaa gurguddoo sadiif saaxilameera: (1) Sanyii duguggaa (ajjefamuu miliyoonaan); (2) Sanyi eenyummaa Oromoo balleessuu (afaan, aadaa, fi seenaa Oromoo haquu), fi (3) diigumsa caasaa fi jireenya hawaasummaa Oromoo (sirna hawaasummaa fi siyaasaa Oromoo dhabamsisuu). Bara ammaa kana toftaa dhokataa motummaan kun tarsimoo fagenyaaf fayyadamaa jiru, “Saamicha qabeenya uumamaa geggessuun uummata miliyonaan lafa jirenyaa irraa buqisuun”, adeemsa yeroo dheeraa keessa bifa biyya Oromoo roga-malee gochuun dhabamsiisuu dha.

2. Ijaaramuu jalqabuu uummata Oromoo

Uummati Oromoo ofiin of ijaaruu jalqabuun hundee milkoomiina QBO ti.  Jaarmiyoota QBO ijaaruun osoo wal irraa hin citiin bara 1960 irraa eegaluun itti fufeera.Hojii baayyee ittiin boonamuu dha.

2.1 Jaarmiyaa hawaasaa (1960 …)

Bara 1960 Waldaan Afran Qalloo (WAQ) hundeeffamuun hundee sochii qabsoo bilisummaa afaan fi aadaa Oromoo ta`ee mullate. Waldaan kun hawwisoota kanneen akka Biftuu Ganamaa, Urjii Bakkalchaa, fi kkf … argamsisuun wallistoota qaroo hedduu kanneen uummata dammaqsanii qabsoo bilisummaaf hiriirsan dhalche. Bara ammaa kana ammoo waldaaleen artistoota Oromoo sadarkaalee adda addaatti  ijaaramuun QBO  keessatti  ballinaan hirmaachaa jiru.

Bara 1963 Waldaan Maccaa fi Tulamaa ijaaramee sochii barnotaa fi misomaa geggessaa tureen uummata Oromoo dammaqsuudhaan  siyaasa qabsoo bilisummaa Oromoof hojii bu`uraa raawate. Sochiin sabbonummaa Oromoo baballachaa adeemuudhaan bara 1980 booda hawaasooti  Oromoo sadarkaa adunyaatti ijaaramuu jalqaban. Yeroo ammaa kana lammiin Oromoo biyyoota keessa qubatan hundumaatti hawaasa Oromoo ijaaruu. Fakkenyaaf hawaasootiin Oromo Afrikaa (Keniyaa, Misir, Sudaan, Ugandaa, Kibba Afrikaa…);  Asiyaa (Yaman, Sawudii, ….);  Awuropaa (Ingilizii, Jarmanii, Norway, ….);  Kaaba Amerikaa (Kaanadaa fi  Ameerikaa);  fi Osheniyaa (Awustraliyaa fi Newuziland) keessatti ijaaramuudhaan QBO tumsaa jiru.

Bara 1988 irraa eegaluun waldaaleen amantii ijaaramuu jalqabuudhaan gara sochii walitti hidhata amantii fi aadaatti guddachaa jiru. Jaarmiyooleen sochii kana keessatti hirmaachuu jalqaban kanneen akka waldaalee kirstaana Oromoo, waldaa Oromoo hordoftoota amantii islamaa, fi waldaa Oromoo hordoftoota amantii waaqefannaa ti.

2.2 Jaarmiyaa odeeffannoo (1960 …)

Uummata Oromoof karaa raadiyoo odeeffannoo tamsaasuun kan jalqabame bara 1960 keessa sagantaa radiyoo afaan Oromoo magalaa Moqaadishoo irraa darbuun ture.  Kana booda bara 1970ta  keessa sagantaa radiyoo Itiyophiyaa irraa qophiin afaan Oromoo jalqabame. Bara 1980ta keessa sagaleen bilisummaa Oromoo (SBO) hundeefamudhaan odeeffannoo QBO tamsaasuu jalqabeen uummata Oromoo dammaqsee barnoota siyaasaa hidhachiise.  Bara 1990 booda ammoo sagalee hawaasa Oromoo fi sagantaa raadiyoo gosa hedduun karaa internetii darban baballachaa adeeman.

Bara 1970ta keessa barrulee (gaazexaa) kanneen akka Bakkalchaa fi Bariisaa ballinaan  odeeffannoo  afaan Oromoon barreessuu jalqaban. Bara 1990ta keessa ammoo barruleen akka Urjiii fi Seeyife-Nabalbaal odeeffannoo QBO uummata qaqabsiisaa turan. Jaarraa 21ffaa kana keessa ammo marsaalee internetii hedduu irratti odeeffannoo hedduun afaan Oromoon tamsawaa jiru.

Bara 1990 booda televisiyoona fayyadamuun afaan Oromoon odeeffannoon tamsaafamuu jalqabe.  Sagantaan televisiyoon afaan Oromoo kanneen akka Oromo TV fi Televisiyoona Itiyophiyaa sagantaa afaan Oromoo gara jalqaba 1990 eegalan. Bara 2000 booda ammoo TV   Gaddisa dhugaa,  Midiyaa Oromiyaa (OMN) , Odeessa Oromiyaa (ONN), Tamsaasa Oromiyaa (OBS), fi  Agarsiisa adda addaa karaa interneetii darban hundi odeeffannoo burqisiisaa jiru.

2.3 Jaarmiyaa waraanaa (1928…)

Nagenyaa fi qabeenyaa uummataa tiksuuf jaarmiyaa waraanaa jabaa qabaachuun bara durii irraa eegalee tarsimoo addunyaa kana irratti ballinaan hojii irra olaa jiruu dha. Tarsimoo haaraa miti, waanuma baratamee dha, sababii adunyaan kun sirna gabiromsaa kallattii fi alkkalattiin geggefamu jala jirtuuf. Waraana adunyaa 2ffaa booda ammo, balaa loola diinaa irraa uummataa fi biyya ittisuuf, jaarmiyaa waraanaa sadarkaa oliitti ijaarrachuun daran jabaatee kan itti fufee dha.

Bara 1870 – 1889 loola uummata Oromoo fi motummaa  Habashaa giddutti geggefameen ergii uummati Oromoo injjifatamee,  hidhannoo waraanaa hikkateen,  booda deeibiyee hidhachuuf yaaleera. Garuu rorroo diinaa irraa kan uummata Orromoo ittisu jaarmiyaa waraanaa aango-qabeessa argamsiisuuf amma yoonaatti hin milkoofine.

Bara 1928 irraa eegalee uummati Oromoo akkaataa qindoomina hin qabneen finciila meeshaa waraanaan deggerame geggessuun diina (motummaa Habashaa) raasuu jalqabe. Fakkenyaaf  sochii Walloo (fincila Raayyaa bara 1928 –1948), diddaa Harargee (fincila Carcar bara 1936 – 1950), fi  riphee lolaa Arisii (fincila Baalee bara 1958 –1970).

Sochii riphee lolaa kan jalle (J.) Elemoo Qilxuu  hundessee fi  J. Mullisi Abbaa Gadaa fi J. Jaarraa Abbaa Gadaa jalqaban hundee jaarmiyaa  waraana bilisummaa Oromoo (WBO) ti. Adeemsa WBO hundessuu keessatti  ga`een (qoodi) J. Elemoo Qilxuu, J. Mullisi Abbaa Gadaa, fi J. Jaarraa Abbaa Gadaa  seenaa QBO keessatti fakkenyummaa guddaa qabatee akka jiraatu galmee seenaa Gootolii Oromiyaa keessatti ibsameera.

Jaarraa Abbaa Gadaa waggaa 5 mana-hidhaa mootummaa Somaalee kessatti ergii dararamee ba`een booda J. Mulliis Abbaa Gadaa wajjin ta`uun bara 1970ta gara jalqabaa qabsoo hidhannoo sagaliin J. Elemoo hoggane itti fufan. Isaanis ona Bordoddee keessatti, sagalii J. Elemoo hoogganaa tureen, qawwee dhoksame argachuudhaan qawwee sadiin Gooballee seenan.  Suuta suutaanis uummata dammaqsaa fi ofitti dabalataa adeemuun bara  1973 hunddefamu WBO argamsiisan.

2.4 Jaarmiyaa siyaasa walabummaa (1973…)

Gabatee 3:  Jaarmiyolee siyaasa walabummaa Oromoo bara 1973 – 2015 hunddefaman

Jaarmiyolee siyaasa QBO gartuulee gurguddoo lamatti addaan qoodamu. Gartuun jalqabaa jaarmiyolee siyaasa walabummaa jedhamuun beekaman lakkofsaan 12 ta`u (Gabatee 3). Jaarmiyolee  12  keessaa kan hojii qabatamaa hojjechaa jiranu lama (2) hin caalan.

2.5 Jaarmiyaa barnootaa fi qorannoo (1973 …)

Bara 1973 irraa jalqabee ijaaramuun waldaalee barattoota Oromoo kanneena akka Tokkummaa  barttoota Oromoo Awuropaa (TBOA) fi  Tokkummaa  barttoota Oromoo Kaaba Ameerikaa (TBOKA ) bu`ura waldaa qorannoo Oromoo (WQO) ti.  WQO gara jalqaba 1980ta hundeefame.  Seenaa fi aadaa Oromoo qorachuun barruuleessanii fi kitaabeessanii sadarkaa adunyaatti beeksisuu kessatti  waldaaleen kun sadanuu qooda sadarkaa olii qabu.

2.6 Jaarmiyaa siyaasa feederaalummaa (1976…)

Gabatee 4: Jaarmiyolee siyaasa feediralummaa Oromoo bara 1976 – 2013 hunddefaman

Jaarmiyolee siyaasa QBO gartuu 2ffaan jaarmiyoota siyaasa feediraalummaa jedhamu.  Gartuun kun lakkofsaan gara 12  ta`u, garuu  hojii qabatamaa kan hojjechaa jiran sadii (3) hin caalan (Gabatee 4).

2.7 Jaarmiyaa mirga namoomaa (1980…)

Moraa QBO keessatti jaarmiyaa walgargarsaa fi mirga dhala namaaf falmmu ijaaruun kan jalqabame bara 1980ta keessa waldaa gargaarsa Oromoo /Oromo Relief Association (WGO/ORA) hundeessuun.

Bara 1994 jaarmiyaan mirga dhala namaaf falmmu kanTuuta Tummsa Oromiyaa yookin  Oromia Support Group (TTO/OSG) jedhamuu dhiittaa mirga namoomaa Oromiyaa fi gutummaa Itiyophiyaa keessatti motummaa Habashaan geeggefamu adunyaatti beeksisuu jalqabe.

Fakkenyummaa TTO/OSG  hordoofuudhaan bara 2004 booda jaarmiyoleen mirga namoomaa hedduun yeroo adda addaa hundeefamaniru.  Fakkenyaaf:  HRLHA (Human right league of horn of Africa), MRHA e.V. (Menschen Rechte am Horn von Africa, afaan jarmanii ti) yookin Human Rights of Horn of Africa,  OMRHO e.V.(Oromo Menschenrechts und Hilfsorganisation,afaan jarmanii ti) yookiin Oromo Human Right and Relief Organization (Ijaarsa Mirga Namoomaa fi Gargaarsa Oromoo), Oromia Support Group in Australia, fi kkf.

3. Guddina sochiilee qabsoo bilisummaa Oromoo

Kutaa 3ffaa kana jalatti Shanan Rogaalee QBO fi sadarkaalee guddina QBO ilaaluun booda  warraaqsooti gurguddoon adeemsa  QBO keesatti dhalatanii turan shirraa diinaan gara dabarfamuu mu`llisuudhaan warraaqsa 3ffaas maaltuu eeggata laata kan jedhu, gaaffii  baanaan, agarsisuu dha.

3.1 Shanan Rogaalee qabsoo bilisummaa Oromoo

Bara 1870 irraa eegalee waraana motummaa Habashaan irratti labsame ofi irraa deebisuuf uummati Oromoo qabsoo bilisummaa geggessaa jira. Qabsoon bilisummaa Oromoo gara waggoota 150f geggefamaa jiru kun golee shan walitti hidhaman qaba. Isaanis: (1) qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu fi guddisuu, (2) qabsoo aadaa Oromoo tiksuu fi kunuunsuu, (3) qabsoo seenaa Oromoo fi oromummaa ifatti baasuu, (4) qabsoo hawaasummaa fi dinagidee Oromoo dagaagsuu, fi (5) qabsoo siyasaa saba Oromoo aangoomsuu ti. Shanan rogaalee QBO martinuu wal tumsuun QBO galmaan ga`u, gargaarsa Waaqayyo biraa ta`een.

3.2 Sadarkaalee qabsoo bilisummaa Oromoo

Sadarkaaleen guddina yookiin adeemsa QBO sochiilee gurgguddoo shan (5) kan yeroon walitti hidamaniin beekama.  Qabsoon bilisummaa Oromo sadarkaalee guddinaa sadii (3) keesa darbuun 4ffaa irra jira.

Bara 1ffaa [Facawinaan finciluu Oromoo (bara 1881 – 1960)]: Diddaa  Annoolee fi Calanqoo;  sochii afaan fi aadaa Oromoo kunuunsuu (bu`reefamuu hogga-barruu afaan Oromoo kan hogganummaa Hiikaa Awaaji fi  Bakirii Saphaloon jalqabame);  Fincila Raayyaa (bara 1928 –1948)  fi Carcar (bara 1936 – 1950): sochii riphee lolaa Baalee (bara 1958 –1970); fi Sochii haawasummaa kan Guddinaa Tumsaa hoggane (bara 1970 – 1977).

Bara 2ffaa [Hundeefamuu jalqabuu jaarmiyaa QBO (bara1960 – 1973)]:  Waldaa Afran Qalloo (1960); Waldaa Maccaa fi Tulamaa (1963); fi Adda Bilisummaa Oromoo (1973).

Bara 3ffaa [Ijaaramuu ABO fi WBO (bara 1973– 1992)]: bara diina irratti haleellaan qindoominaan geggefamee fi yeroo jalqabaaf bara qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa adunyaatti beekame.

Bara 4ffaa [(Walmormii fi dorgommii jaarmiyolee QBO (bara 1992 –????)]: gara sadarkaa gamtaan QBO hogganutti jaarmiyolee siyasaa ceesisuuf bara 2000 irraa eegalee yeroo hedduu yaalamee hin milkoofine. Fakkenyaaf diigamuu tokkummaa humnoota bilisummaa Oromoo (ULFO) bara 2006.

Bara 5ffaa [(Waltumsuu jaarmiyolee QBO (????)]: Mullisuuf barii bilisummaa, Barichi hawiin eegama.

3.3 Adeemsa QBO guddina sadarkaa 5ffaatti ceesisuu

Sadarkaa  5ffaatti  darbuuf  haala  dureen  raawatamuu  malan  gabatee  5ffaa  keessatti  dhiyaatu.

Gabatee 5:  Qooda ijaaraa fi diiggaa jaarmiyooleen QBO maddisiisan

Jaarmiyooleen QBO yoo qooda (ga`ee) ijaaraa (+) guumachuu irratti xiyyeefataniif QBO gara galma guddina sadarkaa 5ffaatti ceesisuun ni ariifata.

3.4 Warraaqsa 1ffaa fi 2ffaa baroota darban adeemsa QBO keessatti dhalatan

Warraaqsa  bara 1973 dhoyee (sirna qabiyee lafaa fi caasaa bulchinsaa kan jijjire ture). Warraaqsi kun Fincila uummatoota baadiyaa fi magaalaa qindeesuu  fi sagantaa walgargarsaa, barnotaa, fi misomaa karaa waldaa macaa fi tulamaa (1963 – 1973) qindaawe irraa argame.  Garuu warraaqsichi kaayyoo QBO galmaan ga`uuf hin milkoofine.  Maaliif?  Sababii gurguddoo lamaan kanaaf:  (1ffaa) aangoon waranaa dhabuu fi  (2ffaa) jaarmiyoleen Oromoo sadarkaa ijaaramuu jalqabuu irra turan.

Warraaqsi bara 1991 dhoyee ammoo  enyummaa sabootaaf beekkannoo kan kennee dha. Warraaqsi kun sochiilee riphee lolaa bara 1974 hanga 1991 baadiyaatti geggefame qindeessuu keessaan dhalate.  Garuu warraaqsi kunis to`atamee kaayyoo QBO galmaan ga`uuf hin milkoofine.  Maaliif?  Sababii gurguddoo shanan kanaaf:  (1ffaa) hanqina jaarmiyaa, (2ffaa) hirr’ina aangoo waraanaa, (3ffaa) gantummaa siyaasaa, (4ffaa) gartummaa siyaasaa, fi  (5ffaa) sirni bulchiinsa jaarmiyolee hoogganumaa qindaawe dhabuu dha.

Warraaqsi lamanuun kun aangoo waraana dinaan hatamuun gara dabarfaman. Isa jalqabaaf maqaa Warraaqsa Soshaalistummaa fi kan itti aanee dhalateef maqaa Warraaqsa Dimookiratummaa jedhamantu kennaman.  Afaan faajjii dhalchate kanaan diinni umurii motummaa dheerefateera.

3.5 Sochii qerroo bilisummaa fi warraaqsa 3ffaa

Gara dhuma bara 1990ta irraa jalqabee sochiin fincila diddaa gabirummaa moraa barnoota sadarkaa 1ffaa hanga Yuniversitii geggefamaa ture guddachaama adeeme. Sochiin barattootaa kun bara 2012 keessa bu`reefamuu  jaarmiyaa qerroo bilisummaa Oromoof qooda guddaa gumaacheera.

Hundeefamuu qerroo bilisummaa Oromoo keessaan sochiin QBO gara sadarkaa waarraaqsa 3ffaa argamsisuutti guddachaa adeeme. Sochiin kun bara 2014 irraa eegalee warraaqsa Oromoo yookiin warraaqsa Xummura Fincila Diddaa Gabirummaa jedhamee beekama.  Bara 2017 irraa eegaluun ammoo warraaqsa dinagidee jeechuun waamuunis mullateera.

Maqaa moggaasuu qofaan ga`aa miti. Kan darbe irraa barachuudhaan, warraaqsa yeroo dhiyootti dhalachuu malu kana to`achuudhaan galma QBO milkeessuuf, qophaawutu daran barbaachiisa mitii? Warraaqsa 3ffaa hogganuun QBO galma xummuraan ga`uuf,  jaarmiyoleen QBO hunduu tarsimoo gamtaan qabsaawuu baafachuudhaan gara hojiitti hiikuun, baayye hawwama. Maaliif?

Xummura

Karaa kamiinuu ijaaramuun Oromoo qabeenyaa dha.  Qabeenyaan kunis kanneen akka yeroo, beekumsaa, fi qarshii dha.  Qabeenyaan kun yoo hubannaan hogganamaniif kaayyoo QBO galma xummuraan ga`uu keessatti qooda guddaa qabu.

Walta`insaan (qindoominaan) yeroo, beekumsaa, fi qarshii hogganuun adunyaa bittaa-gurgurtaa kana keessatti milkoomina daldala kamifuu murtessaa dha.  Adunyaa walxaxe hoggaanuu milkessuuf  jaarmiyaa gamtaawee ijaaruun furmaata ta`ee akkuma argame, adunyaa Oromoo kan uumamumaan walxaxaa ta`e hoogganuudhaan  QBO galma xummuraan ga`uuf jaarmiyaa gamtaawe argamsisuun dirqama. Gartuu tokko qofaan milkaawuun hin abdatamu. Jechunis, qofa qofaa figuun ga`aa miti.

Hundeen guddinaa fi badhaadhummaa Oromoo bara dur-durii sirna Gadaa ture.  Dhalooti ammaa kunii fi kan gara fuula duraa, furtuulee jaarmiyaa Oromoo bara dur-durii dubbisee akka bara keessa jiraatutti hikkatee gara hojiitti jijjiruudhaan kabajaa uummata Oromoo irraa dinaan fudhatamee jiru deebisuuf of qopheessun hedduu barbaachisa.

Sirnoota ilaalcha siyaasaa kanneen akka habashummaa, kominstummaa, fi kapiitaalistummaa hojii irra olchuuf carraaquun mooraa QBO jeequmsaaf saaxiilu hubachuudhaan:  ilaalcha siyasaa siran Gadaa irratti hundaaween  QBO hoogganuu eegaluun jaarmiyolee huunda irraa eegama. Sirnoota alagaa (Habashummaa fi Faranjjummaa) ergifachuu irraa maquun gara kan ofiin (Oromoon) bonuutti guddaachuu dha. Daandiin siyaasa walabummaa fi karaan siyaasa feederaalummaa gara galma bilisummaa uummata Oromootti geessu. Lamanuu yoo gamtoominaan hogganaman milkaawu.

Hoogganoti jaarmiyolee siyasaa, dhimma QBO, gara ballisanii fi fageessanii ilaaluutti guddachuuniis waan dhiyaate fakkaata.  Jechunis, qabsoon bilisummaa Oromoo daandii bilisummaa uummatoota Itiyophiyaa fi Afrikaa ta`uuf akka adeemaa jiruus hubachuu dha. Akkasumas, rakkolee baayyee walxaxoo (Iyyummaa fi Goolii) kanneen Afrikaa fi Adunyaa qunnamaa jiranuuf qabsoon bilisummaa Oromoo furmaata argamsisuu keessatti qooda guddaa akka qabu hogganoota adunyaa beeksisuuf saganteefachuu barachuu dha. Addunyaa hojii daldalaan hogganamtuu dammaqinsaan ilaaluu dha.

“The future depends on what you do today (Mahatma Gandhi).” Bori hin beekne, qodaan bukoo ishee lama.

Ragaalee

  1. Bokkuu D. Dirribii, 2008. Ilaalcha Oromoo (Kitaaba Aadaa, Seenaa, fi Duudhaa Oromoo. Oromia Publishing LLC: Atlanta, Georgia, USA.
  2. Dibabaa I. Ish, 2009. Ye Oromoo taarik ke xinti iskee 1890 mecereshaa. P.O.Box 17906. Addis Ababa,
  3. Gudina Tumsa Foundation (GTF), 2001. The life and ministry of rev. Gudina Tumsa, general secretary of the Ethiopian evangelical church Mekane Yesus (EECMY). Mekane Yesus theological seminary  Makanissa, April 18 – 21, 2001
  4. GTF, 2003. Witness and discipleship, leadership of the church in multi-ethnic Ethiopia in a time of revolution (The essential writings of Gudina Tumsa, general secretary of the EECMY (1929 – 1979). GTF, Addis Ababa.
  5. Hassan M fi Maatii D., 2008. Goota Oromiyaa. Oromia publishing LLC.  Atlanata Georgia, USA.
  6. Hirphoo T., 1999. Abbaa Gammachiis, Oneesimos Nasib nama Biyya Oromoo, ergamaa wangelaa (1850 – 1931). Mana-maxxansaa Bolee, Finfinee.
  7. Jaatee M., 2016. Qabsoo bilisummaa afaan Oromoo.Waligayii marii afaan fi aadaa Oromoo irratti barruu dhiyaate. http://www.ayyaantuu.net/qabsoo-bilisummaa-afaan-oromoo-waligayii-marii-afaan-fi-aadaa-oromoo-irratti-barruu-dhiyaate/
  8. Malkamuu Jaatee, 2014. Bu`aa-ba`ii amna qabsoo bilisummaa Oromoo kaleessaa, har’aa fi borii . Kyagab & Sons graphics, Kampala, Uganda
  9. Taneter. Org, 2016. Ancient Kush or Ethiopia. www.taneter.org/ethiopia.html
  10. www.businessdictionary.com. Government definition. www.businessdictionary.com/definition/government.html
  11. www.importanceofphilosopy.com.The Necessity of Government. www.importanceofphilosophy.com/Politics_NecessityOfGovernment.html
  12. www.scaruffi.com. Piero Scaruffi, 2009. Wars and casualties of the 20th and 21stcenturies. http://www.scaruffi.com/politics/massacre.html

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

w

Connecting to %s

%d bloggers like this: