OromoRevolution Alaabaa ABO lafa kaa’aan lafa nama hin keessisu, qabadhaan nama hin qabachiisu Kaayyoofi Akeekaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ilaalcha Siyaasaa (Ideology) Uummatni Oromoo Waliigalatti hordofuufi itti amanutu nama qabachiisa!!.
Kanumaan bira kutaa ofumaa atakaroofi ajendaa afaanfajjii uumuufi deebii kennuuf ‘busy’ wal gochuun barbaachisaa miti. Kanaan sababeeffachuun ‘busy’ wal gochuun bu’aan isaa diinaaf ta’uus hin dagatiinaa. Hanga kanaan atakaroofi olola afaanfajjiif halkanii guyyaa ergama diinaa waliin rakkattaan halkaniifi guyyaa boqonnaafi aragalfii tokko malee bakka jirtanitti wal ijaaraa, ijaaraama; waan dandeessaniifi karaa dandeessan cufaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo jabeessuuf tattaafadha.Yeroon kun uummata Oromoo hundaaf yeroo murteessaadha. Kabajnifi Ulfinni gootota ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegama qaalii kanfaluun dhaloota hardha Qeerroo Bilisummaa dhalchisaniifi uummata Oromoo waliigalatti akeekaafi kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo wareegama meeqaan as gahe galiin gahuuf gamtaan hiriiree falmachaa jiruuf haa ta’u!!
Dhugaa, Eejjennoo,Kaayyoofi Akeeka qabna ni bilisomna!!
Qabsoon Itti Fufa gabromsaan ni kufa!!
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Xummura Gabrummaati!!
Onkololeessa. 9/2017


Pingback: Hubachiisaa Gabaabduufi Murteessituu Hooggana Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa!! – Site Title
viva qeerroo.
go forward..