Waxabajjii 10,2017, Godina Shaggar lixaa aanaa Ginda_barat,magaalaa Ginda baratii fi magaalaa Kaachisitti loltooti sirna Wayyaleenee uummata dararuu itti fufaa jiraachuu Qeerroo Gindabarat fi kaachisa gabaasan,erga baatii lamaa hanga amma galgaala galgaala yeroo Mara sa’a lamaa booda namni kamuu dandiirra deemuu akka hin dandeenye fi reebichi hamaa ilma namaaf hin barbaachifne akka uummata irratti raawwatamaa jiru gabaasi Qeerroon ni addeessa.
Kunakkumaa lafa oromiyaa saba oromoo irraa buqqisaa, saboota biraaf takkuun hiruu jiruttibarate,ummata keenyarrattis reebichaaf dararaa hamaa irratti rawwachuun akka sabni oromoo qee’ee Isaa isee godaanu,akka of jibbu,akka Abdii kutaatu yaadanii duguuggaa Sanyii ajjeechaa fi hidhaan ummata dadhabnaan,Warren du’aa fi hidhaarra hafan reebichaan dararaa jiraachu uummanni sarbaman ni dubbatu ykn wawwaatataa jiru.