Wayyaaneen TPLF Oromiyaa Guutuu Keessatti Walgahiin Ummata Cinqaa Jiru.

Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Magaalaa Duukam keessatti wayyaneen konfiransii Dargaggootaa 9ffaa jechuun erga Dargaggoota walitti qabdeen booda Ayyaana caamsaa 20 waggaa 26ffaas har’uma asiin kabajanna jechuun kijibaan ummata walitti qabdee erga jettee booda akkuma galma wal gahichaa seenaniin kaabinoonni Magaalichaa wal gahicharratti argaman Shaamaa ibsuun Ayyaanichis kabajameera jechuun.fedhii ummataatin alatti ayyaana kabajsiistee jirti

Godina Arsii Aanaa Xiyyootti Duula malaammaltummaa jechuun hojjattoota Aanichaa Ummata biratti Fudhatamaa fi quuqama sabaa qaban maqaa kanaan mana hidhaatitti guuruuf Kaabinoonni Aanichaa Marii gaggeessaa jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo Aanichaa gabaasanii jiru

 

 

 

Godina Harargee Bahaa Magaalaa Harar keessatti Hojjattoonni fi Kaabinoonni Magaalaa Hararii fi Naannoo ishee haala Ayyaanni Caamsaa 20 itti kabajamuu qabuu irratti marii gaggeesaa jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo Harargee Bahaa gabaasanii jiru Maricha kan gaggeessaa jirus Bulchaa Bulchiinsa Gidina Harargee Bahaa Obbo Malaakuu Faantaa ta’uunis dhagayamee jira

 

 

 

 

Godina Baalee Magaalaa Gindhiir keessatti  Koonfiransii Liigii Dubartootaa jechuun itti gaafatamtuun waajjira Ijaarsa Dhaabaa Aadde  Laamiyaa Abdulqaadir Dubartoota walitti qabdee Dubartoonni hunduu Abbaa Manaa isaanii fi Ujoollee isaanii kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo qabatanii deemuu akka hin qabneefi Gaaffii qaban kamuu mootummaan deebisuuf qophiidha kanaafuu maatii keessan toowachuu qabdu jechuun Dubartootatti warwaataa jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo gabaasanii jiru

Leave a comment