Caamsaa 12,2017/ Wayyaaneen Uummata Beelaan Dhumaa Jiru Akka Uummanni Hin Gargaarreef Hawwaasa magaalaa Jimmaa Reebuuf Hidhuun Itti Fufte.
Uummata Oromoo ilu abbaa booraa irraa sababa godaansaaf saamicha Wayyaaneen beelaaf saaxilamanii jiran, magaalaa Jimmaa keessa gaaffii karaa nagaa gaafataniif deebiin dhabamee dhoksaan uummaticha ukkamsuuf utuu yaaltuu dubbichi erga bahee akka waan gargaaraa jirtutti
afarsuufakka waan fala dhabaa jirtutti dubbachuu itti fuftee turte.Barattoonnii mooraa Jimmaa akka hin gargaarreef dirqamaan dhorkuu
cinatti barattoota gargaarsa uummata kanaaf hawwaasa moorichaa gaafatullee hanga adamsuutti geessee jirti. Daabboo barattoonni
guyyoota darbaniif ofitti hur’isanillee ittiin geenya jechuun harkaa fuudhanii hawwaasa beelaan dhumaa jiru kana dhaqqabsiisuu didan.
Uummata beelahe kana namni kamillee akka argu hin dandeenyeef humna waraanaan eegu. Nama uummata Oromoo beela’e kana dubbisuu dhaqus nii reebuu, nii garafu. Kanaan utuu jiramuu. Abbaa qabeenyaa mana Raabsaa Daabboo Soojat. Uummata kanaaf gargaarsa waan godhe qofaaf qabanii hidhanii jiran. Reebicha hamaas irraan gahaa jiran. Bakka geessan hanga ammaatti hin baramin jira.
Asham ilimman oromoo nagayaa kessan? Moottumma wayyaane TPLF ilimman oromoo golee oromiya hundaa kessaa jiraan ajechaa, dorisisaa fii rebiichaa irratii rawachaa jirachuun har’a mitii durumanu itti jirtii hata’uu, kun boodatii nudebisuu….. qabsoon itti fufuutii… hanga bilisummatii , gadaan gadaa bilisummatii, injiifannoon taan ummataa oromootii…..