Caamsaa 10,2017/Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xijjoo Magaalaa Saguree Keessatti Dorgommii Shaanpiyoonaa Ispoortii Aanota Godina Arsii gaggeeffamaa jirurratti Poolisoonni Wayyaanee TPLF Uffata Seeraa Osoo hin diranne Ummataan wal fakkaatanii Bakka Dorgommiin itti gaggeeffamutti Argamuun Yeroo Ummanni Wal gahicharraa galuuf Staadiyoomichaa yaa’u. Dargaggoota qabanii hidhaa jiraachuun dhagayamaa jira.Dargaggoonni Caamsaa 9/2017 hidhaman Ibraahim Amiinoo Magaalaa Itayyaa irraa kan dhufe,Muussaa Hajjii Magaalaa Boqqojjii Irraa kan dhufe, Ahmad Awwaloo Magaalaa Dheeraa Irraa Kan Dhufe, Jibriil H/ Saanoo Magaalaa Hurutaa irraa kan dhufe, Ibsaa Jabboo Magaalaa Diksiis Hamdaa irraa kan dhufe,Maammoo H/ Hasan Magaalaa Kofalee irraa kan dhufee fi namoonni hedduun basaafyotaan qabamanii hidhatti guuramaa jiraachuu Maddeen Oduu Qeerroo Saguree Gabaasanii jiru