Sabboonaa Oromoo beekamoofi jaallatamoo Obbo Huseen Dhaabaa Gimbii addunyaa kana irraa torbee darbe caamsaa 05/2017 du’aan boqotan. Obbo Huseen Dhaabaa godina Wallagga lixaa aanaa Beegii magaalaa Koboritti kan dhalatan yommuu ta’an sababa Oromummaa isaaniif deeggaraa ABO ti jedhamuun hiraarsamaa turani. Obbo Huseen bara mootummaa dargii keessa waggoota 6f magaalaa naqamteetti hidhamanii turani. Bara mootummaa garboomfattuu Wayyaaneettis yeroo garaagaraatti ABO deeggarta jechuun akka hidhamaa turaniifi waggoota sadiif Mana hidhaa Wayyaanee turani. Obbo Huseen fincila xumura gabrummaaf dargaggoota kakaaste maqaa jedhuun hiraarfamaa turani. Obbo Huseen maanguddoo ganna 65 kan turan yommuu ta’u hamma lubbuun jiranitti man’ee ABO fi WBO gorsaafi maallaqaan nama deeggaraa turani.