Ebla 26,2017/Godina Addaa naannawa Finfinnee Magaalaa Sandaafaa Bakkeetti ergamtoonni Wayyaanee OPDO daldaltoota dirqamaan gibira humna isaanitii ol kaffalchiisaa jiru.Ergamtoonni wayyaanee kunniin gibira ummanni humna keenyaa oli jedhee mormachaa ture osoo jiruu ammallee dirqamaan bakka hojii isaaniitti dhaqanii dirqamaan gibira humna isaanitii olii akka kaffalan dirqisiisaa jiraachuu Qeerroon naannawa sanii gabaasee jira