Hagam yabbatus, baalli biqilaatti ulfaatee hundee hin raasu!

Jiituu Gadaatiin

barruuYeroo garaagaraatti wantootni qabsoo oromootti gufuu ta’an bara dhufaa darbaa biqilanis, qabsoo oromoo hundeen buqqisanii balleessuu hin dandeenye. Firaa fi halagaan, osoo beekaniis ta’e osoo hin beekin, yeroo hedduutti wantoota qabsoo Oromoo quucarsan hojjetanis, har’a qabsoon saba nagaa Oromoo mata duree addunyaa erga ta’ee bubbuleera. Mootoleen habashaa yeroo garaagaraatti qabsoo Oromoo manii hanqisuurra darbee uummaticha lafarraa duguuganii fixuuf wanti isaan hin yaalle hin jiru. Keessumaa godaannisa hunda keenyaa kan ta’e dhumaatiin calanqoo fi aannolee kanaaf ragaa guddaadha. Ajjechaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu akka qabsoo oromoo ajjeesuu hin dandeenye garuu har’as mootoleen habashaa hin hubatin jiru. Har’as afaan oromootaa qabuuf afaan qawween balbala keenya irra kan ijaajju, diinni Oromoo qabsoo ukkaamsuuf ajjeechaatti amana.

Ilmaan oromoo hidhuu fi doorsisuun ammoo habashootaaf hojii idilee erga ta’ee baroonni hedduun darbaa jiru. Akkuma “sareen harkaan guddisan qarriffaan ishee jaatama” jedhan, har’a diinni oromoo guddaan opdo’dha. Opdo’n hedduun isaanii osoo dhiiga oromoo qabanii dhiiga ilmaan oromoo dhangalaasaa jiru. Ofiif oromoodha jedhanii osoo of waamanii duguuggaa sanyummaa ilmaan oromoo irratti taasifamu tumsu. Imaan oromoof dhaabbanne osoo jedhanii ilmaan oromoo dhaabbiif taa’umsa dhorkaa jiru.

Har’a tarsiimoo diinaan diriirsame bakkaan ga’uuf oliif gadi ifaajjus, gooftoliishee biraa galata argattee hin beektu. Safartuu itti ilmaan oromoof safaraa turaniif safarameefii har’a isaanis mana hidhaa dhamdhamuu eegalanii jiru. Opdo’n garuu har’as diina uummatasaanii ta’anii halagaatti kooluu galuu irraa hin deebine.

Har’a ilmaan oromoo mana hidhaa jiran lakkoofsi hin ibsu. Kanneen hanga har’aatti qabsoo irratti wareegamanis maqaa tarreessanii fixuun hin danda’amu. Amma immoo maqaa haaromsaatiin ilmaan oromoo hedduun mooraa waraanaatti dararamaa jiru. Akka waan qabsoon oromoo leenjii opdo’n kennituun duuba deebi’uu , maqaa leenjii ykn haaromsa jedhuun ilmaan oromoo hedduun humna waraana tplf’n dararri dhala namaaf hin malle irratti adeemsifamaa jira. Waraanni beektota, hayyoota, barattoota qacalee oromoo fi maanguddoota keenya leenjisu kun eenyu yoo jenne garuu; jarreen kun ofuma isaaniifiyyuu warren leenjii haaromsaa isaan barbaachisudha. Jarreen kun hiika namoomaa illee hin beekani. Namni barachuuf daree seenee kutaa lakkaawuun qofti ga’aa miti. Safuufi seerri oromoo illee nama barsiisa. Kabaja dhala namaaf malu, safuu hawaasaa kanneen hin beekne waraanni TPLF kana, akkamittiin wayyaaneen hayyoota ittiin leenjisana jettee afaan guuttee akka dubbattu naaf hin galu. Wanti isaan leenjiidha jedhanii ittiin dhalataa sossobuuf yaalan kuni waan akkamiiti yoo jenne garuu waan haaraa homaa hin qabu.

Seenaa itoophiyaa jechuun kan isaan oromoota achitti guuran leenjisan; oromoon oromummaa fi seenaa oromiyaatti boonu kijiba isaanii kanaaf akka jilbeenfatu yaadaniiti. Kun tasumaa waan hin yaadamnedha. Dhalataa har’aa seenaa habashaa barsiisuun seenaa ofiisaaf qabu leenjii ji’a muraasaan miiccuuf yaaluun gowwummaa guddaadha. Seenaa ofiitti yeella’uus ta’e kanneen dhoqqee faalaniif buluu dhaloonni kun abbootii isaa irraa hin dhaalle. Afaan qawweetiin seenaan isaan barsiisan kun seenaa jaarraa tokko hin guunne. Oromoon ammo seenaa isaa dur durii eegalee dhalootatti dabarsaa har’a ga’e. itoophiyaa isaan leellisan kun oromiyaan alatti homaa hiikas gatiis akka hin qabne isaanumaanuu leenjisuu feesisa. Itoophiyaa isaan jedhaniif hundeen oromiyaadha. Oromiyaan ala copha bishaanii illee akka hin qabne waraanni kun leenjifamuu qabu turan. Humnatti kan amantu mootummaan weerartuun kun garuu, afaanqawweetiin seenaa sammuu dhalootaa keessa jiru, summiin makanii dhaloota afaan faajjessuuf yaaluun waan yaadamuuyyuu hin qabne.

Kan biroon shororkeessitoonni dhugumaan waa’ee shororkeessummaa leenjisna jechuun isaanii nama kofalchiisa. “ Muu yaa saree kan siin jedhan osoo beektee kan siif muran hin nyaattu turte” mammaaksa oromoo jedhu tarii warri wayyaanee hin beekne ta’a. shororkeessummaa TPLF bara miidiyaaleen addunyaa bebbeekamoon gabaasaa jiran keessa waa’ee shororkeessummaa leenjii kennina jechuun isaanii dhugumaan nama kofalchiisa. Loltootni kunneen tarii hiika shororkeessuu kan hin beekne yoo ta’e, leenjisuu osoo hin taane leenjifamuu qabu.

Bara kana keessa oromoo kumaatamaan lakkaawamu mana hidhaatti kan guure waraanni wayyaanee, qeerroo fi qarree, hayyootaa fi beektota, maanguddootaa fi hawwan akkasumas daa’imman xixiqqoof illee osoo garaa hin laafin erga galaafateen booda; nama gaaffii mirgaa, gaaffii namoomaa gaafate yakkamaa kan taasisu waraanni kun haamilee ittiin waa’ee shororkeessummaa leenjisu homaatuu hin qabu. Egaa kana opdo’n ofiifuu moofoftee haaraa diigamtee ijaaramuu ishee gaafatu, haaromsa, jijjiirama jechaa lallabuun ishee ofumaafi.

Dhalataan har’aa dhalataa ji’oota lama gidduutti shira opdo’n xaxxeen sakaalamee kufu miti. Qabsoo oromoo ukkaamsuuf yaaluun sichi waan hin fakkaannedha. Hundeen qabsoo oromoo opdo miti. Tarii shirri opdo’n xaxxu marti hamma baala mukarra jiruutti. Baalli mukaa, muka na baatun jigsa jedhee osoo hagam gabbatee hundeen sochoosee biqilaa sana hin raasu. Raafamuun baalaa cite bu’ee lafatti irra adeemamuuf yoo isa saaxile malee biqilaa baala sana baatu hin miidhu. “ kan qaban qabaa hin guunne gadhiisan bakkee guutti” akkuma jedhamu har’a opdo’n mirga kan qabdu itti fakkaatee bookkisuu malti. Haata’u malee gabrummaa deebii hin qabne jala jirti. Uummanni oromoo gabroomus mirgasaaf falmataa jira. Haqa qaba; ni injifata. Turus, bulus, bubbulus abbaa biyyummaa isaa ni mirkaneeffata. Gaaf tokko burraaqee gammaduuf jira. Kan faca’e funaanamee bakka tokkotti sassaabamuuf jira. Opdo’n garuu mirga ishee dabarsitee ormaaf laachuu isheef gaafas gaabbuuf jirti. Oromoon waa malee “ ganna darbetti mana hin ijaaran” jedhee hin mammaakne. Kanaaf qondaaltonni opdo, ergamtoonni diinaa, sadarkaa xiqqaa irraa hanga guddaatti diinaaf ergamaa jirtan yeroo isin hirribarraa dammaquu qabdan amma. Warreen oliif gadi akka kollee isin ergatan homaa isin hin galateeffatani.

Warreen haftanii jirtanis boru maqaa kiraa sassaabdummaan, maalaammaltummaa fi tarii maqaa tplf bor isiniif baastuun akkuma argaa jirtan mana hidhaatti darbamuun keessan waan hin oolle. Har’a baala taatanii qooda qomoo keessan irraa cittan, damee taatanii coolligdanis, lalistanis saba keessan waliin hiriiruu isiniif wayya. “ fokkorsuun dammaa hamma bishaan geessutti” isinis bor aangoon har’a isin harka jiru akka hin jiraanne beektanii ammumaan saba keessan waliin hiriiruu isiniif wayya.

Egaan yaada kiyya yoon goolabu qabsoo oromoo taakkuu tokko illee odo’n of duuba deebisuu hin dandeessu. Tattaaffiin opdo’n qabsoo oromoo gufachiisuuf gootu hamma baala mukarraa qilleensaan raafamuuti. Raafamee, raafamee ofiif cita malee biqilaa sana hundeen sochoosuus buqqisuus hin danda’u. har’a qabsoon oromoo lafa qabateera. Dhalataan oromoo sodaa malee bilisummaaf falmataa jira. Hnaga bilisoomuttis wanti qabsoo irraa duubatti isa deebisu humni tokkollee hin jiru. Kanaaf kanneen qabsoo gufachiisuuf dhaamatan, nama dhama raasuun wal hin caaltani. Sichi qabsoon oromoo fuulduratti malee duubatti hin deebi’u. gumaan dhiiga dhalattoota oromoo badii malee lola’ee hamma ba’utti onneen oromoo kamiiyyuu boqonnaa hin argatu. Hamma barattootnii fi uummanni oromoo oromummaan yakkamanii dararamaa jiran gadi dhiisamanitti gaaffiin oromoo deebii hin argatu. Hanga bilisummaa, walabummaa fi birmadummaan oromoo fi oromiyaa mirkanaawutti qabsoo oromoo homti tokkollee dhaabuu hin danda’u. kanaaf warren osoo beektaniis ta’e osoo hin beekin diinaaf tumsaa jirtan gara mooraa qabsootti akka deebitanii saba keessan waliin hiriirtan dhaamsa oromummaa dabarfanna.

INJIFANNOO UUMMATA OROMOOF!

GADAAN GADAA BILISUMMAATI!

1 thought on “Hagam yabbatus, baalli biqilaatti ulfaatee hundee hin raasu!

  1. Pingback: Hagam yabbatus, baalli biqilaatti ulfaatee hundee hin raasu! » OROMIAPRESS

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s