Amajjii 17,2017
Mootummaan saamtuu fi murni bicuu Wayyaanee yeroo ammaan kana guutummaa golee Oromiyaa keessaa boba,aa konkolaataa dhowwachuudhaan konkolaattonni hunduu hojii dhaabuuf dirqamanii jiru.
Keessumaa torbee kana keessa godina Wallaggaa bahaa magaalaa naqamtee fi naannoo ishee keessaa guutummaatti mootummaan wayyaanee boba,aa konkolaattota waan dhowwateef konkolaachistoonni heedduminaan mootummaa Abbaa irree wayyaanee balaaleffachaa jiran.Haa ta,uutii otuu kun kanumaan osoo konkolaattonni uummataa osoo hojii dhaabanii dhaabbatanii konkolaattonni mootummaa garuu qophaatti boba,aan naannoo mooraa yuunversiitii Wallaggaatti guutamaafii akka jiru maddeen Qeerroo achirraa gabaasan.