Biyya Oromoo -Oromiyaa

   Noolee Buttaatiin.

oromiyaBiyyi Oromoo barreeffamaan jaarraalee hedduu dura kan beekamtuu fi Qaroominni Kuush tan gaafa Afirkaa keessa jirus dhamaatii uummata Oromoo ragaalee fi hambaawwan seenaa Oromoo ni mirkaneessu.Biyyi kun Qorattoonni hayyoota amantaa Musliimaa fi Kiristaanotaa utuu hin hafin, namooti sabboonummaa Oromoo qaban kan akka Abbaa Gammachiis fi diinoti Oromoo utuu hin hafin biyya Oromoo jedhanii barreesanii darbaniiru.

Taatullee giti ergamtoota nafxanootaa fi diinota Oromoo biyyi Oromoo shira hayyooti Oromoo dhawan malee biyyummaan Oromiyaa kan addi bilisummaa Oromoo uumee isaanitti fakkaata.Oromiyaan biyyadha biyya dheedhii fi bilchaataa baddaa fi gammoojjii,gaaraa fi gooda/dakee qabdu,qilleensa mijataa qabdu fi biyya bulchiinsa mataa ofii kan t’ee fi Afirkaanota mara boonsuu danda’u SADOO GADAA of keessaa qabdu ta’uushee eenyu diinota Oromoo fi Oromummaan yaaddoo itti ta’e kanatti hima laata?

Biyyi Oromiyaa sirna garboomfataa jalatti deeggarsa Goobanaatiin kufuunshee alagoota haqa keenya dabsaniinuu ni beekama.Goobanaan Oromiyaa cabsuusaatiin ilmaan Tuulamaa hedduu ergama isaatiin facaasuun ilmaan Tuulamaa qisaasama hammana hin jedhamne jalatti kufuu isaanii waltajjiin Gooree Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Gooreetti Hambis Kumsaa Morodaa fi Mardaasaa Jooteen qondaaltota 36 waliin geggeessuun united league of nation irratti iyyatan “Oromooti giddu gala hundaa olitti miidhamaniiru” jechuun barreessan addatti mirkaneessa.

Dhiibbaa sirna alagaa kanaan Harka muraa fi harma muraan Aannolee akkasumas caliin calanqoo kan dagatamu miti.

Oromiyaan erguma garboomsaa jalatti bultee kaatee biyyummaa kana dhabuurraan ka’e,falmaa hadhaawaa yeroo garagaraatti geggeessaa turte ittis jirti.Hanga biyyummaa ishee afaan qawweetiin cabe kana deeffattutti!

Biyyi Tokko Biyya Jedhamuuf Maal Qabaachuu qabdi

Biyyi tokko biyya jedhamuuf qabxiileen akka saayinsii siyyaasaatti kaayaman afurtu jiru.

Isaanis:-

1 Uummata/society

2 Daangaa /territory

3 Bulchiinsa/government

4 Birmadummaa /sovereignity

Qabxiileen Armaan olitti eeraman kun isaan ijoodha jechuuf malee, biyyi tokko isaan kanaan qofa biyyummaan ishee mirkanaawa jechuu miti.

1 Uummata

Uummati Oromoo uummata kan isa jechisiisu, Kaaba Raayyaa Aasebuutii hamma Bobbaasaatti,Beejii hamma Ija-Buutittii kan jiraachaa jiruufi aadaa walfakkeenyaa qaba.Kunis akkaataan itti Oromoon duudhaa,safuu fi ilmaan isaa jiruuf jireenyaan guddisu walfakkii qaba akkaataan ijaarsa hawaasaa fi wlitti qabama isaanii uummatummaa Uummata Oromoo kan mirkaneessudha.

2 Daangaa

Oromoon daangaan isaa armaan olitti maqaa dhawe cabdullee,daangaa isaa cabde deebifachuuf sochiin inni taasisu falmaa inni diina waliin adeemsisaa turee fi itti jiru ummatummaa uummata Oromoo kan addeessudha.

3 Bulchiinsa

Bulchiinsi Oromoo dheengaddaa inni jabaan akkasumas gartokkeetti jedhee inni har’a jiru bulchiinsi Gadaa Oromoo Uummatummaa fi tokkummaa uummata Oromoo kan mirkaneessudha.Fakkeenyaaf Gadaa Booranaa keessatti baqqala-faajjii dhaabbachuun akkuma jiru hagam irraa fagaatullee bara teknoloojii fi geejjibni hin jirre keessallee Oromoon dirree biro jirus,Faajjii Gadaa utuu hin hambisin qabatee halluu walfakkaataa ta’een Gadaa isaa Moosisa.Waldhabdeen namoota dhuunfaa fi garee gidduutti yoo jiraate akkaataa walfakkii qabuun gumaa qabee hamma beenyaa barbaadamuutti jaarsummaadhaan ilmaan Oromoo rakkoo jiruuf jireenya bakka jiran maratti hiikkatu.Adeemsi kun walitti hidhama mataa ofii qabaachuun,Oromoon uummatummaa mataa ofii akka qabu mirkaneeysa.

4 Walabummaa(?)/sovereignty

Biyyi walabummaa qabaannaan sirna Waraanaa mataa ofii ijaarrachuun adeemsi itti of hooggantu fi lafti ishee to’annaa alagaa jala hin jirre walabummaa qabdi jedhama.Kalee ilmaan Oromoo Walabummaa biyya isaanii kan biyya Oromoo qabu garuu,har’a Oromiyaan harka diina jala waan jirtuuf walabummaa hin qabnu birmadummaa fi bilisummaan utuu hin hafin. Taatullee kalee walabummaa biyyi abboota teey-nyaa qabdu mallattoo biyya Oromoo fi biyyi takka qabaatuu qabduuti.

Biyti teey-na Oromiyaan tan qadu keessaa kanneen duudhaa fi safuu hawaasa keenyaa calaqqisiisan biyyummaa uummata Oromoo agarsiisu

Akka waliigalaatti,Qabsoon Oromoon biyya keessatti geggeessaa jiru qabsoo haqaafi biyyummaa biyya Oromoo_Oromiyaa kan mirkaneessudha.kana irratti lola Qeerroo fi Qarreen, Jaarsaa fi Jaartiin Oromiyaa maraa keessa jiran biyyummaa,tokkummaa fi aantummaa keenya daran kan mirkaneessanidha.

Haa ta’u malee,ololli diinummaa ilmaan Oromoo gidduutti karaa marsaalee hawaasaa faca’an kun ilmaan Oromoo addaan fo’uufi daranuu diina jalatti nu cabsuuf adeemsa aggaamamedha.Namni kamuu godina fi gosa irraa dhalate utuu hin kabajin hin jaallatin Oromummaa akkanumaan leellisa jechuu miti,maqaa gosaatiinis olola oofanii oromummaa calaqqisiisus miti.Yeroo ammaa kana ergama diinaa miidiyaa irratti oomishamaa jiruun namni hedduun miidiyaa hanga baqatanitti gayaa jiran

 

Yaa jarana! Oromoon safuu walii qaba! “bara gadaa safuun hin jiru,bara gadaa gaa’illi hin jiru” kan jedhamuuf yoo jettan baranni bara Gadaatii? Bara gadaa yoo ta’es Oromoon arrabsoo wal onnachiisu waliin jedha malee kan haamilee wal busheessu miti.Arrabsoo kanas gartuu akka Gadaatti arrabsutu jira malee nama abbaa fedhetu wal arrabsaa deema jechuus miti.

Waan amma ijaan argaa fi gurraan dhaga’aa jirru kana akkamiin dhaloota dhufu dhaalchifnaa? Jibbiinsi hanga fokkataa akkasii ta’ee deemu kun dhuguma dhimma gosa ofiifuu quuqamuu utuu hin taane,kan namooti hubannoon itti xiqqaate uummata keenya addaan facaasuuf cinaa mootummaa garboomfataa goranii ololan ta’uu hubachuun maaliif dagatamaa?

Biyya Oromoo amma jedhu kana facaasuun dheengadda alagaa hedduu fayyade har’a immoo Oromiyaa ija banachuuf kaate tarkaanfachiisuu dhifnee bilisummaa kabaa manaa jala nu geese dhiifnee walitti dachaane.Kana irratti murni biyyoota alagaa keessaa wal nyaatu kun hagam uummata keenya addaan hiruuf ophaawee?

Dhuguma utuu miidiyaan hawaasaa biyya keessa jiraatee du’aan dargaggoota Oromiyaa maxxansama ta’ee boo’ichaan miidiyaa irraa lafa cirtanii gattu ammammoo oduun kun karaa itti isin geessu dhibnaan isin mataa dhoksaffanii walitti kaatan.

Akeeki diinaa kun Oromoo kutaa amantaa fi gosaan adda adda yoo hire hedduu fayyadamaa waan ta’uuf pirojektii mataa ofii qopheeffatee Oromoo addaan fo’uuf waan ijaan hin agarre,waan haqa hin qabne hawaasatti sum’ii facaasuun tokkummaa hawaasa Oromoo diiguuf rafee bulaa hin jiru! Kana keessatti Oromoon gandaan,gosaa fi amantaan gaafa wal hirtu diinagdeen ishee silaa wal tinnisu ni dadhabdi,hawaasummaadhaan gootumma fi abshaalummaa tooftaa lolaa wal irraa qolattuu fi hanga humna diinaa wal irraa qooddattu dadhabdee kufti jechuudha

Adeemsi biyya Oromoo kana alagaa wajjin diigan haa dhaabbatu isiniin jechaa  Waaqayyo Waaqni Gurrachota Kuusha nu haa bilisoomsun jedha

Horaa bulaa!

 

 

 

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: