FXG Barattoota Yuniversitii Wallaggaa Itti Fufuu Irraan Kan Ka’e Barattooti Hedduun Waraana TPLFn Qabamaa Jiru.

img_20161130_080519Mudde 1,2016, Fincila xumura garbummaa ji a kana guutuu mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessatti finiinaa jiruun wal qabatee baratoonni Oromoo Yuunversiiticha keessaa butamanii ukkaamffamaa akka jiran oduun qeerroo moorichaarraa miliqxee nugeesse ifa gooti.
Mootummaan sirni kufaatii sirni bittaa isaa jala ga,e fincila xumura garbummaa guutummaa oromiyaa keessatti finiinaa jiruun rifaatuu guddaa keessa seenuudhaan waan qabee gad lakkisu walaaluun ilmaan oromoo oromummaa isaaniif quuqaman mooricha keessaa butee dhabamsiisuu itti fufee jira.
Warraaksa biyyoolessaa yuunversiitii wallaggaa keessatti finiinaa jiruun wal qabatee baratoonni oromoo maqaa fxg mooraa yuunversiitii wallaggaa keessatti finiinaa jiru isintu qindeessaa jira jedhuun mooraa yuunversiitichaa keessaa butamanii achi buuteen isaanii dhabamaa jira.
Hanga ammaattis guutummaa mooraa yuunversiitii wallaggaa keessaa sababii oromoo ta,an duwwaaf yakkamanii mooricha keessaa butamanii kan dhabaman baratoota saddet yemmuu ta,an baratoonni afur immoo mooricha keessaa butamanii akka hidhamaniif barbaadamaa akka jiran beekamee jira.
Namni gucha duguuggaa sanyummaa kana humna federaalaa mooricha keessa buufatanii jiran waliin walii galuun baratoota moorichaa hiisisaa fi ajjeesisaa jirus dura ta,aa humna poolisoota moorichaa kan ta,e nama maqaansaa Rabbirraa Asaffaa Kelqay  akka ta,e saaxilamee jira.
Baratoonni Hanga ammaatti Mooraa yuunversiitii keessaa butamanii achi buuteen isaanii dhabamaa jiru keessaa:

 

1,Barataa Keeraaj Mootummaa Bakki dhaloota isaa Godina shawwaa lixaa aanaa amboo
Gosa barnootaa inni mooraa yuunversiitii wallaggaa keessaa Qorachaa jiru gosa barnootaa siivil engiineriingii waggaa 4ffaa.
2,Barataa Sabboonaa Caalchisaa
Bakki dhaloota isaa Godina wallaggaa bahaa magaalaa Shaambuu
Gosi Barnootaa inni mooraa yuunversiitii wallagaa keessatti qorachaa jirus siivil injiineriingii waggaa 4ffaadha.
Mooraa yuunversiitii wallaggaa keessattis erga hidhaan jumlaan baratoota moorichaa irratti raawwachuu eegalee kaasees fxg mooricha keessatti daran jabaachuun diddaan baratootaa akkuma itti fufetti jira
Barattoonni moorichaas ajeechaafi hidhaan yoomuu qabsoo oromoo jalqabame daran jabeessa malee boodatti hin deebisu jechuun diddaa isaanii itti fufanii akka jiranis maddeen keenya qeerroo yuunversiitii wallaggaa irraa nu qaqqaban ifa godhu.
Suuraa baratoota mooraa yuunversiitii wallaggaa keessaa ukkaamsamanii jiran keessaa suuraan Barataa Keeraaj Mootummaa argannee jirra

1 thought on “FXG Barattoota Yuniversitii Wallaggaa Itti Fufuu Irraan Kan Ka’e Barattooti Hedduun Waraana TPLFn Qabamaa Jiru.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (December) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s