Warraaqsi FXG Mooraa Yuniverstii Wallaggaa Keessatti Itti Fufee Jira.

qeerroo1Sadaasa 29,2016 Warraaksi biyyoolessaa mooraa yuunversiitii wallaggaa keessatti hidda gadi jabeeffachuun gootowwan qeerroo mooraa yuunversiitii wallaggaatiin finiinuu itti fufee jira.
Mooraan Yuunversiitii Wallaggaas hoomaa federaalaan dhuunffatamuun baratoonni jumlaan reebamuu fi hidhamaa akka jiran beekamee jira.
Humni federaalaas sadaasa 29 halkan keessaa naannoo sa,a 7:30 irratti  baratoota moorichaa kanneen damee fb baratan doormii itti cabsuudhaan reebicha humnaan olii baratoota moorichaa irratti raawwachaa bulee jira.
Reebicha humni federaalaa baratoota moorichaa irratti gara laafina tokko malee raawwachaa bule kanaanis baratoonni moorichaa heeddumminaan miidhamanii akka jiran beekamee jira.
Diddaa mooraa yuunversiitii wallaggaa keessatti finiinaa jiru kanaan wal qabatees baratoonni moorichaa sababii oromoo ta,an duwwaaf mooricha keessaa heeddumminaan butamanii achi buuteen isaanii dhabamaa akka jiru maddeen keenya qeerroo mooraa yuunversiitii wallaggaa irraa nuqaqqaban ifa godhanii jiru Warraaksi mooraa yuunversiitii wallaggaa keessatti dhohee kunis magaalaa naqamtee keessatti no baballata sodaa jedhuun mootummaan garboonffataan wayyaanee sadaasa 30/11/2016 guutummaa yuunversiitii wallaggaa fi naannoo ishee irratti humna federaalaa jumlaan dabaluun baratootaa fi uummata naannoo sanaa doorsisaa akka jiru bira ga,amee jira.

1 thought on “Warraaqsi FXG Mooraa Yuniverstii Wallaggaa Keessatti Itti Fufee Jira.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (November) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s