ODUU GAMMACHIISAA!! OROMO TV NETWORK!!

AzerSpace 1/Africasat 1a, 46.00 East

Guyyaan akuma dhihe bari’uu/ jijjiiramaatti deemu/ Sabni Oromoo qabsoo jajjaboo gara bilisummaa fi walabummaatti isaa ceesisu taasisatti jira. Imalaa Qabsoowwan kanneen ija fi gurra sabicha akasumaas biyyoota addunyaa birootiin gahuuf immoo miidiyaan isaa jalqabaa fi bu’uuraa ti. Jaarraan 21ffaa kanatti odeeffannoon waan hedduu murteessa fi barbaachisadha. keesuma immoo nuyii akka saba Oromootti biyyaa abbaa keenyarratti sagaleen keenya ukkamsameef sagalee tahuuf immoo galte gaarii tahun shora ol’aanaa kan gumaachudha!!!!

Waktiin kana mootummaan wayyaanee labsii yeroo muddamaa jechudhaan saba Oromoo kutaalee Oromiyaa hunda keessatti akka dhuunfattis tahe akka gamtaatti dhiibbaa/gochoota sukkanneessaa irraan geessisa wayita jirudha. Haala kana keessatti miidiyaan sadarkaa idiil-addunyaatti dhagahamuu danda’uu qilleensa Oromiyaa irratti dhugaa lallabuu fi addunyaaf gabaasuuf gahuun/ dhalachuun isaa/ immoo kan hedduu nama boonsuudha. Maal Eticha Fufa miidiyaan biroo banamuun sii gammachiisamoo akka naa hin jenne abdiin isinirra qaba/godha hanga kaayyoon/ galmi keenya tokko waan tahetti naa gammachiisaa malee atsa naa hin gaddisiisuu Wayyaanee garuu hedduu gaddisiisaa/dhiphisaa, Oromoon jaarmiyaa hedduu qabachuus ani hin jibbine, garuu osoo sabni ajjeefamaatti jiru walirratti ololaa oofu/haasahuun sanaan jibbe malee, wal dura dhaabbachuu sanaan jibbe malee yaa Oromoo saba koo, BAGA GAMMADAAN, BAGAA GAMMANNEE OROMOO TV NETWORK-OTN, LET’S BUILD OUR UNITY BY STRONG NETWORK WHAT WE CALL IT OROMUMMAA GUYS!!!!

Oromiyaan ni walaboomti, Oromia shall be free

(Hub./N.B) – Warreen Miidiyaan hawaasaatti ‘social media’ tti dhimma bahuun waan bu’uura dhugaa of keessa/ hin qabne haasoftanis; maaloo yoo jaalalaa haasa’uttu isin qabaree yoo tahe yeroof lubbuu ilmaan Oromoo biyyaa keessatti wareegamaa jiruuf jedhatti of-qusaadhaa!!!!! Yoo carraa argatan immoo dubbii keessan madaalatti karuma miidiyaalee yoo dubbatan gaariidha; sababni isaa miidiyaan qajeelfamaa /imammataa ‘editorial policy’ saba fi sab-lammiilee akkasumaas naannummaa/gandumaan walitti hin buusne gidduu galeessa godhachuun garagarummaa immoo gara tokkummaatti fidudhaan eenyummaa fi maalummaa itti aantummaan dhaabbateef tajajiila waan ta’eef isaanii daangeffamtu; miidiyaan hawaasaa kun seeraa fi dambii sirrii yoo hin qabannees ‘freedom speech’ kan jetu kan dangeessuunis gaariidha nuyi Oromoodha Oromoon safuu qaba. Hayyootaa fi xinxaltootaa miidiyaa hawaasummaa maaloo haasaan tokkummaa haatatu kaa, haasaa summiin guute dadhabne jirra! Mee dubbii keessaan madaalatti barreessaa, dubbadhaas, dhaloonni Oromiyaarratti akka bineensa bosonatti awwalchaa osoo hin argatin bakkeetti hafa addunyaa kanarra lubbuun darbatti kan jiru kaayyoo dubbii keessaan knaaf miti, oromummaa fi Oromiyaaf malee !!!!

3 thoughts on “ODUU GAMMACHIISAA!! OROMO TV NETWORK!!

      • Gallaatoom Oromoo TV NETWORK……ODUU GAMACHUUFTUU NUUBIIRAN GEYUU KESSANIIF,Akkasumaa saagaalee Qeerroo bilisummaa oromoo Gallaanii kessaan bilisummaa hatuu…….horaa bulaa.. gadaan gadaa bilisummatii

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s