Sadaasa 3,2016
Tarkaanfii Waraanni Wayyaanee komaandi post uummata nagaa irratti fudhateen muraasi du’uufi,dhibbootaan kan lakkaawaman mana hidhaatti guuramaa jiru
Odeessi Qeerroo bakkichaa akka ibsetti barsiisoti mana barumsaa Moxee Qophaa’inaa fi sadarkaa 2ffaa,akkasumas magaalaa Qassoo tti M/B sadarkaa 1fi 2ffaa irraa barsiisoti kan hidhaman yeroo ta’u:_
- M/B Qassoo irraa 27
- M/B Moxee irraa 13
- M/B Baataa irraa 8
hidhamuun isaanii beekameera
Maqaan ibsuuf hedduu namoota baay’ee ta’uu maddi oduu bakkichaa eeeruun,
- Barsiisaa Addaamuu Waaqumaa
Barsiisaa Malkaamuu
Barsiisaa Mulugeetaa Margaa fi hedduu ta’uu isaanii ibseera
Guyyaa kaleessaas barsiisoti guutummaa tti hidhamanii kanneen aantummaa uummataa hin qabne qofti hafuu isaaniitiin, barattooti mana barumsaa Qassoo FXG dhageessisaniin miidhaan isaan qaqqabuunis beekameera
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (November) | OromianEconomist