Bitootessaa 20-21/2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Aada’aa Bargaa Goototni uummatni Oromoo fi Barattootni Oromoo Ganda Caancoo Birrattee Lafa Gabaa Jimaataa jedhamtutti walgahuun Warraaqsaa FXG finiinsuun hiriira mormii dhageessisaa turan.
Dhaadannoowwan itti anaanu kana sagalee jabaan dhageessisan.
-Waraanaan hin bullu -Ilmaan oromoo hindhaman hatattamaan haa hiikaman
-Mootummaan lubbuu waraanaan balleesseef itti haa gaafatamu -Abbaan Biyyaa ABO’dha.
-Wayyaanee fi OPDO’n nu hin bulchitu jechuudhaan dhaadannoo dhageessisaa turan.
Waraanni wayyaanees akkuma amalasaa ummata mirga Isaafi dubbatu hidhuu fi dararuu irratti argamu. Aanaadhuma kana #Mogor keessattin kan argaman Barattootni Manneen Barnootaa #Mogor_Muka_Odaa sad.1ffaa, Reejjii sad.2ffaa fi ‘Mugher Cement Enterprise Community Senior Secondary School’tti torbee darbe irraa eegaluun mormii isaanii kan itti fufan tahuu ibsameera. Sababa kanaan waraanni Wayyaanee manneen barnootaa seenuudhaan barattoota jumlaan hidhuu fi dararaa jiraachuun beekame. Hawaasni Mogoris barattootaaf birmachuudhaan hanga ammaatti waraana Wayyaanee fuuldura dhaabachuu jiru. Haaluma walfakkaatuun Godinuma Shawaa Lixaa Meettaa Roobii keessatti guyyaa Jimaataa Barattootni Mana Barnootaa Qophaa’inaa Shinoo mormii jabaa dhageessisaa turan. Yeroo ammaas barattootni manneen barnootaa garaagaraaMeettaa Roobii fi Ada’aa Bargaa keessa jiran Barnootni Bilisummaan Booda jechuun ibsa ijjannoo baafatan guutummaan hojiitti hiikaniiru.
Guyyaa hardha (13/07/08)Magaalaa Buraayyuu, naannoo Tsaratsiyoon(Ganda Gafarsa Buraayyuu jedhamu keessatti reenfi namootaa sadii man eenyummaan isaanii hinbeekamine utuu hinawwalamiin turuun bineensaan nyatamanii argamaniiruu, qaluqulleessuuf yaalaa?????
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist