Gurraandhala 23,2016 Yeroo ammaa kana Godina Wallaggaa Qellem naannoo Begii fi Gidaamitti dhukaasni guddaan dhaga’amaa jira.
Magaalaan Gidaamii namni walitti hin deemu waraana Gambeela irraa dhufetu buufatee baadiyaa keessa deemaa jira.
Ganda Buriitti nama 5n yoo wareegamu Giraayitti nama 2tu wareegame kun kan barameedha jedhan dhukaasni gurguddaan aanaa Gidaamii keessa dhaga’ama. Qonaan bulaan dandii cufataa jira galgala kana. Gandootni hedduun garuu humni waraanaa guddaan mesha gurguddaa baatee socho’uu Qeerroon sodaa tokko malee FXG finiinsaa jira. Waraqaasa uummata keessa tamsaasaa jira.
Qonaan bulaan rasaasaan mada’ee baayeedha. Kan qabamaa ukkaamfamaa jiranis akkasuma jedha Qeerroon Gidaamii irraa. Sagaalee dhaadannoo halkan kanas baadiyaa keessaa dhaga’amaa jira. Uummata irratti waraanni gocha gara jabeenyaa fudhataa jira.
Naannoo Ga’oo Qeebbeettis FXG uummataa jabaatee jira. Daandiin cufamuudhaan uummanni walitti dhufuudhaan mootummaa wayyaanee akka hin barbaanne dhaadannoo dhageesisaa jira halkan kanas aanaalee heedduu Qellemitti itti fufee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist