Mudde 30,2015 ,Diddaan uummataa gaaffii karaa nagaatiin gaafataa jiruuf mootummaan Wayyaanee hidhaa fi ajjechaa jabeessee jiraatuun waan beekamaa tahullee kana keessa darbuun dargaggoon fi uummanni Oromoo harka qulla mootummaa abbaa irree dura dhaabbatanii falma isaanii itti fufanii jriu. Yeroon kun gara xumura gabrummaa ofirraa kaasuu tahuunis waanuma ifaadha. Wallagga lixaa ona Ganjiitti fincila kaleessa Muddee 29/2015 ka’een miidhaa gurguddaan qonnaan bulaa, barataa fi hojjetoota irra gahee jira. Kaleessa namootni hedduun bakka buuteen isaani dhabamee jiru hanga eessatti akka geeffamaniif I bakki isaan buusan dhabamee jiru liistii isaanii armaan gaditti tarresiinee jirra.
1. Iddoosaa Bandii-qonnaan bulaa
2. Immiruu Kumarraa-qonnaan bulaa
3. Waqtolaa Tufaaa-qonnaan bulaa
4. Rattaa Maammoo=qonnaan bulaa
5. Garrammu Fiqaaduu-qonnaan bulaa
6. Iddoo Fiqaaduu-qonnaan bulaa
7. Eebba Tarrreessaa kan jedhaman
Isaan kunneen qonnan bulaa humna waraana wayyaaneen butamani magaala Ganjii irraa gara itti dhabamsiisan yoommu tahu isaan kanaa gadii ammoo abbaa alangaa namni sadii bakka buuteen isaanii dhabamee jira.
8. Abbaa Alangaa Tashooomee
9. Abbaa Alangaa Caalchisaa
10. Abbaa Alangaa Eebbisee Getahun
Isaan kun abbootii alangaa dhabamaniidha. Kanatti fufuun barattootni dhabamanii jiran hanga ammaatti