Mudde 22,2015 MootummaanWayyaanee EPRDF’n Ilmaan Oromoo adamsee ukkamsee Mana hidhaatti darbachuun beekamu gidduu kana Magaalaa Burraayyuu irratti Engineerota Oromoo Lama utuu lafa hojiii saanii adeemaa jiran ukkaamsuun hanga guyyaa har’aatti eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsame.Engineerootni Sabboontootni ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamuun ukkanfaman kunis:
1.EngineerCimsaaAbdiisaa , yuunibarsiitii Jimmaa irraa kan eebbifame yeroo Yuniversitii Jimma turettis Oromummaa isaatiin yakkama ta’ee humnoota tikaa Wayyaaneetiin doorsifama kan ture.
2. Engineer Addaamuu Rattaa kan Engeer Cimsaa waliin hojii construction hojjechaa utuu jiranii Hojjettoota isaaniif Mindaa Magaalaa Finfinnee keessa qarshii 120,000 baasanii kanfaluuf utuu adeemanii humnoota tikaa fi Agaaziin ukkanfamuun essaa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsame jira. Mootummaan wayyaanee dhaloota qaroo ukkamsuun umrii bittaa wayyaanee kan gabaabsu malee kan dheeressuu akka hin taane ni hubachiifna. Har’as wayyaaneen kaleessa dhaloota qaroo hedduu ajjeessuun, hedduu hidhuu fi hedduu biyyaa arii’achuun kunoo uummata Oromoo akka galaanaa irraa garagalchee malee Oromoo mirga isaa falmachuu irraa duubatti hin deebifne, kanaafuu uummatni Oromoo bakka jirtan hundaa tokkummaan harka walqabachuun iyyaa iyyaa dabarsaa, ilmaan Oromoo haalduree tokko malee gadhiifamuu qabu.
NAN GADDE!