44Mudde 18,2015 Goototni Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Finfinnee Killoo 6 Warraaqsaa Biyyaalossaa Oromiyaa FDG jabeessuun itti Fufuun Guyyaa har’aa Warraaqsii Finiinsuun Labsii waraanaa Uummata Oromoo uummata karaa nagaa Mirga isaaf falmachaa jiru irratti dabarfame balaaleffachuun hiriiraa Mormii ba’uun sagalee guddaan dhaadannoo ‘’Uummata Civilii irratti waraana labsuun Yakka Genocide
dhuguuginsa Sanyii ta’uu aaddunyaan nuuf haa hubatu ‘’ jechuun mormii jabeessuun itti fufan. Gaaffiin Keenya gaaffii uummata Oromooti, gaaffii mirgaa fi dimookiraatawaa ta’ee, Mormii Master Pilaanii Finfinnee fi mormii labsii magaalota naannoo Oromiyaa irratti dhiyaatee fi gaaffii mirga abbaa biyyummaati. Malee Shororkeessuumma waliin haalli wal qabachiisuu tokko illee hin jiru jechuun yaada isaanii ibsachuun ,Yakka Labsii waraanaan Uummata Ukkamsina jedhu kana gadi jabeessuun ni balaaleffanna jechuun sagalee guddaan mormii isaanii jabeessuun itti fufan .

3 thoughts on “

  1. akkam nagayaa Qeerroo billisummaa fayumaa annaa mi’eessoo magaala Asebot keessati baratoota halkan guraa jirachun bekkame warrana Agaziitin magalaa bordode dirree lolatif demaa jiru

Leave a reply to Abdisa Tato Cancel reply