Sadaasa 26,2015 Gabaasa Qeerroo Jaarsoo
- Maaster pilaaniin Finfinnee gokuma hojiirra hin ooluQaami barattoota Oromoo fi hawaasa Oromoo bara 2014 ajjeese seeratti dhiyaatee itti gaafatama haa fudhatu
- Dhagaa hoofii,warqee,meerkurii fi albuuda oromiyaa kamuu saamuun hadhaabbatu
- Miidiyaan Afaan amaaraan Oromiyaa keessatti tamsaasan haa dhaabbatan
- Biyya Abbaa keenyaa irratti TPLFn ajjeesamuun keenya haa dhaabbatu.
- ABOn Kallacha Qabsoo Oromoo waan ta’eef akka inni nu bulchu barbaadna.
- Barattooti,hojjettooti,daldaltooti fi hawaasi Oromoo wayyaaneedhaan mana hidhaatti guuramee jiru haa lakkifamu
- Baaburri minilik maqaa minilikiin Oromiyaa keessa akka hin qaxxaamurre
Oromoon Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa taasisuu Caalaa mirga hire murteeffannaa ofii waan barbaaduuf mirgi hire murteeffannaa keenyaa nuuf ha eegamu
FDG gabrummaa hanga ummanni Oromoo wayyaanee cabsee bilisummaa goonfatutti itti fufa.Ah!!!!!! jabaadhaa lammii koo dhaabbatatti du’uu irra falmatanii du’uu wayyaa.
Har’a lafa Oromiyaa Invastimantiin Oromoo irraa buqqaasanii tujjaarota biyya adda addaatti gurguratanii cal jennaan isaanumtuu adda hiratanii dhaloota Tigree dadala lafaa barsiisuun haala miijataa uumuuf Maastar pilaanii jedhanii Kaartaa Oromiyaa lyhafa irraa balleessuuf deemani.Itti aansuudhaan Oromummaadha lafa irraa balleessuuf deemani.kanaaf teenyee yeroon itti eegnu hin jiraattu.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist
Oromoonni hundinuu qophaawaa yeroon nu bilisoonu dhihaateera. Qeerroon galatoomaa, jajjabaadhaa .
Hiidhaa fi ajjechaan dubaatti nu hin deebisuu yoomilee ni falmanna,no master plan at all