Fulbanaa 23,2015 Godina addaa naannawaa Finfinnee Burraayyuu, Holotaa fi Walmaraatti Barruun warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi gaaffiiwwaan mormii Master Plan Finfinnee qaban bittinneeffamuun dabballootni Wayyaanee muddama guddaa seenan.
Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti barruuleen warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo fi mormii Maaster plan Finfennee qaban gootota Qeerroo barattoota Oromoon bittinneeffamaa jiraachuun beekame jira. Fulbaanaa 21,2015 galgala irraa eegaluun
magaalaawwaan Oromiyaa naannawaa Finfinneetti argamaan Magaalaa Burraayyuu, Holootaa fi Walmaraa keessatti barruuleen warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa oromoo qabattee fi mormii master plani Finfinnee of irraa qabduu waraqaan belbeltuun Uummata FDG tti seensisuuf facaafamuun walqabatee ergamtootni wayyaanee muddama seenuun ganama barii lafaa irraa eegaluun magaalaa keessa fiiguun barruulee warraaqsaa kana funuunutti dhiphachaa jiraachuun madden keenya ijaan argan gabaasan. Uummaatni Oromoo jiraattootni magaalaa Finfinnee fi magaaloota addaa Oromiyaa naannaawaa Finfinneetti argaman yeroon mirga keenyaaf falmannuu amma Qeerroo Bilisummaa Oromoo cina dhaabbannee ni falmanna, barruulee dhaamsaa warraaqsaa fi gaaffii mirga abbaa biyyuummaa of irraa qabdu nu qaqqabdee jirtuu waliif daddabarsuun uummatni keenyaa bakka jirruu kaane haa falmannu, Mootummaan bakka nu bu’uu hin dandeenye nu hin bulchitu, OPDO’n ergamtuudha nu hin bulchituu, OPDO jalatti hin bulluu, Dhaabni OPDO jedhamuu diigamuu qaba. Qeerroo Bilisummaa Oromootu nu bulcha kanaan booda miseensa Qeerroo bilisummaa Oromoo ta’uu keenyaa fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo hogganaa keenyaa ta’uu sagalee keenyaan mirkaneessina.
Dhimmi master plan finfinnee kun dhimmaa jiraachuu fi dhabamuu keenyaa waan ta’eef bakka jirraa harka walqabannee gamtaan falmanna jechuun dhaamsa dabarfatan. Mootummaa Wayyaanee maqaa walga’ii jedhuun olola afaan faajjeessa fi qabsoo Oromoo Qeerroon finiinsa jiruu danquuf yaalii godhuullee gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi gaaffii mirgoota dimookiraasii ergamtootaa Wayyaanee irratti goototni barsiisotni Oromoo kaachisaniin dabballootni walga’icha gaggeessuuf bobbaafaman waan qabanii gadhiisan dhabuun walga’iichii bu’aa tokko malee ergamtoota wayyaaneetti waaroo salphina uffisuun walga’iin barsiisota xummuramee jiruu Oromiyaa bakkoota hundatti mormii ulfaataa fi gaaffii dabballootni deebisuu hin dandeenyeen xummurame jira. Caalmaatti immoo mootummaan Wayyaanee gaaffii barsiisotaan kan joonjoftee jirtuu gaaffii barattootaaf yaaddoo guddaa keessa seentee jiraachuun ifa ta’ee jira. Kana biraan Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti har’a galgala barruun warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master planii Finfinfinnee qabatee kan facaafamu ta’uu hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo qajeelfama dabarsee jiraachuu beeksisee jira.
kun ta’uu qaba.
Jabadhaa !!