Fulbaana 23,2015 Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa keessatti barnooti siyaasa Wayyaanee gaggeefamaa ture dhabbilee ol-aanoo Yuunibarsiitii Oromiyaa keessa jiran keessatti gaggeeffamaa ture diddaa fi gaaffii mirgaan barsiisotni dura dhaabbachuun xummurame. Godinaalee Oromiyaa garaagaraa fi dhaabbilee Barnoota olaanoo kanneen akka:
- Godina Lixaa Shaggar Yuunibarsiitii Amboo fi Manneen Barnootaa Godinicha jalatti argaman,
- Godina Kibba Lixa Shaggar Yuunibarsiitii Walisoo damee Amboo,
- Godina Jimmaa Yuunibarsiitii Jimmaa fi GOdina Iluu A/Booraa Yuunibarsiitii Mattuu
- Godina Wallaggaa Yuunibarsiitii NAqemtee fi Manneen barnootaa godinichaa,
- Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Yuunibarsiitii Shaambuu damee Wallaggaa fi Manneen barnootaa godinichaa.
- Godina Wallaggaa Yuunibarsiitii Gimbii fi Manneen Barnoota gidinacha fi Oromiyaa bakkoota hedduutti walga’ii barsiisoota
gaggeeffamaa ture irratti mormiin barsiisotaa fi gaaffiiwwaan garaagaraa barsiisotni kaasaniin walga’iin barsiisotaa kun bu’aa tokko malee danqamuun kan xummurame ta’uu maddeen Qeerroo bilisummaa gabaasan. Gaaffiiwwaan bu’uuraa haala walfakkatuun bakkeewwan hundatti barsiisotaan ka’aa turan walitti cuunfuun ijoowwaan gaaffii barsiisotaa ka’an isiniif dhiyaate jira.
1. Bara darbee 2014 uummatni Oromoo gaaffii mirgaa mormii Master Plan Finfinnee irratti qabu dhiyeeffatee mormii isaaf immoo karaa nagaa sagalee isaa waan dhageesiseef loltuun itti bobbaafamee jumlaan bakkoota hedduutti ajjeefame, Caalmaatti Magaalaa Amboo keessatti yakki suukaneessaauummata irratti fudhatame, lubbuun hedduun darbe, kaan hidhaamee dararamaa jira kaan immoo maddoo ta’ee yaalaa ga’aa illee dhabuun haala rakkisaa keessa jiruuf eenyutu itti gaafatamaa?
2. Eenyuu inni uummata harka duwwaa irratti loltuu bobbaasuun ajjeesisee? Gumaan namoota Ajjeefamanii kanfalmeeraa? mootummaa yakka kana raawwate yoo xiqqaatee uummata illee dhiifama gaafateera?
3. 3.Dhiyeenya mootummaan keessan Master Plan Finfinne bara haaraa kana irraa eegaluun hojii irra olchina jechuun jechoota dhaadannoon wal makeen ibsa yeroo kennutu dhaga’ame, kun tuffii Uummata Oromooti,moo uummtichuma jumlaan lafarraa fixuuf fedhii uummata Oromoo malee humnaan hojii irra olchuuf kan adeemamaa jiruu? kun dhaabbachuu qaba, yoo hin dhaabbannee wareegama seenaa haaraa kan uumuu fi dirqamaan kan dhabbatu ta’uu jala murree isin gaafanna.
4. Dinagdeen biyyatti dijiitii lamaan dabalee biyyi guddattee misooma itti fufinsa qabu fidnee jirraa jedhee mootummaan keessan yeroo dhaadatu kun qaanii guddaadha, Biyyatti keessatti uummatni Oromoo irraa guddaan balaa beelaan dhumaa jiraachuu mootummaan keessan quba qabaa? guddannee biyyi Guddatte jechuun maalii?
5. Mootummaan naannoo Oromiyaa uummata Oromoo bakka bu’uu danda’aa? akka mootummaatti mootummaa dha jechuu dandeenyaa? Mirga uummataa Oromoo gama dinagdeen, siyaasaan fi hawwaasummaan kabachiisuu danda’eera?
6. Diigumsii seeraan alaa manneen jireenyaa Oromiyaa fi Magaalaawwaan Oromiyaa Amboo,Gudar, Maagaloota naannoo Finfinnee,Walisoo Holotaa,Walisoo, Neqemtee, Jimmaa, fi bakkoota hedduutti gaggeeffamaa jiru irratti gaggeeffamee jiruuf dursa uummataaf kanfaltiin akka kan falamuufii dahoon maaliif hin godhamnee? uummata mana isaa keessa jiraatu mana irratti jiksuun uummatichi eessa dhaqaa? maaliin deebisee ijaarrataa?
7. Bara darbee hojjettoota ittin qabachuuf maqaa daballii mindaa jedhuun hedduu kan odeeffamaa ture, harka tokkoon mindaa dabalaa harka tokkoon immoo kanfaltii taksii fi qaala’insa jireenyaa ol kaasuun harka rukutaa itti fakkeessidha moo dhuguma miindaatu nuuf dabalamee? gabaabumatti jireenya uummata biyyatti tasgabbeessuu haala hin dandeenye keessatti argamtu, guddina biyyatti afaaniin dijiitii lamaan
guddate jechuun gatii hin qabu. Garuu jireenyi kaabinee fi angawoota tasgabbii qaba, kan hojjettoota siivilii fi hawwasaa waliigalatu raafama guddaa keessa jira, kanaaf furmaanni keessan maalii?
8. Biyyattiin dimookiraasiidhaan gaggeeffamti jechuun labsii goochaa jirtu, sana irra iyyuu darbee filannoo marsaa 5ffaa filannoo haqa qabeessaa fi dimookiraatawaa gaggeessinee jettan, kun qaanii guddaadha, sababiin isaa biyyatti keessa bu’uurri dimookiraasii takka hin jiru waan ta’eef, kanaan booda of gowwomsaa, wal gowwomsaa malee namni isiniif gowwomuu hin jiru, duras nuti isiniif hin gowwomnee
ogummaa keenyatti hirkannee isin jalaa callisuun waanuma hojiin isin hojjettan sirrii jenne fudhanne isinitti hin fakkatiin, biyyi qawween bulaa jiraachuu beekna, kun boruu mootummaa kana aangoo irraa maksuuf sababa guddaa ta’uun hin hafuu, fi gaaffiiwwaan bu’uura mirga namummaa rakkoo biyyattii fi gaaffii mirga uummata Oromoo sarbamaa jiruu kabachiisuuf gaafachuun walga’ii wayyaanee torbee tokko oliif danqamaa turee gaaffiiwwaan ka’aniif deebiin tokko illee utuu hin kennamiin kan xummurame ta’uu gabaasaaleen guyyoota kana lamaan godinaalee fi dhaabbilee barnoota olaanoo maddeen Qeerroo bilisummaa Oromoo gabaasan saaxilee jira.