Wallagga Aanaa Manasibuu Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Ka’een Walqabatee Qonnaan Bulaan Oromoo Tokko Loltoota Wayyaaneen Ajjeefamee Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa Magaalaa Mogor Keessatti Ammoo Manneen Jireenyaa Akka Diigaman Murtaawe.

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 21,2015

diddaa9Fulaaban gaafa 11.2015 Waggaa haaraa Habshaa ilaalchisuun warreen sirna nafxanyaa lellisan aanaa ManaSibuu keessaa yeroo uummata irratti dhiichisanitti Wallagga lixaa aanaa Manasibutti dargaggoonni Oromoo guyyaa kana motummaa abbaa Irree Wayyaanee balaaleffachaa oolan,haala Kanaan araddaalee qonnaan bultootaa keessaa osoo hin hafiin dargaggoonni wallitti dhufuun walleelee Qeerroo,ABO fi WBO faarsuun sirna mootummaa Wayyaanee balaaleffachaa akka turan maddi Qeerroo gabaasa.

Guyyaa kana gaaffiin mirgaa dargaggootaan dhageessifameen uumanni kan gammadee fi sochii dargaggootaa kana waliin kan hiriire yeroo ta’u jalee fi ergamtootni Wayyaanee mufii fi inaaffaa guddaan itti dhaga’muun ABOn maaliif faarfatama, Qeerroon Bilisummaas uummata keenya nurratti kaaste jedhamuun lukkeewwan Wayyaanee bakka jiranii gadi yaa’uu dargaggoota hedduu fi abbootii maanguddoos osoo hin jenne dhaanuun itti seenan. Kanumaan dhaadannoon dargaggoota jabaateen dhimmi nageenya fi dura gandaa kan tahe tokko lukkee wayyaanee poolisii Amansiisaa Birhanu jedhamuu fi bulchaan gandaas Margaa Raggaasaa kan jedhu dargaggaggoo Suleeman Kadir jedhamu irratti haleellaa fudhatameen lubbuun yoo darbu namootni hedduunis guyyaa kana reebamuu fi hidhaatti guuramaa akka oolanis gabaasni nu gahe addeessa.

Gama biraan Fulbaana 20,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa Magaalaa Mogor keessatti manneen jireenyaa akka diigaman gidduu kana murteeffameera; Kana malees Walga’iin barsiisotaas diddaa Wayyaaneetiin ukkanfame gaaffii mirgaa barsiisotni kaachisuun walga’ii Wayyaanee dura dhaabbachuun kan Mormaa turan ta’uun ibsamera.
Mootummaan Abbaa Irree Wayyaaneedhaa tooftaalee garaagaraa fayadamuun Ummata Oromoo lafa isaarraa buqqisuu itti fufeera. Haaluma kanaan magaalaa Mogor keessatti manneen jireenyaa 240 ol ta’an akka diigamaniif murtii isaa dabarfateera. Manneen jireenyaa kunniinis torbee tokko keessatti diigamanii dhumuu qabu jechuudhaan jiraattota magaalichaa akeekkachuun beeksisa maxxansiiseera. Ummatni gama isaaniin manneen jireenyaa nurraa diigamanii akka bineensaa dirree qullaarra jiraachuu mannaa mirga keenyaaf falmannee dhumuu wayya jechuudhaan ibsa ijjannoo baafataniiru. Mootummaan wayyaanees haala sochii ummataa kanatti rifachuudhaan humna waraanaa dabalataan garasitti guuraa jiraachuun ibsameera. Kanatti dabaluudhaanis, magaalaa fi baadiyyaan naannoo kanaa warshaalee Simintoo hedduudhaan qabamanii kan jiran waan taheef magaalota naannawaa Finfinnee jiranitti akka dabalamuuf murtii dhumaa dabarseera.

1 thought on “Wallagga Aanaa Manasibuu Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Ka’een Walqabatee Qonnaan Bulaan Oromoo Tokko Loltoota Wayyaaneen Ajjeefamee Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa Magaalaa Mogor Keessatti Ammoo Manneen Jireenyaa Akka Diigaman Murtaawe.

Leave a reply to Natiihusen Cancel reply