Barattooti Oromoo Yuuniversitii Asoosaa Warraaqsa Bilisummaa Jabeessuun Nyaata Lagatan.

Waxabajjii 02,2015 Asoosaa

Qeerroo KaiFDG Yuuniversitii Asoosatti Ka’e. Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Asoosaa irraa, Waxabajii 2/2015 Barattootni ganama har’aa irraa kaasuun nyaata lagatan, kun maalif ta’aa shakkiin uumameen Poolisoonni mooraa Yuuniversitaachaas barattoota keessa faca’an, erga ganama sa’a 2:00 booda barattootni bakka jiranii walitti dhufuun nuti oromoodha, beekaas qabna, dureessas qabna muummicha ministeeraa kan tahus nukeessa jira Wayyaaneen hanga yoomitti nurratti moohee jiraata, biyya keenya irratti hanga yoomitti mirga abbaa biyyummaa dhabnee jiraanna jechuun iyya dhageessisan.

Waraqaan FDGs ni bittimfame. Guyyaa guutuu barattootni mooraa keessa deddeebi’uudhaan Bilisummaa Bilisummaa jechuun dhaadannoo dhageesisuu fi barruu garagaraa maxxansa. Diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf humni ergame miidhaa barattoota irratti akka hin raawwanne wal akeekan. Ganama sa’a 2:00 irraa kan egale FDG hanga ammaatti itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasa jira. hojjetootni barsiisonni mooraa Yuuniversitichaa guutummaan diddaa barattoota sabboontota Oromoo deggeran. Galgala kana sirbootni qabsoo, dhaadannoon Qeerroo dhageesifamaa jira. Torbee kana barumsa barachuu dhaabuu waamicha dabarsan.

Leave a comment