SBO Mudde 31 Bara 2014 Oduu, Dhaamsa Bara Haaraa ABO Amajjii 2015 fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

2 thoughts on “SBO Mudde 31 Bara 2014 Oduu, Dhaamsa Bara Haaraa ABO Amajjii 2015 fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

  1. OROMOO

    Akkam yaa lammii koo,xiqqaa fi guddaan biyyaa,

    Ilmaan harmee kootii,ilmaan Oromiyaa,

    Baga nagaa taatan,anilleen nagayaa,

    Mee gurraa naaf kennaa,was isiniin gayaa,

    Rakkoo waliif obsaa,gurraan wal dhagayaa,

    Tokkummaa jabeessaa,afaan tokko tayaa,

    Kunoo gabroomfataan maqaa nurra kaayaa,

    Shororkeessaa jedhee,hidhatti nu haxaayaa,

    Sochii keenyaaf jecha;jiruusaa yaaddayaa,

    Qabsoo keenya him miidhu tasuma raatayaa,

    Kanaafuu,mormadhaa ,al-takka gad bayaa,

    Bakkuma jirtanii;hundinuu qabsaayaaaaaa!!!!  (*2)

    Dhugaan guyyaa eegdii,taxa him ariifattuu,

    Isin gariin namaa,maaf akkas rifattuu,

    Lubbuu du’a hin oolle,maaf irraa sodaattuu,

    Biyya Keenya irraa maalumaaf baqattuu,

    Qabsaayaa qabsoo dhaa,maaf irraa baqattuu,

    Garaa yeroof jecha,maaliif nu gurgurtuu,

    Maaf saba gattanii;alagaaf of murtuu,

    Keessattuu,warroonni Wayyaane dhamaatu,

    Har’uma hubadhaa;booddee ni gaabbituu,

    Lakkisaa dacha’aa,wanti akkasii hin taatuu,

    Dhiigni goottan keenyaa,dhangalaatee him haftuu,

    Of qusachuu didnaan,salphinaan dachaatuu!!!!!!!!!!

    Oromiyaa bal’oo haadha gootowwanii,

    Qananiituu uumaa,badhaatuu aannanii,

    Madda soora lubbuu,albuudaa fi foonii,

    Horattuu;bineeldaa;kottee fi loowwanii,

    Haadha hayyuu addunyaa,gola beektowwanii,

    Sirratti du’uu qabna,xiqqaa fi guddaanii,

    Nama heddutu dhumu falmaa keef jedhanii,

    Har’as sanumaafuu,nu nyaatti hattoonnii,

    Falmadhuu Oromoo;callistee hin laalinii!!!!

    Wayyanoota har’aa;sammuun nagaa hin qabuu,

    Mootummaa jedheetiin hinjirree hin kijibuu,

    Osoo nagaa tahee;mirga wayyabaa hin dhiibuu,

    Heerri ittiin bulmaataa;silaa waa hin daddabuu

    Oromoota Abbaa biyyaa;quba itti hin qabuu!!!!!! (*2)

    Oromoo;saba koo;mee wal haa yaadannuu,

    Qabsoo bilisummaaf;waliin haa dhaabbannuu,

    Biyya abbaa keenyaa,waliin haa falmannuu,

    Maaf soora qurxummii galaanaa kan taanuu,

    Maali badiin keenya,kan biyyaa baqannuu,

    Gocha baqattummaa bakkayyuu,haa dhiifnuu,

    Sababa baqattummaa mee wal haa gaafannuu,

    Furmaata Gabrummaa;diina haa falmannuu,

    Sanyii Habashootaa ofirraa haa kaafnuu,

    BILISUMMAA keenya kaanee haa gonfannuu!!!! (*2)

    Oromoo;lammii koo;jabaadhaa,hundinuu,

    Aduun numa baatii;akkanatti hin hafnuu,

    Biyyaa Abbaa keenyaa;alagatti hin laannuu,

    Irraa of qusadhaa;diinaaf iddoo kennuu,

    Rakkoo nu mudatan,waliif haa obsinuu,

    Amantii fi kutaan wal qooduu haa dhiifnuu,

    Waan tokkummaa qofa waliin haa dubbannuu,

    Oromummaa qofaan mee wal haa tumsinuu!!!!! *(2)

         Waliif dabarsaa,    

     Abdii Baalee Oromiyaa,

              Amajjii 01,2015

  2. Reblogged this on abdibale's Blog and commented:
    OROMOO

Leave a reply to AbdiiBaaleeOromiyaa ABO Cancel reply