Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee hoj-dhabdoota dirree waraanaatti erguuf maqaa hojii argattuutin galmeessaa jira. Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa hidhattoota isaa duraa irraa amantaa waan dhabaa jiruuf humna waraana biyyattii keessatti baayinaan oomishuu karoorfatee kae uummata irratti waraana ijaarrachuuf sochii itti fufee jira.
Aangoo isaa irra turuuf humna waraanaa malee tooftaa fi shiroonni inni baroota isaa keessatti dalagaa yoonaan isa gahe yeroo kana haamilee dhabsiisee kufaatii isaaf yaaddessaa waan itti taheef humna waraanaatti amanuun filannoo isaa tahuu hubatee sobaan dargaggoota biyyattii ganda tokko irratti hanga nama 13 hoji argattu, mootummaan hojii isiniif kenna jechuudhaan sossobee galmeessaa jira. Sabboontooni caasaa mootummaa keessaa qaban yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo bakka jiranitti rakkoo keessa jiran irratti dachaan yoo isaan qaqqabellee deemanii akka hin galmoofneef dhaamsa dabarsaa jiruu.
addunyaan keessa jirru yeroo itti olola qofa odeessuu fi agarsuudhaan keessa jiraachuun danda’amu miti.quuqamni uummatummaa ololaan dhugoomus him jiru.