Jiituu lammii, Ful. 22, 2014
Halkan dhawaata bari’a. Hanga obsaa fi murannoon itti deeman mallattoo barii lafaa eeru arguu fi dhaga’uu jalqabu. Hangasitti garuu cichaa fi murannoo gaafata. Seenaa qabsoo bilisummaa Afrikaa keessatti Hanga xumura waraana Addunyaa 2ffaa (WWII)tti dukkanni gabrummaa dachee Afrikaa dhuunfate tasuma waan bari’u hin fakkaatu ture. Haa ta’uutii garuu taateen seenaa kana jijjiiru guyyaa isaa eegee dhalachuu hin oolle. Innis sochii barattoota Afrikaa ti.
Barri 1935 – 1960 bara sochiin barattoota Africa jabinaa fi heddumminaan itti mul’atee dha. Baay’inni dhaabbilee barnootaa dachee Afrikaarratti mul’achuun, lakkofsi ilmaan Afrikaa mana barnootaa seenan akka dabalu taasise. Lakkoofsi barattoota ilmaan Afrikaa biyya keessaa fi alaatti dabalaa deemuun dammaqiinsa siyaasaa fi hadheeffannoo gabrummaarratti isaan qaban jabeessuu eegale. Dammaqinsaaa fi hadheeffannoo kana keessaa warraaqsi dammaqinsa hawaasaa uumu dhalate. Dhaloota warraaqsa kanaatu dukkana gabrummaa dachii Afrikaa dhuunfatetti daangaa kaa’uun waldhaansoo haaraaf karaa saaqe. Waldhaansoo Diddaa Gabrummaa! Sochii Barattoota Oromoo