Ayyaanaa Irreecha Bara 2014 Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Qeerroo Edit

 

Ayyaanaa Irreecha Bara 2014 Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Fulbaana  22,2014 Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ayyaanaa Irreechaa Birraa bara  2014 Hora Arsadii fi godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti kabajamuuf jiruu ilaalchisuun Uummatni Oromoo nagaan akka kabajatuuf qophii   fi  enyummaa, tokkummaa fi jaalaala waliif qabu akka jabeeffatuuf ibsa qabxiijaha(6) qabudabarse.

Seenaa uummata Oromoo kessaatti ayyaanni guddaa fi  kabajamaa keessaa tokko ayyaana irreechaati. Ayyaanni kun uummata Oromoo biratti Waggaa keessatti yeroo lama kabajama. Kunis Ayyaanaa Irreecha Birraa fi Ayyaana Irreecha Arfaasaajedhamuun Ayyaana Oromoon kabajatudha. Ayyaanni Irreechaa waktii Birraa baroota dhufaa darbaa fi bittaa mootota fi mootummoota abbooti irree biyyaatti bitaa jiran biratti barrii Oromoon tole jedhee nagaan manaa ba’ee nagaan ayyaaneffatee,Irreeffatee galee beeku takkaa hin turre. Ayyaannichi biyyaattii keessatti Ayyaana Oromoo ta’uu fi Waan Oromoon qofti Ayyaana kabajamaa fi jaalatamaa kana irratti walittii dhufee Ayyaaneeffatee jaalaala ,gammachuu, tokkummaa fi eenyummaa isaa waan jabeeffatuuf abbootiin Irree warrii Oromoon akka walitti hin dhufne hin barbaadne afaan qawween dura dhaabbachaa turan dhaabbachaas jiru, Sabboontota Oromoo fi jaalattoota ayyaanaa kanaa fi leellistoota ayyaana kanaa fi Amantii Waaqqeffaanna dhibbootan lakka’amanituu badii tokko malee eenyummaa isaaniin yakkamee hidhatti guurama ture, guuramas jira. Dhiibbaan hangamiituu utuma jiruu Uummaatni Oromoo bara irraa gara baraatti kan Ayyaana Irreechaa Arsadii irraatti argamu miliyoonaa hedduun dabalaa dhufuun uummatichi eenyummaa Amantii, Aadaa, Duudhaa fi Safuu isaa irraatti wareegama qaalii baasuun sadarkaa har’aa kana irraga’ee jira. Sababaa Ayyaana kanaan Wal qabatee bara Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO Uummatni Oromoo waggaa 23 guutuu dachaan hidhatti guuramee hidhamee dararama, human waraanaa itti bobbaasuun bakkeetti safuun irraa mulqamee uuffatni aadaa Oromoo illee irra baafamee badii tokko malee mana hidhatti darbama as ga’ee jira. Haalaa Suukaneessaa akkasii keessaatti Oromoon eenyuummaa isaa irratti cichuun tokkummaa isaa fi Jaalala Oromummaa waliif qabu jabeessuun kabaja Ayyaana Irreechaaf qabu jabeessuun itti fufee jira. Guutummaa ibsa kanaaf:- Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Fulbaana 22 2014

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s