Sababaa “Walgahii Tarsiimoo” Jedhuun Mootummaan Wayyeenee Barsiitota Oromoo Dirqiin Adaamaatti Walitti Qabe Sirnicha Mormuun FDG Kaasan.

DIDDAAGabaasaa: Fulbaana 13,2014 Mootummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisuu dhabuun maqaa Walga’ii tarsiimoo jedhu butatee fiiguun barsiisota Oromoo Koolleejjii barsiisota Oromiyaa irraa barsiisaan dirqamaan Adaamaatti walitti qabee jiru irratti mormii guddaan isa mudate.

Mootummaan Wayyaanee kufaatii irraa waan of hambisuu itti fakkaachuun uumata afaan faajjeessuuf jecha mirga uummataa sarbee olola kijibaa ofee of jiraachisuuf fiigaa jira. Yeroo ammaa kanas maqaa walga’ii barsiisota kolleejjii jedhuun barsiisota Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa,Mattuu,Neqemtee,Shaambuu,Roobee, fi Asallaa irraa Magaalaa Adaamatti walitti qabuun ololaa afaan fajjeessaa FDG dura dhaabbachuuf qopheeffatee fi dirqamaan siyaasaa mootummaa abbaa irree Wayyaanee fudhachiisuuf walitti qabee jiru irratti barsiisotni mormii guddaa kaasaa jiru. Barsiisotni Oromoo kolleejjii barsiisotaa garaagaraa irraa walitti qabaman kun gaaffii dhimmoota kanneen armaan gadiin walqabatu kaasaa jiru:

  1. Daballii midaa hojjetootan walqabatee olola Wayyaaneen oofaa jirtu irratti , daballiin mindaa kun olola siyaasaa qofaaf kan ta’ee jedhamee dubbatamedha malee fayidaa fi jijjirama tokko illee akka hojjetootaf hin qabne kaasuun qaala’insi jireenyaa nutti ulfaatee jiruuf ololli daballii mindaan walqabatee odeeffamaa ture furmaata fiduu akka hin daandeenye ibsan.
  2. Gaaffiin barattootni Oromoo fi uummatni Oromoo kaasaa jiru gaaffii sirrii fi mirgaa waan ta’eef gaaffii keenyadha, deebii qubsaa argachuu kan qabu malee bukkeetti qabuun dhimma bira darbamu miti yaada dhiyeessan.
  3. Dhimmi master planii finfinnee mormii tokko malee master Plaaniichi haqamuu qaba, faayidaa Oromoon achii irra argatu hin jiru jechuun dhimmi kun akka ajendatti qabamu gaafatan.
  4. Barattootni Oromoo gaaffii karaa nagaa fi Dimookiraasii gaafataniif. Ajjeechaan, hidhaan reebichii fi daraaraamni hammana ga’u maaliif barbaachisee ? dogoggora ulfaata mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo fi bakkoota garaagaraatti uummata Oromoo irratti rawwachaa jiruuf mootummaan itti gaafatamummaa fudhachuu qaba jechuun gaaffii kaachisan.
  5. Barattoota Oromoo hidhuu, ajjeesuu, barnoota irraa arii’uu fi reebuun dhaabbachuu qaba, kanneen hidhaman hiikamuu qabu, jechuun gaafatan,
  6. Uummatni Oromoo yoom iyyuu taanaan gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa dhaabuu hin danda’u, dhimmi kun immoo dhimmaa eenyummaa uummatichaa waliin walqabatudha, gaaffiin eenyummaa immoo kan uummata Oromoo hunda ilaaluu waan ta’eef gaaffii uummataa waliigalaa kanaaf deebiin kennamuu qaba, jechuun mormii sirna garboomsa wayyaaneef qaban ibsachuu itti fufani jiru. walga’iin FDG dura dhaabbachuuf wayyaneen qoppheesite ittummaa wayyaanee irratti gama hundaan FDG qabsiisaa jiraachuun hubatamaa jira.

Ergamtootni Mootummaa Wayyaanee gaaffii barsiisotaa kanatti aaruun ergamtootni ABO as keessaas, barattoota keessaas jirtuu, jechuuun gaafa isin bira geenyee hojii irraas ni arii’amtuu, mindaan keessan ni qabama, warreen diina taataan, jechuun barsiisota doorsisaa walga’ii afaan fajjee olola garbummaa obaasuu fi siyaasaa Wayyaanee dirqamaan akka deeggaraniif humnaan barsiisota teesisaa jiraachuun ibsame jira.

1 thought on “Sababaa “Walgahii Tarsiimoo” Jedhuun Mootummaan Wayyeenee Barsiitota Oromoo Dirqiin Adaamaatti Walitti Qabe Sirnicha Mormuun FDG Kaasan.

  1. Yoonakaa yeroonsaa! Barsiisaa fi barataa walfaana itti halaakuuf walitt qabattee OPDO har’ummeen? Waltajjiin alanaa kun waltajjii qurciidhaan ati qurciidha jedhanii itti himan ta’uu qaba. Jecha tokkicha Dhimma Oromoo ta’e qofa haa labsinu. Waraqaa barreessinee haa facasnu. Sabni Oromoo gabroomfamee jira. Oromoon wakkiila gabroomfataatiin afaanfajjeessamaa jira. Dhimmi Oromoo bilisummaa qofa. Dhimmi Oromoo impaayera meeshaa waraanaa fi humnaan uumamte kana irratt mootii ta’uuf miti. Abbaa irree balaaleffachuu miti. Mootummaa impaayerattii keeysaa Oromoon Aangoo waan dhorkatameef miti. Dhimmi Oromoo falmii aangoo miti. Oromoon gabrummaa jala akka jiru %100 afaan guutanii labsuudha. Afaan keeysa qabachuu dhiisuudha. Ajjeefamuun, hidhamuun, hiraarsamuun, tuffatamuun, namaa gaditt ilaalamuun Oromoorraa kan dhaabatu yoo nut dunuunfannee bilisummaa yookaan du’a jennee gabroomfataa dura dhaabanneedha. Uummati guungummiidhaan bilisoome addunyaa kana irra hin jiru. Yoo nut qabsoo haddhaa’aa fi bal’aa taasifnee Mootummooti har’a murna TPLF tiin sobamanii cina dhaabatanii jiran dhimmi Oromoo ukkaamsamaa jiru saaxilamee nu daggeruuf ka’u. Garaa hin hirinaa.! Ni bilisoomna hin seesinaa. Dhaamsa Gootittii Oromoo Ilfinash Qannoo yaadadhaa.!

Leave a reply to qersaa dagaa Cancel reply