Haggayya 23,2014 HAALA OLMAA QEERROO YUNIVARSIITII JIMMAA Gootonni barattoonni Oromoo leenjii afan faajjii tibba kana mootummaan Wayyaanee yunivarsiitota garagaraa keessatti kennaa jiru dura dhaabbachaa jiru. Gootonnii barattoota ilmaan Oromoo Yunivarsiitii jimmaatti dirqamaan walgahii wayyaanee akka hirmaatan taasifaman
guyyaa haasawni baniinsa wal gahichaa taasifamee irraa eegalanii fincila diddaa gabrummaa Wayyaanee laboobsaa jiru. QeerroonY university Jimmaa Hagayya 22, 2014 halkan guutummaa magaalaa Jimmaa fi mooraalee kaampaasota Yunivarsiitii Jimmaa keessa barruulee warraaqsa fi iyyannoo barattoota oromoo marsaa lammaffaa kan gaaffiwwan qabxii 10 of jalaa qabu raabsaa bulan. Kanuma bu’ura godhachuudhan barattoonni oromoo yunivarsiitii jimmaa mooraa guddichatti walgahii wayyaanef dirqisiifaman hagayya 22, 2014 ganama sa’aatii 3:30 irraa eegalanii mooraa Yunivarsiitichaa keessa naanna’uun sagalee mormii fi dhaadannoo isaanii akka armaan gadiitti dhageessifataa oolan:
Oromoo ajjeesun dhaabachuu qaba
Gumaan ilmaan oromoo lafatti hin hafu
Walgahii humna
waraanan dirqame hin hirmaannu
Wallaala fi namni mataa isaatifuu wabii hin qabne nu hin leenjisu
Sababa gaaffii mirgaa fi dimokiraasii gaafanneef barattoonni keenya jumlaan hidhaman haa hiikaman
Nuti ilmaan oromoo gaddarra jirra Kana malees guutummaa mooraa yunivarsiitichaa keessa naanna’un waallee warraaqsan jaalalaa fi abdii ABO irraa qaban diinatti mul’isan .Najaaladhuun jaalala hin taatu hedha oromoon ” wayyaaneen sababa durgoo ittiin herreeggattu dhabdee dhamaati malee dhuguma ilmaan oromoo siyaasa
ishee cuuphuf akka hin taane eenyuf illee ifa.Barattoonni oromoo haqaaf falmu waan ta’eef siyaasa Wayyaanee kan duraa fi duubni hin beekamne kana ni fudhatu jedhanii ifaajun galaana daangaa hin qabne daakudha. Gootonni barattoota oromoo
Yunivarsiitii jimmaa kaampaasii qonnaatti walgahicha hirmaachaa turanis yeroo kaabinoonni jibbaa fi maqaballeessa ABO odeessuu eegalan gaaffii itti roobsuun
kaabinoota afaan qabachiisan.Kanumaan oolman guyyaa har’aa hoongofte. Humni tikaa fi dabballoonni wayyaanee barruulee warraaqsaa magaalaa keessa raabsaman yommuu argan rifaatun baaraganii guutummaa magaalaa jimmaa keessa jooraa oolan.
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Gootonni Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaa, Leenjii Wayyaanee Lagachuun Mooraa Keessatti Dhadatnoon Gaaffii Mirgaa Kaasan |
Yaa qeerroo daa’mni amma bilisa nu baastii ati bulga’i, sobii. Uf shakkaa isniin oromoo hindhashinee, oromoo oduu dharaa hinjaallatu. Isinis osoo hindhalatiin credibility dhabdan. Akka namatti miti dubbiin akka sa’aatti?????