Caamsaa 10,2014
Gaaffiin mirgaa abbaa biyyummaa Oromiyaa keessatti finiinuun jabaatee itti fufee jira. Haaluma kanaan Godina Shawaa lixaa magaala Baakkoo fi Baakkoo tibbee gidduutti Uummatni Oromoo gamtaan bahuudhaan daandii konkolaata ayeroo dheeraaf mootummaan wayyaanee oomisha sukkaaraa Fincaa’aa irraan funaanuun wiirtuu dinagdee godhattee itti dhimma bahaa turte addaan kutuun FDG itti fufee jira. Mootummaan wayyaanee Oromiyaa guutuu keessatti duula hidhaa, ajjeechaa fi doorsisaa jabeessuun itti fufus Uummatni Oromoo gamtaan ka’uudhaan sagalee isaa dhageesisuu irratti argama.
Dabballootni mootummaa Wayyaanee sirna cunqursaa abbaa irrummaa mootummaa wayyaanee fiixaan baasuuf bobba’anis dhiphina guddaa fi sodaa keessa seenuun bakkeewwan kana irraa baqachuun deebi’uun isaanii saaxilamee jira. Haaluma FDG jabaatee itti fufe kanaan Uummatni Oromoo gamtaan bakka jiruu ka’ee falma mirgaa kan bilisummaa fi Dimokiraasii jabeessuudhaan akka itti fufu qeerroon naannoo kanaa dhaamsa dabarfatee jira.