Caamsaa 7,2014 Sababaa FDG marsaa addaan deddeebi’ee ana iratti ka’uuf jedha jedhuun mootmmaan abbaa irree Wayyaanee humni waraanaa guddaa gara godina Jimmaa, Magaalaa Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaatti guuruun eeggichaa guddatuu Yuunibarsiitii Jimmaa Irratti gaggeeffamaa oole. Haala kanaan har’a guyyaa guutuu mooraan Yuuniversiitii Jimmaa humna Waraanaa guddaan eegamaa olee, yeroo amma kanatti warraana Wayyaanee duraan mooraa Yuuniversitii keessa qubatee jiru irratti dabalamee lakkoofsi waraanaa heddumminaan mooraa keessa jira.Yuuniversitiin Jimmaa mooraa barnootaa irraa gara mooraa waraanaatti waan jijjirame fakkaatti.
Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa guutummaatti barnoota dhaaban, hanga gaaffii keenyaaf deebii qubsaan nuuf kennamuu fi yaada keenya karaa walaabaa fi ifaa ta’een ibsachuu dandeenyuttii fi ajjeechaan, hidhaan, nurra dhaabbate, humni waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii gadi lakkisutti barnoota guutummaatti dhaabuu Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa beekisisan.
Kana malees mootummaan Faashistii Wayyaanee saboota biroo hidhachiisuu fi karaa caasaa tikaa fi dabballee isaa yakka waraanaa barattoota irratti dhuka’aa dhoosuuf yaalii gochaa jirachuun saxilamee jira.
Dabballoonnii Wayyaanee fi basaastootni Wayyaanee bmeeshaa dhuka’aa ofii fudhanii mooraa yuunivarsiitii Jimmaa seensisanii poolisiin qabaman gaaffii tokko malee gadi lakkifamanii jiru, Mootummaan Wayyaanee dursinee gaaffii mirgaa karaa nagaa waan gaafanneef dogogginsa Sanyii (Genocide) nurratti rawwachaa waan jiruuf uummaanni addunyaa fi dhaabbileen mirga nammummaaf dhaabbatan akka birmataniif sagalee ol kaasuun dhaddannoon mooraa keessatti yeroo dhageessisan gabaafamee jira.
Please translate this article in English. Hojii shororkeessummaa ta’uusaa Adunyaan haabeku. Yoo danda’ame namoota meesha wajiin qabaman gosa meeshaa isaaf maqaa isaanii ka’aa. TPLF is really terrorist. Kun isa isaan haramayaatti dhukaasanifillee ragaa guddaadha. Boris baratoota oromoo irrati dhukaasuuti.
Galatoomaa