Ibsa Ejjennoo Bakka Bu’oota Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Godina Iluu fi Jimmaa
Nuti bakka bu’ootiin Qeerroo Bilisummaa godina Iluu Abbaa Booraa fi Jimmaa Ebla 26/2013 walitti dhufuun haalaa yeroo qabsoo bilisummaa Oromoo fi doorsisaa fi dararaa mootummaan Wayyaanee baratootaa Oromoo Yuunivarsiitiilee garaagaraa keessaatti adeemsisaa jiruu fi addaatti immoo Wayyaaneen xiyyeeffaannaa baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa, Amboo fi Finfinnee irraatti taasisaa jiruu ilaalchisuun marii bal’aa godhannee milkiin xummurachuun Ibsaa Ejjeennoo itti anuu fudhanne.
- Gochaa mootummaan Wayyaanee sochii warraaqsaa baratootaa Oromoo danquuf mooraa baratootaa Oromoo Oromummaan yakkuun hidhuu, doorsiisuu, barnotaa irraa arii’achuu fi ajjeessuu akka toftaa itti fudhachaa kan jiruu attaamaan dhaabuu qaba. Akeeknii mootummaa Wayyaanee kun kayyoo keenyaa irraa kan nu hin laaffisnes ta’uu firaas diinaas ni hubachifna.
- Torbee kanaa keessaa doorsiifni mootummaa Wayyaaneetiin baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa nagaan barnotaa isaanii barachaa jiranii fi baratootaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti barnotaa isaaniitiin illee qabxii ol aanaa galmeessaa jiran baratootaa Oromoo 7 irraattii gaggeeffaamaa jiruu, atattaamaan dhaabbachuu qaba.
- Qabsoon goototni ilmaan Oromoo bilisummaa uummataa keenyaa fi walabummaa Oromiyaaf gaggeessaa utuu jiranii lubbuu itti wareegamaan fiixaan baasuuf:-
a) Ilmaan Oromoo tokkummaa keenyaa jabeeffaachuun bakka jirruu hundaattii jabeessiinee wal haa ijaarru.
b) Maqaa Ummaataa Oromootiin Jaarmiyaa Siyaasaa Omishuun bu’aan isaa uummataa keenyaa waanjoo garbummaa jala tursuu fi umrii abbootii irree dheereessuu qofa ta’uu beektotaa Oromoo ni hubachiifna.
c) Gidduu kanaa karaa ilmaan Oromoo biyyaa ambaa jiraaniin fi hoggaantootaa fi miseensotaa ABO duraaniitiin dhaabnii haaraan hundeeffaamee jechuuu dhageenya, dhaabni kun qabsoo uummataa Oromoo lamsheessuu fi umrii bittaa garbummaa Oromoo irraatti dheeressuuf itti yaadamee kan hundeeffame ta’uu ni hubanna, keessaattuu Itoophiyaa ijaarraa jechuun kan dhaadataan maqaa Ummataa Oromootiin dhaadachuu dhaabuu qabu, guyyaa tokkoo miseensotni dhaabaa ADO ofiin jedhuu kun itti gaafatamaa seenaa fi seeraa jalaa ba’uu kan hin dandeenyee ta’uu ni hubachiifna, ilmaan Oromoo nagaan biyyaa Ambaa jirattaan utuu hin beekiin akeekaa kana keessaatti qooda fudhachaa kan jirtaan atattaamaan harkaa keessaa akka baafattaan ni dhaamna.
d) Uummaannii Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa ambaa jiraatnu ololaa fi afaan faajjii wayyaanotaa fi gorsiitotaa Wayyaaneetiin qabsoo bilisummaa Oromoo irraattii gaggeeffaamaa jiruu fashaleessuuf jabeessiinee dhaabaa kaayyoo dhugaa kaleessaa ilmaan Oromoo irraatti wareegaman hin jijjirree ABO jalatti wal ijaaruun tokkummaa keenyaa jabeeffaachuun qabsoo:
e) Yeroo irraa gara yerootti bifa qindaa’een qabsoo FDG biyyaa keessaattii jabeessinee itti fufna.
f) Qabeenyaa , beekumsaa , humna fi waan dandeenyuu hundaan WBO ni jajjabeessina.
4. Mootummaan Abbaa irree EPRDF sodaa guddaa keessaa seenuun Mooraa Yuunivarsiitiilee biyyaatii keessaa jiran human waraanaa fi dabbalotaan eeguu irraa darbee baratootaa goolaa jira, kun immoo biyyaa keessaa jiratuu keessaattii lammiileen biyyaatii mirgi nagaan barachuu sarbamaa jira, Addaattii immoo ilmaan Oromoo miseensaa fi jala deemtuu wayyaanee hin ta’iin mirgii namummaa fi barnootaa irraa mulqamee akka lammii lammaaffaatti ilaalamuun galgalaa ganamaa qoratama, wayyaanotaan hordofamaa jiraachuun saxilamee jira, hallii kun wayyaanee kufuuf raafamaa jirtuu kufaatii wayyaanee kan ariifachiisuu ta’uu hubachiisuun mooraa Yuunivarsiitilee biyyaattii keessaatti gaffii mirgaa barnootaa fi bilisummaa sarbamuu ilaachiisuun FDG wal irraa hin citnee gaggeessuun jabeessiinee ni hojjeetna. Kanuma waliin mooraan Yuunivarsiitiis beektotaa fi hayyootaa Omishaa turtee amma dabbalotaa wayyaanee Omishuutti xiyyeeffaattee jirtuu atattamaan dhaabuu qabdii.
5.Biyyaa keenyaa Oromiyaa keessaattii midhaa fi dhiibbaan Mootummaa EPRDF’n gaggeeffaama jiru hedduu jabaachaa jira, qotee bulaan Oromoo qotatee of jiraachiisuu dadhabaa jira, Xaa’oo yeroon hin argatuu, yoo argatees, xaa’oon karaa Abbootii qabeenyaa wayyaanee dhiyaatu gatiin isaa human qotee bulaa olidha, kaffaltiin gibiraa, buusiwwaan fi kanfaltii taksii fi qaraxaa dachaan dabaluun uummaannii keenyaa dararamaa jira, rakkoo uummataa keenyaa kanatti furmataa gochuunf uummataa keenyaa cinaa dhaabbaannee, gaffii mirgaa:-
a) Laftii kan qotee bulaatii, qotee bulaa Oromoof mirgii abbaa lafummaa haa kabajamuu.
b) Xaa’oon qotee bulaa keenyaaf karaa mootummaa haa dhiyaatu,
c) Kaffaltiin gibiraa, qaraxaa, fi busiin taksii humnaa olii qotee bulaa irraa kafamuu qaba,
d) Maqaa investimentii jedhuun Oromoo qee’ee irraa buqqisuun dhaabbaachuu qaba jennee , rakkoo ummaataa keenyaaf furmaataa fiduuf uummataa keenyaa ijaaruun FDG ni gaggeesina, sagalee uummataa keenyaas addunyaa ni dhageesifna, uummaannii keenyaa tokkummaan harkaa wal qabannee wal wajjiin haa kaanu jechuun marii haala yeroo irraatti gaggeeffatan milkiin xummuratan.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

AMANTAA!!!!
Saboontoota sabaa, qeerroo ilmaan biyyaa
Daldalaa magaalaa, qotataan baadiyyaa
Barataa – barsiisaan barnoota ammayyaa
Wallistoota aadaa, faaya Oromiyaa
Xiqqaa fi guddaan sabaa akkam jirtan fayyaa?
Oromummaan dhuha, dhiiga kan dhaalmayaa
Sab-boonummaan dhugaa hujiin adda bayaa
Dukkanti dhabamte, baate aduun guyyaa
Gargarii baafennee garree, halkanii fi guyyaa
Hallayyaa bililee waatu keessaa goohaa
Guyyaa ni dhiha, halkan ni barihaa
Gowwaan yoo callisan sodaaf nama sehaa
Kan Kabaa kan kibbaa, bahaa hamma dhihaa
Tokkummaa jabeessaa, marti waliin tahaa
Maqaan hamaan hin’badu, abaar hamaan ni bahaa
Rakkoo fi balloo waliin keessa ceehaa
Tan dabarte gundoo, tan nu hafte guddoo
Buddeena hadhaawaa, jireenya gadadoo
Hangullaa dhabanii akka ilma saaddoo
Osoo raaree hin’binne, yoo bitan faradoo
Bakka tikaa dhabu, hadhaadhiyya madoo
Jireenyi gabrummaa tokko hin’qabu sadoo
Dandiin qabsoo dheeraa, tulluudhaa fi gadoo
Hayyoota Oromoo dardaraa – manguddoo
Gad bahaa dubbadhaa, firraa banaa girdoo;(2)
Qabrii obbaleessaa namni ijaa arke
Hubadhaa lamii koo nama tanfii arkee
Juneedii Saaddoo barattoota rakkee
Hidhaatti guuree, cubbuudhaan yakkee
Jaartii hidha dhiisee, bahe biyyaa sokkee
Mootummaan wayyaanee irraa kaase dhukkee
Yaa ilma Oromoo gaafadhu sammuu kee
OPDO’n haarawni, rakkatee, bokokee
Dhiigaa fi aannan, summiin wali makee
Nu obaasuuf deemaa gargar qabee kokkee
Bakkuma jirtanii itti darbaa dikee;(2)
Hirriiba dammaqaa, kan ciiftan ol ka’aa
Kan deemtan dhaabadhaa, ofirra gad taa’aa
Teenyee wal gaafannaa waan Oromoo dantaa
Dabbaal mootii gaaraa halaalaa mullataa
Bultiin wasaasaa abbaa dagalfataa
Utubaan bultii; dagaleen dhaabataa
Kan amantaa qabu dhaleeti dhungataa
Dongoree hakaafee facaasee murataa
ABO jabeessaa; qabaadhaa amantaa
Saba maraa qabaa sobduu fi maraataa
Diimaa fi Amaan Kadiir, kan akka Leencoo lataa
Gubatee hin’garree, ibiddaan taphataa
Hassen Husseen kan mataa kalooytaa
Yoo laalan halaalaa islaama fakkaataa
Rabbii guddaa dhiisee Leencoodhaaf dullataa
Obbo Leencoo Baatii cubbuudhaan dhiqataa
Nama hin’salfanne, baaragaa – gugataa
Yoo halaalaa laalan suufaa – karabaattaa
Qilixii hin’qabu fayyuma fakkaataa
Dhara dhugaa godhee cubbuudhaan kakataa
Dr. Beyan Asoba, Lichoo fi Abdataa
Waan booyyeen nu goote seenaan waa dagataa?
Migira Oromoo, hagaggaraa fi sutaa
Mixaaxis, boqqolloo caccabsitee mataa
Sab-boontoota sabaa taasiftee baqataa
Ciisallee dhoowwitee hekeraa goototaa
Jiruun hiyyoomsitee, seenaa Oromootaa;(2)
Dhiiga goototaa, lafeen kakatanii
Alaabaa Oromoo irbuudhaan seenanii
Immiyyee toophiyaan dhiifama ja’anii
Habashaa gadoomsuu kaayoo godhattanii
Eenyu sobaa jiran, gargar baafattanii?(2)
Hawwii Oromootaa, hamilee kolaasaa
Kaayoo gabroomfataa, xurii itti cobsaa
Daawwii gara-garaa akkuma dhadheessaa
Yoo tokko ligide kan biraa mullisaa
Movie AWO Norwayii tamsaasaa
Daawwii micciiramaa Minnesota keessaa
Qor-qalbii Oromoo cubbuun burjaajeessaa
Sabboonaa – sabboontuu qabsoo raa fageessaa
Arra diida bahee hubadhaa akka dansaa(2)
Turubni maayyii, abbaan micciiramaa;
Abbaa isa qoodu, raabsaan taphatamaa
Joker ri maayyii Leencoo fi Diimaa
AWO’n jalqaba, sunsumaa diiramaa
Biyya Norway raa, xayyaaraan ergamaa
Kan bara 2008 ti maqaan jijjiiramaa
Arra walii baqee, ODF gungumaa
Ilmaan Oromoo marti walii dhaamaa
Lamuu hin’dagamnuu, gantootaan sobamaa;(2)
Ilmaan Oromtichaa, dhala ayyo meetoo
Okkotee ADO, gantootaa mallattoo
Diina, nyaapha caalu, jallaa muka qottoo
Nu dhaalchisuuf deemaa injijii fi cittoo
Gargar saaqaa laalaa, hin’nyaatinaa dhoortoo;(2)
Kan obbolaa fixe gandaan wali diraa
Gosaa fi amantiin walirratti jaaraa
Maqaa moggaafattee “ manguddoo araaraa”
Rirmi dhaaba keessaa, buleeyyiin dharaa
Nu guguruuf deemtii tolchaa firraa baraa;(2)
Gad godhadhaa bahaa xuxxuuxii masalaa
Sagalee xiqqeessaa, hafuura qaqallaa
Kaayoodhaan cuccufaa, roga lamaan hulaa
Lafti habashaa, Oromiyaan ollaa
Maqaa moggaafatee, je’ee abbaa duulaa
Minaasee G/Gorgis, wayyaaneetu dhalaa
Goobanaa haarawni waa namaamii hoolaa
Guyyaa qalmaa malee hin’arkuu samii callaa
Akkuma waraaboo, bobbaan saa galgalaa
Halaalaa suufaa fe’amaa wadalaa
Murna abbaa garaa, dhegelaa fi ballaa
Ofirraa eegadhaa, nama dhaabuu qullaa
Akka Lichoo Bukraa fi Abdataa Baasiree
Buddeena habashaa, xajjiidhaaf gororee
Qawwee Oromoo fuudhee nyaaphaa raree
Mootummaan wayyaanee hidhaa itti muree
Buddeena nama quubsu, eeleeratti garree
Fiixeensa ganamaa, qabbanaa fi hurree
Siyaasaan ADO hubadhaa waan darree(2)
Miilaa – mataa hin’qadu, afaanii fi hudduu
Akkuma dhandhaarraa, jalaa – gubbaan dudduu
Oromoo lakkisaa, habashaallee hin’sobduu
Riphaan-riphxuu seennee hin’murru dhallaadduu
Hogganni ODF Oromoof hin’gadduu
Amantaa hinqaban cubbuudhaan ragaduu
Hekeraa wayyaanee, mallasaaf sagaduu
Masaraa habashaa, angoodhaaf araaduu
Galmi ODF, nadhii deymaa hin’madduu
Summiidha dhimmisaa, tan gubdee nu wadduu
Irraa of eegadhaa sab-boontooni hunduu
Bilisummaa dhugaa WBO dha kan fiduu
Galmi ABO arra qulqullaawee, marti haa gammaduu
Qanqee walabummaa, ibidda haa shiduu(2)
Xiqqaa guddaan sabaa haa qabaannuu saffuu
Bilisummaan dhugaa dhiigan malee hin’dhufuu
Leenci bosonaa WBO’n haa gulufuu
Qabsoo walabummaa gamtaan haatti fufuu
Oromiyaa malee gadciisee hin’rafuu
Rirma dhaaba keessaa qulqulleessaa gufuu(2)
Wayyaaneen ni dhabamti!!!
Itoophiyaan ni diigamti!!!
Oromiyaan ni walaboomti!!!
Abbaan Iyyatu Malee Ollaan Namaan Birmatu. Akkana kuno yoo Dubbatan yoo kaan……..Jabaadha, Injifanoo Kan Ummata OROMOOti
Pingback: Ibsa Ejjennoo Bakka Bu’oota Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Godina Iluu fi Jimmaa | Oromo Freedom News and Views