Qabeenya Oromiyaa Halagaa Hin Saamsifnu,Jechuun Ummanni Aanaa Ganjii Warra Warqee Qotu Dura Dhaabbate

Hagaya 07,2012 Gimbii

Godina Wallagga lixaa aanaa Ganjii ganda Kattii Gurraachaa fi Gujii Geetteree keessatti uummatni Oromoo albuuda keenya Wayyaanee hin saamu jechuun diddaa jalqaban.Baroota dheeraaf  sirni mootummootii Abshaa dhufaa darbaan albudi naannoo kanaa saamamaa kan turee fi ummanni Oromoo naannichaa ammoo hiyyummaa gadadoo fi beelaan daran harca’aa waan jiruuf jedha diddaa qabeenya isaa ittifachuuf jecha diddaa isaa muldhisaa jira.

Mootummaan Wayyaanee humnaan albuuda warqee naannoo kanaa saamuuf waraana hedduumminaan bobbaasuun uummata naannichaa goolaa jira. Haala kanan ilmaan Oromoo hedduumminaan aanaa kana keessaa uummatni albuudni keenya akka hin baanu akka jedhu kakaastaniittu dabballoota ABO tu isin keessa jira jechuun mana hidhaatti guuraa jira.Ilmaan Oromoo hedduumminaan kan hidhaman yoommuu tahu

  1. Obbo Kumarraa Gaarii
  2. Obbo Immiruu Baqqaanaa

Jedhaman mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessartti kanneen ukkaamsaman keessatti argamu.Uummatni naannoo kanaa qabeenya isaanii diinni akka saamne meeshaa qaban maraan dura dhaabbatanii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanees Wallagga lixaa Ayiraa,Gimbii fi Dambi doolloo keessatti hedduumminaan bobba’uun dargaggoota Oromoo doorsisaa jiru.Qeerroon Oromoo naannoo kanaa doorsisni gaaffii mirgaa gaafannu duuba nu deebisuu hin danda’u jechuun dhaamanii jiran.

1 thought on “Qabeenya Oromiyaa Halagaa Hin Saamsifnu,Jechuun Ummanni Aanaa Ganjii Warra Warqee Qotu Dura Dhaabbate

  1. Qabsoon qabeenya Oromoo kan akka bunaa fi albuudaa tiksuuf godhamu kana caalaa bifa qindaa’aa ta’een adeemsifamuu qaba. Diinni qabeenyumma keenyaan meeshaa waraanaa bitatte ittiin nutti duulti.

Leave a reply to obsaa Cancel reply