Wallagga, Aanaa Dongoroo Keessatti Qabeenyi Inverstera Wayyaanee Gooytom Gebre Sillaasee Jedhamuu Guutuutti Barbadaaye.

Adoolessa 24,2012 Habee Dongoroo
Adoolessa 22,2012 galgala Tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu itti fufuun Investeroota mootummaa Wayyaanee waliin wal tahuun qabeenya Oromoo saaman irratti jabaachaa dhufuun Godina Horroo Guduruu aanaa Habee Dongoroo bakka Tuulluu gaanaa jedhamutti kan argamu qabeenyi kuufama midhaanii goddaa kan qabsuu fi naannoo sanii ummata lafa irraa buqisee qonnaa guddaa babaldhifatee nama jiru miseensa TPLF Wayyaanee yeroo dheeraa Gooytom Gebre sillaasee magaazzinni kuufamni midhaanii fi waan adda addaa itti kuufatu akkasumas konkolaataa ISUZU guddaa inni qabu waliin humni hin beekamne daaraatti make.
Miseesi TPLF Gooytom yeroo dheeraaf ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqaasuun qabeenya dhuunfaa isaaf oolchaa kan turee fi hojii inni hojjechiisu keessatti ilmaan Oromoo hirmaannaa akka hin goone gochaa kan ture yeroo ta’u tarkaanfii kanatti ummanni naannichaa gammachuu qabu ibsachuuf jecha Adoolessa 23,2012 dandii irratti bahee sirbaa ooluu qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Haala kana waliin wal qabsiisee waraanni wayyaanees tarkaanfii kana kan fudhate Oromoota qabeenya irraa buqa’ani jechuun huni waraanaa fi poolisa naannoo akka qoratuuf dirqaa jira. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa Oromoo hanga deebi’utti tarkaanfiin wal fakkaataanii fi daran jabaatu akka itti fufu qeerroon naannoo san irraa dhaamsa dabarseen beeksisees jira.

1 thought on “Wallagga, Aanaa Dongoroo Keessatti Qabeenyi Inverstera Wayyaanee Gooytom Gebre Sillaasee Jedhamuu Guutuutti Barbadaaye.

  1. Halleellaa gaarii dha!!!!
    kuni mallattoo bubbee qilleessa bilisummaa naannoo oromiyaa irratti dhufaa jiru agarsiisa.
    ega kan ABEE DONGOROO waa jechuun barbaade ABEE DONGOROON kan isheen biqilchitee waa lama innis:lammii isaaniif bittaa mootummaa halagaa warra lagatanii fi lubbuu isaanii tokkitti warri wareegaman bilisummaaf ni jiru
    gama biroon warra OPDO ta’uun halagaa jala bu’anii fiiga jiran dha isaanis kan akka
    DACHAASAA GALATAA “AYYAANLAALLATTEE dur dur Ogganaa misooma qonnaa sadarkaa barumsa hin qabneef taayitaa dhabuun wayanee jala fiiguun diploma alpha wayanee barateen achii parlamentii bakka bu’e jechuun garaa isaaf kan bule dha
    KAN biroo DHALOOTAN AMARA TA’EE ummata oromoo ficisiisuun bulchaa aanaa abee dongoroo ta’uun harka mirgaa mallas kan ture amma caffee oromiyaa kan jiru ta’ee kana wajjin wal qabatee
    namicha DEMELASH jedhamu GUTTINII mana nyaataaOROMIYA jedhamu oromoof sodoomee
    bulchaa armaan ol caqase ijoollee kiristinaa waliin kaafachuun do’ii gadda oromoo irratt kan xabachaa jiraniif DAMALASH kun oromoo TOKKO naqamtetti AJJEESUUN HWAYANEEN HARKA IRRA QABUUN dachee oromiyaa irratti qabeenyaan fandalalaa jiraachuu
    HOOLAAN GOOFTAA ISHEE ABDATTE DOMOO ISHEE BAKKEE BULCHITTI JEDHAN MITII REE
    ega TULLUU GAANAATTI KAN RAAWWATAME JALQABBII GAARII TA’EE
    namootni armaan olitti caqasuu yaale CAASAA mataa isaanii goojjam.gondar fi tigirayitti goddaa waan qabaniif haleellaa mirga fi bilisummaa oromoof jecha tarkaanffin ni fudhatama.
    QABSA’AA WAYANEEN OBBO DACHAASAA GALATAAS aduun waan iyyaa jirtuuf caasaa wayanee lagachuun jaarsolii abee dongorrf barumsa akka ta’an yaadakko dhaamsaaf
    qabsoon bilisummaaf falamatni iddoo hundaatti ni balali’a

    IUO
    G3

Leave a comment