Gabaasa Waxabajjii 06,2012 Giddaa Ayyaanaa
Waxabajjii 5,2012 Onaa Giddaa Ayyaanaa Bakkaa Qaaqaro Adaree jdhamutti konkolaataa basastonnii wayyaanee qabatee sakkata’insaa sabboontotaa Oromoo FDG dhosan jedhamaniif bobba’an irraatti tarkaanfiin sabboontotaan fudhatameen luukkelee diinaa namootaa 6 madeesuun konkolaataan isaan ittiin deemaa turan guutummaatti hojii ala taasifamee jira.
Lukkeeleen diinaaf ergamuun sabboontota Oromoo adamsuuf bobba’anii karaatti tarkaanfiin warraaqsaan rukutaman kuniin keessaa.
1,Gammadaa Tufaa dabbaalee Opdo Onaa Heebantuu,
2,Mangistuu Alamaayyoo wajjira dhimmaa nageenyaa Onaa Giddaa Ayyaanaattii agaawaa,
3 Geetachoo Dhibbisaa Onaa Kiiramuutti poolisaa kan ta’anii
fi namoonnii sadii[3] kan godina bahaa wallaaggaa irraa sakkata’insaaf bobbaafama dha.
Haalli gabrummaa hammaataa yeroo deemu ummanni Oromoo roorroo if irraa ittisuun dirqama lammummaa waan ta’eef diinaa fi lukkeelee diinaa akka ciisee of irratti hin laalle beekamaa dha.
Qabsoon Itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!!

Hello!
Dhaadannoo xumura irratti barreessitan irra deebi’aa sirreessaa. Gabrummaan ittifufa jettanii barreessitan.
Hojiin hojjetamaa jiru dansa. oromoon amma diina rukutuu kan qabu erga rukutamee miti. Dursuu qaba. Dursamuun irrahinjiraatu. Basaastota adamsee barbadeessuu qaba.