Gabaasa Qeerroo Gur-dhala 20.2012 Ambo
Godina Shawaa lixaa Xiqur incinnii,Jalduu,Gindabaratii fi kanneen biro keessatti diddaa dargaggootni oromoo jalqabaman dhaamsuuf mootummaan wayyaanee waraana naannessuu irratti argama.Manneen barnootaa kanneen akka culluxxee fi Xiqur incinnii keessatti diddaa jalqabame fashalsiisuuf jirattoota mara mootummaan wayyaanee walgahii waamuun cinqaa jira.Walgahii kana irrattis uummatni ifaan gibirri funaanamu
eessa dhaqa?mirgi abbaa biyyummaa Oromoo fi eenyummaa keenyaa nurraa mulqamee ijoolleen keenya akka looniitti barnoota irraa guuramanii hidhamaa jiru kun nurraa haadhabbatu jechuun sagalee mormii ifatti dhageessisanii jiru.
Dabballoonni Wayyaanee yaada ummataa kana dhagahuu dhambuun seera ykn tooftaa “Shakkamaan eenyu? Jedhuun uummata jeequuf karoorfates naannoo kanatti hojiitti jijjiiruun uummata hiraarsaa jiraachuun beekkame.
mootummaa wayyaanee karaan caala itin afanfajesuu ykn jeeqomsa ittin galchinu tokkoo sochii keenya bifa qinda,een naanoo oromiyya hundumarraa bakkaa tokkooti ykn yeroo isaa walqabsinee yoo wan hojjannuu hojjannee humniti diinaa akka barbaadaniti nu,ukkaamsu hindanda,usi jeqoomsa kana hinjeenne jalaa akka galluu beekamaadha kanafuu jabanee hahoojannuu biffaa qinda,en yeroo dhiihatti ykn nanuuma oromiyya tokkoti sochiin godhamtee
iddoo maraa bifuuma saniin akka itti fuufnu
Oromiyyan nibilisoomti !
qabsaan ni kufaa qabsoon iti fuufa
injifannoo