“Gaaffiin Keenya Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaati!” jedhu barattooti Oromoo University Adaamaa.
Duula hidhaa,ajjeechaa,beela,hiyyummaa,gadadoo fi gabrummaa kanneen nuffan gootonni barattooti Oromoo(Qeerroon) Fincila Diddaa Gabrummaa eegalaniin guyyaa har’aa Muddee 29,2011 ganama barii irraa eegalee hanga ammaatti mootummaa Wayyaanee waliin fuulaa fi fuulatti wal qabanii jiru.
Waraanni mootummaa Wayyaanee gaaffii barattootaa deebisuu kan dadhabe human waraanaa fi meeshaa waraanaa gurguddaan mooraa University Adaamaa marsee,manni barnootaa cufamee,kaafteeriyaan nyaataa fi bakka irraa waa nyaatan hundi cufamee oolee jira.Barattooti gariin mooraa gadhiisuun mooraa alatti yeroo fincila isaanii itti fufan kanneen kaan mooraa keessatti ittifamanii diddaa isaanii itti fufanii jiru. Suuqiin ummataa fi manneen nagadaa naannoo mooraa sanii jiran hundi cufaatti oolanii jiru.
Gaaffii barattoota Oromoo(Qeerroo)f deebii rogaa laachuu mannaa isin dhaaba siyaasaa kan akka ABOn durfamtanii jirtu jechaa barattoota yeroo reebaa jiran gootonni barattooti Oromoo ammo ittisa mataa ofiif jecha yoo meeshaa waraanaa ykn rasaasa hidhatanii hin jiraanne illee dhagaa biyya abbaa isaanii fuudhanii waraana Wayyaanee lullessaa olanii jiru.
Gaaffileen mirgaa fi dhadhannoon mirgaa,akkasumsa faaruu fi walleen warraaqsaa marti sagalee tokkoon wal faana gaafataa kan jiran goototi barattooti Oromoo University Adaamaa, gaaffii barattooti Oromoo University Finfinnee fi Haromayatti kaasan gaaffii haqaa waan taheef gaaffiilee kana akka degeranii fi cinaa dhaabbatan illee sagalee isaaniin dhageessisanii jiru.
Wayita kana guyyaa har’aa barattooti human waraana Wayyaaneen qabamanii reebamaa fi gara mana hidhaatti geeffaman keessaa:-
- Gaaddisaa Tashoomee
- Damee
- Amadien Mohammad
- Araggaa Tashoomee dha.
- Jibaat – barataa IT waggaa 3ffaa
- Caffee
- Kkaasahuun
Kanneen jedhaman yeroo argaman, barattoota kana waraana Wayyaanee irraa buusuuf jedha gootonni ilmaan Oromoo dhagaa fi waan dandayan maraan duula gochuun yaalii isaanii muldhisanii jiraachuu Qeerroon University Adaamaa irraa gabaasa.
jabaadhaa yaa ilmaan oromoo looltanis loluu baataniis duutii issinirraa inollee haarka marsanii du’uuraa ajjeesanii du’uu wayyaa jabaadhaa waaqa oromoo isiin wajjiin jiraa.waaqqayyoon isiin haattiksuu !!!!!!!!!
Qaabssoon itt fufa oroomon ni mo’a
Sirumaa iyyuu callisni daran diinaaf karaa wal-qixxeessa malee , furmaata tokko illee nuuf hin laatu.isinis yaa barattoota adaamaa qabsoo kana hin laaffisinaa,jabaadhaa.barattoota eebbifamanii waraqaa qofti itti darbamee magaalaa finfinnee fi kanneen biroo keessa taa’anii tisiisa ofirraa haxaawan akkasumas kanneen yuunivarsitii fi koolleejiiwwan ,m/b biyyattii keessa jiran waliin harka wal qabadhaa.kanaafuu iyyinee iyya haa dabarsinun jedha.”kan sodaatanis du’a kan hin oollesoo isaa maaltu anaan na raasaree?”jedhe wallisaan.adaraa otoo lubbuun nu keessaa hin ba’in haa dhidhiittannu ! Dhaamsa haa dabarfannu ! Wal haa dammaqsinu!!!