1 thought on “Sagalee Diddaa Qeerroo University Haromaya

  1. Walaloo FINCILA DIDDAA GABRUMMAA
    ‘Facebook’ii malee hin tahuu?, ‘Tahriir’ malee hin dhaqamuu?
    Itti yaaduu dha malee tooftaan biraa hin dhabamu.
    Namuu itti haa yaadu cimsee, karaa nu baasu maraa,
    Callisuunis lolumaam, lagachuun guuza jaraa.
    ‘Internet’ sababsanii akka hin hafneef wal jalaa,
    Laf-jala waa falanii qopheeffachuu dha mala.
    Arabummaatti hamatuu warraaqsa amma jalqabee,
    Dubbisnee hin ilaalle malee, yoom deebisuu dadhabee?
    Irraa dheesuun hin tahu itti hirmaachuutu nu baasaa,
    Dammaqinaan hordofaa qaama mishaa fi mudaa isaa.
    Dhimma itti bahuun dansa, miidhaa isaas if irraa tiksaa,
    Akka Sabaatti ititnee tokkummaa keenya cimsaa.
    Akka nu hin baane carraan, keenya maddiitti gorsee,
    Gadaan waa-hallee ni dabraa, yeroon nu hin eegu obsee.
    Alaan’aluu lakkisaa, teenyee walitti nyikkisuu,
    Buruqsuuf haa fincilluu, dhullaa Oromoo dhikkisu.
    Raajii taanee hifannee, raajii gochuu hin jalqabnuu?
    Utuu itti murteeffannee waa takka illee hin dadhabnu.
    Malaa-marii qabaannee yoo sossooneef wal jala,
    Maal abbaa isaatu nu dhiba? itti kaanaan battalaa.
    Akkami ree akkas malee? Akki biraa jiraa ree?
    Akki qabbaneessaniin garaa bel jedhee aare.

    Barreessan walaloo jajjaboo sabaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s