Jilchaa Roorroo Irraa
Kabajamtoota Ilmaan Oromoo hunda dura nagaan ulfinaa fi kabajaan Oromummaa bakka jirtanitti isin haa dhaqqabu.
Addatti nagaan kabajaa Gootota Oromoo WBO dirree Falmii dirree keessa jiruu fi Sab- jaallattoota Ilmaan Oromoo/QEERROO OROMIYAA/ QFDG mootummaa gabroofataa irratti phiillee qabsiisee diddaa isaa adda durummaan agarsiisaa jiran maraaf!
Nuti Oromoon yeroo dhalannu akka sabaatti saba taanee, Biyya abbaa keenyaa Oromiyaa keessatti walabaan dhalanne.
Gabrummaa namaa malee Gabrummaa Waaqaa hin qabnu. Kanaaf Waaqayyoon galatni haa ga`u jedha.
Akka ilma Oromoo tokkootti waan of gaafachuu qabuu fi Lammii kiyyatti dhaamma dhu ykn gaafadhu keessaa,
1.Akkan dhaga`ee fi barruu tokko tokko irraa dubbisaa turetti Ummatni Oromoo jalqaba irraa/jaarraa 18 ffaa xumuura ykn jalqaba jaarraa 19ffaa irraa eegalee yeroo Humni gabroofataa Mootummaa Habashaa/Weeraraa minilki jalqabe sabni Oromoo tole jedhee guyyaa tokkoof humna gabroofataa gabbaree itti hin bulle. Hin funnellee dha.
2.Ummatni Oromoo diddaa isaa bakkoota addaa addaatti garsiisuun Sirna gabroofataa ofirraa qolchee deebisee Oromummaa isaa fi Oromiyaa akka sabaa fi biyyaattii kabajchiisee kabajee of ittisee jiraateera. Addaatti ammoo Biyyee abbaa keenyaa OROMIYAA nu dhaloota har`aatti mul`iseera. Dhaqqabsiiseera.
3.Akkuma kanaan sab- jaallattootaa fi biyyaaf of kennitootni Ilmaan Oromoos Oromoo fi Oromiyaatti Diinni roorisuu fi Doorsifamuu lammii isaanii arguu fi dhaga`uu warri hin hayyemne Ilmaan Oromoo qaroof i hayyuun/SABBOONTOTNI OROMOO/ dhaaba siyaasaa kan mataa isaa qabaachuuf i aangoo siyaasaa biyya isaarraatti Oromoon ofiin of abboomuu qaba jedhanii murteessanii/ofirratti murtessanii ABO bu`uuressan.
4.Seexaa fi seenaa qabeeyyiin ilmaan Oromoo kun akeekaa fi kaayyoo isaanii fiixaan baasuu fi hawwii fi dharraa bilisummaa saba isaanii kana dhugoomsuufis OFITTI MURANII MUREESSANII LUBUU ISAANII WAREEGANIIRU. saba isanii fi biyya isaaniif jecha lubbuu isaanii kan maliin hin jijjiiramnee fi eessaallee kan hin deebine dabarsanii kennaniiru.
5.Wareegama lubbuu isaanii itti kitiman kanaan Har`a Ilmaan Oromoo kumaa fi kitilaan lakkaa`aman har`a hiree addaa addaan biyya alaatti ba`uu fi hireen carraan addaa addaa Oromoo fi Oromiyaaf miijjateera.
6.Oromoo fi Oromiyaanis har`a Addunyaa irraatti dhagaa`amuu fi mul`achuun ishee fira dhiisii diinnuu hin haalu.
7.Nuti har`a sabni Oromoo eessaa kaanee eessa hanga geenyee fi amna han- gam deemnee hangami ammoo akka nu hafe amni qabsoof i daandiin irra jirru of gaafachuuf i milannee of ilaaluu qabna.
GAAFFII HAR`AA QABU/KA`UU QABU KEESSAA?
1.Seenaa fi gootummaan Oromota kaleessa dhageenye. garre.Onneen isaanii kale Oromota har`aa keessaatti hin hafnee moo? Sobmaa Moo Sombatuu Nu keessa guutee? Oromoo?
2.Goototaa fi Qabsaawota Bilisummaa sabaas seenaa isaaniis, gochaa isaaniis/Gootummaa isaanii boonsaa fi injifannoo isaaniis dhageenye .Agarreerra. Goototaa dhugaa fi seena qabeeyyii fi lammii boonsani dha.Yoomuu seenaan hin dagatu.
3.Nuti dhalootni har`a jirru maalitti jirra? Maal godhuu qabna? Maaltuu nurraa eegama? Akka nama tokkootti ta`e akka sabaattis?
4.Gootummaan saba Oromoo/Akaakayyoota keenyaa, Abbootii kenya irra ga`ee nuratti hanqatee.Moo mirga ofii falmachuu fi bilisummaa sabaa fi walabubbaa biyyaaf qabsaawuun namoota murtaa`ee fi muraasaaf dirqamni addaa/Waayeen QBSO/ Kan ilaallatuu fi hin laallannee qabaa? Kun dhimma biyyaa fi waayee bilisummaa sabaati beekaa Oromoo!
5.Isaan kaleessa biyyaaf wareegamanii dabran biyya jaallattootaa ta`anii nutii biyya keenya akkamitti ilaalaa fi Hubannaa?moo? gaaffiin bilisummaa fi dhimmi mirga abbaa biyyummaa isaan kaleessa kaasanii itti wareegamnii fi har`allee kan itti jiru dhimma dhuunfaa miti. Kan biyyaa fi sabaati. Waan biraa afeen Oromoon Gumaa QOMOO isaa kan Bilisummaa sabaa fi walabummaa Biyyaaf jecha falmaa irratti wareegameellee baasuu qabna. Kun aaddaa Oromoon Dur- durii dhalootan qabuu fi duu dhaa isaati Gumaa Qomoo keenyaa baasuu/baafachuu qabna!
6.Isaan Lubbuu jibbannii nuti ammoo Lubbuu keenya mararafannaa?Lubbuun sooressaa fi hiyyeessa/ gabbaa fi qallaa hin qabdu. Sabaa fi biyyaaf jecha biyyee ta`an malee. Ofii dabranii nu jiraachisaan. Ekeraan Gootota Oromoo nutty hiyyaa jira. Saba keenyaa! Maloo!
Isaan jiruu jireenya gabrummaa jibbanii Bilsummaa sabaa fi walabummaa biyyaaf of wareegan. Nuti ammo isaan yaadannee Bilisumama dheebonnee dhaamsa isaanii fi galfata isaanii bakka irraa dhaabanii fuudhee bakkaan ga`uu qabna.
7.Nuti amoo Bilisummaaf waregamiyyuu hafee QBSO f hangam? of kenninee hojjennaa fi hadoodnaa? Isaan gaaraa jiran, kan mana hidhaa jiran, Kanneen har`a biyya keessaa diina waliin falmaa godhaa jiraniif yaadnaa fi yaadannaa? Gaafannaan? Kaan ammoo beelaa fi dheebuu itti obese qabsoo hadhooftuu godhaa jira!
hangam of kenninee dhimma/waayee sabaa fi biyyaa yaanna.
HUB: Hawwuuf i hjjechuun addaa addaa.
Hawwiin /Abjuu dha.
Hojiin ammoo gootummaa fi dhugoomsuu dha. hawwii sana hojiin mul`isuu dha.
8.Oromootni biyya keessa /Oromiyaa keessa jiranii fi kan Biyya alaa jiru wal qixa dhimma bilisummaa fi walabummaa yaadaa?yaadda`aa jiraa?
Ga`ee fi qooda isaa akka ilma Oromoo tokkootti dhugumaan ni gumaachaa?
9.Har`a Saba Oromoo keessaa misaan utuu adda hin fo`iin kanneen QBO keessatti qooda fudhatee fi hiramaataa jiru Dhibbintaan yoo kaa`ame hangami ta`a? guddaa moo? Xiqqaa dha? Maaliif?
10 .Lakkoobsi saba Oromoo Kitilaa fi Kontola/M40 ol jedhama. Mee kan QBO keessatti hirmaataa jiru shallaggiin yoo ka`ame? Bakka QBO ga`ee fi hangami akka nu hafe tilmaamuun ni danda`ama? Kun kan tokkoon tokkoon nama Oromoo matayyan ta`e gamtaan itti yaaduu qabu dha.
Tarii har`a haala dhaabbilee siyaasaa Oromoo jidduu jijjiru qabsootti gufuu ta`e jedhee sababa jechuun ni mala ta`a.
Ani garuu akka nama tokkootti sana hin dhugeeffadhu. Sun sababa malee, isa hojjetuuf I hojjechuu barbaaduu ykn waliin hojjehcuu fedhuuf karaan, bakkai, dirreen, haallii fi ulaan hundi bal`aa fi banaadha. Oromiyaan balloo dha. Kanaaf ragaan guddaan waan keessa qaxxaamurree fi hojiin mul`ate dabred ha.
Akkasumas dhibdee fi rakkon siyaasaa/adumsi WARRAAQSAA namoota bira malee ummata Oromoo bal`aa fi guddicha bira hin jiru. Kan oduu fedhu, oduuma, kan hojii fedhu ammo hojii dha!
Kan haqaa fid hugaa fedhu karaan boobbicha dha! Kan ammo hokkoraa fi shira fedhuuf yoomuu furmaatni isaa QB finiisuun furmaataa fi xumuura ta`a. Ani gama kiyyaan akka nama tokkootti dhimma Oromoo fi waayee Oromiyaa irraatti/Dhimma QBSO irratti kan hojjetuu fi warraaqu waliin keessa fi alaan/biyya keessaa fi biyya alaa, hanga Dirree qabsoo WBO fi Qeerroo Oromoyaa/QO/ waliin walitti hidhannee gamtaan bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf hojjechuun galii bilisummaa keenyaan nu ga`an jedha. Kanattis amana!
Xumuura irratti:
1. Ilmaan Oromoo eenyu maal hojjetee fi maal hojjetaa jiraa? YKN, Maalii fi akkamitti kun ta`uu baatee fi han qatee utuu hin ta`iin ANI AKKA ILMA OROMOO TOKKOOTTI SABA KIYYAA FI BIYYA KIYYAAF MAALIN HOJJEDHEERAA? YKN HOJJECHUU QABAA FI HIN HOJJENNEE?JENNEE OF GAAFACHUU F I WAL GAAFACHUU DHA QABNA.
2.Sochii QEERROON Oromiyaa eegalan kana teenyee SBO ,VOA, odeessa meeshaa sab-qunnamtii addaa addaa irraan teeyee caqasuun gammaduuf i gadduu otoo hin ta`iin Nuti akka ilma Oromoo/Akka saba tokkootti bakka jirruu waan humnaa fi dandeetii keenyaaan bakka jirruun ,dinagdee, Yaadaa fi humna, qaamaa fi qalbiin QBf waan dandeenyuun keessaa qooda fudhachuu qabna.
Kana gochuuf ammoo dirqama seenaa dhaloota Oromummaa qabna.
kana godhuu baannee bori gaafatama seenaa jalaa miliquu hin dandeenyu.
ILMAAN OROMOO AKKA SABAA FI LAMMIITTI BILISUMMAA SABAA FI WALABUMMAA BIYYAAF JEDHEE KA`UU QABA! TOKKOOMUU QABNA!
BILISUMMAA! YKN DU`A! JEDHEE KA`UU QABA!SABNI OROMOO!
GUMAA GOOTOTAA FALMAA BILISUMMAAF WAREEGAMNII KAN JIRRU QABSOON NI BAAFNA!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Jiilchaa Roorroo! |
I appreciate your effort. qeerroo beektuu eennutu bilisummaa teenna affoo dhaabbate? anaa fi si’i, how??, meeti Oromoon bilisummaaf dhaabatee jiru? anas namatu na ergata, obboleessa kiyyas namatu ergata; yoom waan keenya dalagannee beekna! Oromoon maal dhabe, hoggana cimaa, tokkummaa fi ufittummaa. yoo kana argate
bilisummaan isa, a matter of minutes, does it make sense? yes, qeerroo miliyoona lama bilisummaa of keennu barbaanna……waan keessa kiyyaa as irratti isiniif barreessuun natti ulfaata?
guyyan nuf dhufuun isa hin olu jabaadha saba koo homaa miti wanti hundu ni darba