Ummanni Oromoo fi Sabni Haraarii Wal Tahuun FDG Gaggeessan. Magaalaan Hararisi Humna Waraana Wayyaanee guutte.
Gabaasa Qeerroo Ebla 25,2011, Haala mootummaan Wayyaanee Network qunamtii cicciruu irraan kan ka’e Odeessi duubana Baha Oromiyaa irraa nu gahe,ummanni Oromoo fi Hararii magaalaa Hararii fi naannoo ishee kan jiraatan gaafa Ebla 15,2011 fi Ebla 17,2011 magaalaa Harar keessatti FDG gaggeessan. Guyyaa kanaan duratti labsi Sochii Dargaggoota Biyyoolessaan(Qeerroo) waraqaan magaalaa Hararii fi naannoo sanitti faca’uu irraan kan ka’e humni feederaala Wayyaanee ummata hidhaa turuun beekamaa dha,.sanaan wal qabatee ummanni naannoo san jiraatu yeroo gabaabaa keessatti wal qindeessuun FDG wal faana gaggeessaa turaniiru. Yeroo kanatti humnootiin waraana Wayyaanee Oromoota fi saba Haraarii hedduu gara mana hidhaatti guuraa tureera.
Ummnni Oromoo fi Haraarii harka wal qabachuun magaalaa san keessatti sagalee fi dhadhannoo dhageessifachaa turan keessaa qabxiileen jajjabon:-
- Qabeenyi ummataa samamuu fi dachiin irratti gurguramuun akka dhaabbatu
- Hidhaa fi ajjeechaan Oromoo fi saboota kaan irraa akka dhaabbatu.
- Manneen hidhaa fi bakkeen itti reebaman battala akka cufaman
- Hidhaa fi ajjeechaan Fincila Diddaa Gabrummaa irraa nu hin dhaabu.
- Mootummaan kun bakkatala jijjiramee dhabotiin siyaasaa walitti dhifuun mootummaa cee’umsaa akka dhaaban.
- Morni bicuu TPLF ummatoota kaan baka bu’uu hin dandayu.
- Barattooti University lee adda addaa keessaa qabamanii badii tokko malee hidhaman battala gadi haalakkifaman fi kkf ture.
Kanatti dabalee Dilbata Ebla 17,2011 Ummanni Oromoo naanno Hararii jiraatan konkolaataa kiraayeffachuun kaanis miillaan kallattii 4n magaalaa seenuun ummata Oromoo magaalaa jiraatan waliin FDG gaaggeessuuf yeroo deeman,humni Waraara Wayyaanee godina Haragee bulchu itti bobba’uun keellaa irraa dhaabbatanii ummata konkolaataa irraa harcaasuun reebichaa fi rasaasaan madeessuun naannoo miidhaa guddaa irraan geessisaa turan. Kanneen kaan konkolaataa isaanii qabatanii harkaa fudhachuun qabeenyas qabanis irraa saamuun naannoo san irraa kaan ari’aa kaaniin ammoo hidhaatti geessaa turan. Kun kanaan osoo jiruu ummanni Oromoo magaalaa keessa jiru guyyuma kana gaaffii mirgaa fi FDG itti fufaa akka oole hubatamee jira. gabaafama. hwal tumsanii guyyaa gutuu FDG akka deemsisanii fi diddaa fi gaaffii isaanii mootummaan gaaffii mirgaa dhagahuu hin feeneetti akka dhageessisaa turan gabaafame.
Ummata Oromoo fi Hararii guyyaa finciloota kanaa hidhamanii fi miidhaan irra gahe odeessi Qeerroo gara fuula duraa ni gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!
This is a very good struggle of both the Harari and the Oromo against this nama-nyaata regime without falling into the trap of its best method of divide, polarize and rule! Enjoy the following: http://www.ethiopianreview.com/forum/viewtopic.php?f=2&t=27549
BRAVO. keep up the good work, Dictator Meles must go at any price.