Muddee 09,2015 Gabaasa Qeerroo Maqalee
Guyyaa hardhaa Mudde 9 ,2015 konkolaataa gabateen isaa 07404 Bishooftuu bus kan jedhu Tigiray magaalaa Maqalee ganda Kuha jedhu keessatti kan argame baratoota Oromoo Oromiyaa irraa fe’ee dhufee akka dhaabataa ture odeeffanoon nu gahe ture, haaluma kanaan wal qabateen yeroo ammaa baratoota Oromoo Yunbarsitii Maqalee mooraa Adiyaaqii keessatti
argamanu immoo sagalee gadda keenya dhageesifachu erga sambata darbee ittti jirra, Bartooti lama yeroo ammaa barbaadamaa jiru, barataan tokko akka qabame oduun na gahee jira.
Haaluma kanaan kan wal qabate Yuunbarsitii ADIGRAT keessatti baratoota Oromoo 25 harka iID card n funaanamee kan immoo qabamani kan immo mooraa keessa baqatani bosona keessati kan argaman jiru, haa tahu male Yunbarsiti Adigrat yeroo amma waraanan marfamtee jirti waraani kun kan dhufe reebichuma baratoota oromoof ykn baratoota id card harka funaname guure bahuuf jedhaniti jedhu baratoonni yunbarsiti adigrat.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist